HobombolleettiinLekima du'a namoota 28'f sababa ta'eera

Madda suuraa, AFP
Chaayinaatti hobomboleessa hamaa mudateen namoonnii 28 yoo du'an, miiliyoona tokkoo ol kan ta'an qe'ee isaaniirraa akka baqatan sababa ta'eera.
Qondaaltotni akka jedhanitti sigaga lafaa sababa hobomboleessa kanaan dhalatetu lubbuu namootaa galaafate. Namoonnii 10 ta'an hanga ammaa hin argamne.
Sanbata ganama naannoo magaala Shaangihaayitti hobomboleessaa moggaasni Leekimaa jedhamu kennameeftu lafa sigigeesse.
Hobomboleessi kun kana caala hamaa ta'a jedhamee tilmaamamee ture.
Lubbuu baraartootni bakka mukeeniifi manneen hedduun jijjiganitti namoota miidhaman gargaaruutti jiru.
Sababa kanaan ibsaan adda citeera.

Madda suuraa, Reuters
Sodaa balaa kanaarraa kan ka'e aangawoonni balaliin xiyyaaraa 1,000 fi geejibni baaburaa akka adda citu taasisanii ture.
Balaan kun magaalota gurguddoo biroo osoo hin gahiin laafaa deema jedhamee eeggamus lolaa mudaturraa kan ka'e hanga sun ta'utti midhaan qaqqabsiisu garuu salphaa hin ta'u jedhu ogeeyyiin.

Madda suuraa, Reuters
Namootni miiliyoona tokko ol ta'an qe'ee isaaniirraa yoo baqatan, pooliiwwan aanniisaa elektirikaa daddabarsan jijjiiguurraa kan ka'e manneen miiliyoona 2.7 ta'anis anniisaa elektirikaa dhabaniiru.
Akka Shiniwaan gabaasetti hobonboleettiin hamaan bokkaaa cimaa makate kun barana biyyattii yoo mudatu kun isa sagalaffaa dha.















