Sigiga lafaa Kolombiyaatti uumameen lubbuun namootni 11 darbe

Lubbuu baraartonni namoota miidhaman barbaaduutti jiru

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Lubbuu baraartonni namoota miidhaman barbaaduutti jiru

Rooba cimaa booda sigiga lafaa uumameen Kolombiyaa giddu galeessaa keessatti yoo xiqqaate lubbuun namoota 11 darbeera.

Bulchiinsa Risaraalda keessatti balaa uumame kanaan manneen jireenyaa hedduu barbaada’anii namootni 35 ammoo miidhamanii wal’aansa argachaa jiru.

Anga’oonni yeroo tulluu naannichaa ol jirurraa lafti sigigaate manneen uwwisee jiru suura mul’isuuu baasaniiru.

Laga nannicha jiruu fi sababa roobaan guutee jiru cina namotni jiraataan biroon ammoo nageenya isaaniif bakka biraatti geeffamaniiru.

Dhoqqee sigiga kanaan uumame keessa, lubbuu baraartoonni namoota oolan barbaachaa akka jiran, qondaalli to’annoo balaa Kolombiyaa himeera.

“Sagalee guddaatu nu rifaasise. Yeroo gadii baanuu tullurraa lafti sigigaate maneen irra bu’ee jiru argine,” jechuun konkolaachisaan taaksii Dubernee Hernaandeez miidiyaa AFP’tti himeera.

“Gara sanatti yemmuun deemu, haalli isaa hamaa ture, namootni ugguramanii turani.”

Lakkoofsi namoota du’anii dabalaa deemuu danda’a yaaddoon jedhu jira.

Tulluu gariin jigee mana irratti agarre jedha jiraataan tokko

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Tulluu gariin jigee mana irratti agarre jedha jiraataan tokko

Kolombiyaa keessatti balaan sigiga lafaa kan baramedha, waqtii roobaatti balaa kanaaf caalaatti kan saaxilamu manneen naannaa gaarreenitti ijaaramanidha.

Bara 2019’tti balaa sigiga lafaa Kibba-Lixa biyyatti bulchiinsa Kawukaa rukuteen yoo xiqqaate namootni 28 lubbuun isaanii darbeera.

Bulchiinsa Putumayootti balaa walfakkaataa bara 2017tti uumameen ammo namootni 250 ol du’aniiru.