Chaayinaa: Balaa warshaa albuudaan yoo xiqqaate namoonni 14 du'aniiru

Madda suuraa, AFP
Dhoohinsa kibba-lixa Chaayinaa iddoo albuudni cilee baafamutti uumameen yoo xiqqaate namoonni 14 du'an.
Aanga'oonni naannichaa akka jedhanitti naannoo 'Guizhou'tti , ammatti namoonni lama lafa jalatti danqamanii jiru.
Ji'a Onkololeessaarra jalqabee Chaayinaa keessatti iddoo albuuda baasan shan garagaraatti balaa dhaqabeen yoo xiqqaate namoonni 37 du'aniiru.
Sababni balaa kanaas yeroo hedduu seerri of eeggannoo lafa hojii haalaan hojiirraa hin ooliin hafuudha.
Dhohinsi naannoo 'Guizhou' albuuda baasanitti mudate gaafa Kibxataa ganama dhaqabe. Hojjattoonni torba nagaan baraaramaniiru.
Gaafa Sanbataa lolaa kibba-lixa Chaayinaa bakka albuudni cilee bahutti mudateen namoonni shan yoo du'an namoonni 13 hanga ammatti danqamanii jiru..
Yeroo lolaan kun mudatutti hojjattoonni albudaa 'Shanmushu' 347 ta'an hojiirra turan.
Sadaasa 25 naannoo 'Guizhou' iddoo albudni bahutti balaa biraan namni tokko du'eera.
Achi dura Chaayinaatti naannoo 'Shanxi'tti dhoohinsa Sadaasa 18 mudateen hojjattoonni 15 du'aniiru.
Yeroo sanitti aanga'oonni akka jedhanitti balichi "dambiifi seerotaa cabaniin" mudate.
Ji'a Onkololeessa keessa immoo baha Chaayinaatti balaa dhoohinsaa dhaqabeen namoonni lama du'aaniiru.
Hanqinna of eeggannoo iddoo hojiittiifi lakkofsa balaa dabalunsaa seektarri albuudaa Chaayinaa akka ji'a Onkololeessa keessa mootummaan of eeggannoo iddoo hojiitti "tarkaanfiin" akka fudhatamuuf ajajuusaa AFP'n gabaaseera.
Du'a dhaqabaa jiru cinaatti of eeggannoon iddoo hojii fooyya'aa jira.
Bara darbe balaa albuudaa dhaqabeen Chaayinaatti namoonni 333 du'aniiru- kunis kan bara san duraarra %13'n gad bu'aadha.
Akka gabaaasa 'Reuters'tti Chaayinaan ji'oota kudhan duraa bara kanatti, albuuda cilee toonii biiyiloona sadi baaftee jirti- kunis immoo yeroo walfakkaata bara 2018 waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu %4.5 ni caala.













