Chaayinaatti harmeen daa’imashee balaa sigiga lafaa irraa olchitee ofii duute

Madda suuraa, Reuters
Chaayinaatti sigigi lafaa fi lolaan yeroo mana ishee rukutetti, dubartiin daa’ima ishee olchuuf jecha darbatteen akka lubbuun ishee darbe hojjattoonni lubbuu baraarsaa himan.
Daa’imni dubara kun erga sa’atii 24 oliif jijjigaa manaa jala barbaadamtee booda Roobii lubbuun argamteetti.
Bulchiinsa Henaan, ganda Wangzongdiyaan keessatti roobni cimaan roobee sigiga lafaa kana akka uume gabaafameera.
Naannichatti sababa rooba cimaan balaa lolaa uumameen, yoo xiqqaate namootni 51 du’anii namootni 400,000 ta’an ammoo qe’ee isaanii gadhiisanii baqachuuf dirqamaniiru.
Viidiyoon yeroo lubbu baraartonni daa’ima kana oolchan mul’isu Chaayinaa keessatti hedduu qoodamaa jira. Daa’imni kun umurii ganna sadii ykn afur taatii jedhamee yaadama.
“Sagalee daa’ima boossuun dhaga’e, yeroo sana lubbuu baraartonni ga’anii da’ima kana olchuu danda’aniiru. Harmee isheetu lafa ol ka’aatti ol darbateeni, “ jechuun miseensi maatii Zawoo jedhamu Southern Metrapolis Daily’tti himeera.
Daa’imni kun hatattamaan hospitaalatti geeffamtee, miidhaan akka irra hin geenye barameera.
Reeffi harmee ishee Kamisa argame. Lubbuu baraartonni akka Beijing Youth Daily’tti himanitti yeroo reeffa ishee argatan, qaamni ishee akka waa ol dhiibaa jirtu fakkaatee gogee ture.
“Yeroo ijoottidha daa’ima ishee ol kan kaaste, kaanaaifidha daa’imni kun lubbuun kan oolte,” jechuun hojjataan lubbuu baraaraan tokko gaazexeessitoota Yong’tti himeera.
Miidiyaaleen biyyattii maqaa harmee fi daa’ima kanaa hin kennine.
Torban darbe keessa naannichatti roobni cimaa fi lolaan balaa cimaa uume tureera. Daandileen ijoo lagatti geeddaramanii, konkolaattonni, jijjigni manneenii fi namootni illee lolaa dambalii cimaan adeemuu kanaan fudhatamaniiru.
Magaala gudditti bulchiinsicha Zheenzhuu keessatti, Kibxata galgala yeroo lolaan geejjiba baaburaa lafaa jalaa keessa seenetti yoo xiqqaate namootni 12 du’aniiru.
Erga lolaan riqichaa ijoo gara gandooliitti geessuu balleessee booda hojjiin lubbuu baraaruu akka cimaa dhufe Zhawoo dubbateera.
Manneen hedduu lolaa fi roobaa kanaan barbada’anii, jiraattonni gandoolii balaaf saaxilamaniiru.
“Ganda Wangzongidiyaan keessa ammayyu maanguddootaa fi daa’imman hedduutu jira, of olchuudhaaf dandeetti muraasa qabu,” jedha Zhawoon.
Jimaata irra lubbuu baraartoonni nannoo jiraattota miiliyoona 90 ol qabu kana keessaa namoota lubbuun oolan barbaadutti jiru.














