Chaayinaatti oolmaa daa'immanii allbeedhaan haleelame

Danaa argama Chongqing agarsiisu
Ibsa waa'ee suuraa, Danaa argama Chongqing agarsiisu

Chaayinaa kutaa bulchiinsa Chongqing keessatti dubartiin tokko alawaada keessa aalbee/haaduu fudhattee akkuma baateen Iddoo Oolmaa daa'immaniitti of argite.

Achiis daa'imman taphachaa jiran gidduu seentee ciruu eegalte,bakki isaa gara kibba dhiha chaayinaati.

Dubartiin ganna 39 kun maaliif akka gocha kana raawwate wanti ifa ta'e hin jiru,garuu aarii akka mootummaarraa qabdu miidiyaa hawaasummaarratti barreeffamaa ture.

Maqaa masoo Liu jedhamuun kan beekamtu dubartiin kun yerosuma qabamtee hidhamte.

Poolisoonni biyyattii gabaasa daa'imman lama du'aniiru jedhu ni haalan.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Daa'imman goor-duuba mana hidhaa

Haleellaan aalbeedhaan geggeeffamu yeroo baayyee daa'imman Chaayinaa mudata.

Kunis namoota mufii aanga'oota mootummaa ykn nama dhuunfaarraa qabaniin raawwata.

Namoonni rakkoo sammuu qabanis yakka akkanaa wayita raawwatan mul'atu.