Balaa Xiyyaaraa: Diinqa 'Boeing' keessatti rakkoo maaltu uumame?

Diinqa xiyaarichaa

Akkuma sagaleen akeekkachiisaa diinqa xiyyaaricha keessaa iyyeen, Kaappiteenichiifi gargaaran isa xiyyaara deebisanii to'achuuf hanga danda'an hunda yaalanii ture.

Lafatti baay'ee dhiyoo waan turaniif ol ba'uudhaaf barbaadanii ture.

Kaappiteen Yaared Getaachoo yoo funyaan xiyyaarichaa ol qajeelchuuf yaalu, sirni balaliinsa xiyyaarichaa to'atu ammoo akka inni gadi deebi'u harkisa ture.

Kanaafuu mala biraa fayyadamuudhaan xiyyaarichi akka qixa sirriitti deebi'u gochuuf yaaleera. Haata'u malee, sakandoota muraasaan booda harkaa gadi deebii'e.

Battalumattis gulantaan xiyaaraa harka isaatti raafamuu jalqabe. Kun ammoo akeekkachiisa xiyyaaricha balaan akka mudateefi samiirraa kufuuf akka jiru kan agarsiisu ture.

Sagaleen akeekkachiisaa baay'ee nama rifachiisu "don't sink" jedhu si'a sadii dhagahame. Kana jechuunis irraan gadee hin bu'iin jechuudhaaf xiyyaarichi gadi bu'aa jiraachu kan himu ture.

Gargaaraa isaa Ahimednuur Mohaammed Omaar waliin ta'uunis fala hatattamaa jedhan adda baasan.

Xiyyarichi akka gara sirriitti deebi'ee balali'uuf sirna balaliinsa xiyyaaraa to'atu dhaamsanii harkaan to'achuuf jalqabanii turan.

Paayilate Yaareed Getacho (mirga) hiriyoota saa waliin

Deebisanii to'achuun garuu rakkisaa ture. Yeroo kanatti xiyyaarichi saffisa isaa gar-malee dabalee waan tureef to'annaan paayileetonni kunneen harkaan (manual) taasisaa jiran jijjiirama hin fidne.

Waan hundumaafuu Kaappiteen Geetachoon sirna balaliinsa xiyyaara to'atu dhaamsee ture deebisee ibsuun funyaan xiyyaaraa ol qabuuf yaale.

Xiyaarichis deebii kennee yeroo gabaabduuf ol ba'uu jalqabe.

Garuu battaluma sanatti, sirni ofiin balaliinsa xiyyaaraa to'atu waan giddu seeneef gadi bu'uusaatti deebi'e.

Ammas sagaleen akeekkachiisaa biroon iyyee. Innis xiyaarichi saffisa gar-maleetiin dhidhimaa akka jiru akeekkachiise.

Abdii kutuun, Kaappiteen Getaachoon akka isa gargaaruuf gargaaraasaa waame. Waliin ta'uunis, gulantaa to'annaa sana humna qabaniin yeroo dhumaaf to'achuuf yaalan.

Xiyyaarichis ka'ee daqiiqaa 6'tti saffisa isaa dabaluun funyaan isaa kallattiin lafattiin 500mph amma lafatti seenuutti bu'e. Namoonni 157 ta'an kanneen biyyoota 35 irraa ta'an du'an.

Koshaa Vaaldiyaa fi abbaa manaashee pirerit Diksit ijoollee saanii lama waliin maatii lubbusaanii guyyaa sana dhaban

Isaan keessaayis lammiin Kaanaadaa dhaloota sadii keessatti argamu. Abbaa warraa Pireetii Diksitiifi haadha warraa Koshaa Vaaydiyaa, ijoollee isaanii lama Ashkaafi Anuushkaa waliin imalaa turan.

Hundi isaaniiyyuu balaliinsa isa ganamaatiin Finfinneerraa ka'anii gara Naayiroobii, Keeniyaa galuuf turan.

Haalli qilleensaa baay'ee gaarii ture, ifaadhas. Xiyyaarichis, Boeing 737 haaraa ture.

motora xiyyaara kufee cacabee

Ji'a shan duras, xiyyaarri gosa kanaa, Boeing 737 Max 8, qabeenyumaan isaa kan Indoneeshiyaa 'Lion Air' ta'e, magaalaa gudduu biyyattii Jakaartaa irraa gara Magaalaa gama Lixaa Pangkaal Pinaang imaluuf ture akkuma ka'een paayiilatichi rakkina cimaa keessa ta'u hubate.

Akkuma balaliiftoota xiyyaara Itoophiyaa, funyaan xiyyaarichaa ol kaasuuf yaaliin taasisan hinmlkoofneef hafe. Xiyyaarichi yeroo ol ba'uun isarra jirutti irraan gadi dhidhimuutti ka'e. Kunis al 20 samiirratti isaan mudate.

To'attoonni tiraafika xiyyaarichi raadaariirratti xiyyaarichi gadi dhidhimaa akka jiran arganii hedduu yaadda'an.

Paayileetota keessaa tokkoos "rakkinni to'annaa balaliin" isaan mudatachuu raadiyoorratti dubbate ture.

Gareen balaliisitotaa rakkoo mudate furuuf dhama'an illeen, caalaatti haalasaa wallaalaa deeman.

Sirriiyyuu meeshaan isaan irraa dubbisan ol fageenya addaa itti mul'isaa ture. Kanaafuu ol fageenyaafi safisa irratti argaman hin beekan ture.

Dhumarratti, gutummaatti to'annaa isaanii ala ta'e. Xiyyaarichi akka deebi'uu hin dandeenyetti saffisaan funyaaniin dhidhimaa deemee Galaana Jaavaa irratti caccabe.

Namoonni 189 lubuu isaanii dhaban.

Bakka xiyyaarri Indoneshiyaa itti cacabe

Baatii shan keessatti balaan walfakkaatan lama kan mudate xiyaara gosta tokko ta'eetiin.

Balaa lamaffaa mudate guyyoota muraasaan booda qorattoonni balaa, "ifaan ifatti walfakkaachuu" balaa kanneenii hubatan. Kanaaf, sababiin rakkoo walfakkaa?

Xiyyaarri yoo caccabu, qorannoon atattamaan jalqabamuu qaba.

Firoonni deebii barbaadu. Daandiiwwan xiyyaaraafi kampaanonni omishanis rakkoon akkasii akka deebiyee hin uumamneef baruu barbaadu.

Qorattoonni ammoo kan barbaadan raga balali'insaa kan galmeessudha.

Boeing xiyyaarri inni omisha naga qabeessa jedhee falmus garuu barruu maalti akka ta'uufi maal godhamuun akka qabu ibsu daandii xiyyaarotaaf kenneera.

Hojii guyya guyyaa keessatti, paayiletoonni akkamitti akka opereeshiniin adda adda hojjetan sadarkaa sadarkaadhaan kan hubachiisu barreeffama maxxansiifatanii fayyadamu.

Yeroo rakkoon tokko balalii irratti uumamu, rakkoo mudate furuudhaaf dubbisanii kan ittiin gargaaraman ni jiru.

Yeroo rakkinni akkasii uumamu kanatti, paayiletoonni kompiitera irratti hundaa'uu dhiisanii harkaanillee fayyadamuun balaliisisuu ni danda'u.

Boeing garuu rakkoo kana hambisuuf ture kan mosaajii (software) kan hojjette.

Hanga yeroo xiyyaarri Itoophiyaa lakkoofsa balalii 302 yeroo dhumaadhaaf balali'uuf kaatuutti kun irratti hojjetamaa ture.

Sababiin balaa uumaman lamaanuu, baayyee akka tokko ta'e amma beekneerra.

Akka gabaasa dura kennametti, paayiletoonni Daandii Xiyyaara Itoophiyaa akka qajeelfama kampaaniin xiyyaaricha omishee kennetti balaa itti dhufe hambisuuf hojjetanii turan.

Garuu lubbuusaaniifi kan imaltoota biro hambisuu hin dandeenye.

Amma boeing irratti gaaffii cimaatu ka'aa jira. Kunis xiyyaarichi rakkoo akka hin qabneefi nagaa ta'uu isaa fudhachuu ykn ammo erga balaan kan Lion Air qaqqabee booda tarkaanfii cimaa fudhachuun irra ture.

Qondaaltoonni yoo galmeessituu odeeffannoo balaliinsa xiyyaara Laayin 610 ilaalan

Amma 737 MAX hojii keessaa baafameera

Hariiroon kampaanii guddichi kuniifi qaama mootummaa Ameerikaa industiricha to'atuu, Bulchiinsa Aveeshinii Federaalaa yeroo kamiyyu caalaa qorannoo addaa keessa akka galu taasiseera.

Mudde 8, 2015 Boeing yeroo omisha haaraa kana (737 MAX) eebbisiisu hojjetoota isaa kumaan lakkaa'aman durattii warshaa isaa Reenton, Kutaa Waashingiteen keessa jiru keessatti, kun yeroo itti boonnudha.

Ifaajee waggaa afurii yeroo itti bu'aa isaa arginedha jedhee ture.

Hojjetoonni Boeing waan uuman kanatti gammadanii, uffata hojii isaanii uffachuun xiyyaara haaraa kana (737 Max) waliin suura ofee ka'aa turan.

Moodeliin haaraa kun xiyyaara saffisa addaan akka addunyaati baayyee gurguramu ta'uuf ture.

Haata'u malee, Max guutummaan guutuutti haaraa miti. Boeing 737 irraa kan caalaatti foyyaa'edha. Moodeliin Boeing 737 kun ammo yeroo jalqabaatiif bara 1967 ture kan yeroo jalqabaatiif balali'e.

Erga bara sanaatii 737 kun yeroodhaa gara yerootti haara'uufi foyyaa'uudhaan akka inni sadarkaa jaarraa 21ffaa keessa balali'uu itti fufu taasifamaa tureera.

Max kun gosa xiyyaaraa 737 isa dhaloota afraffaadha. Xiyyaarri kun baayyee qulqulluu, callisaafi kanneen duraan turan caalaa bu'e qabeessadha.

xiyyaara Max 737

Madda suuraa, Huw Evans picture agency

Boeing milkaa'uudhaaf maaltu barbaachisa?

Eebbifamuu isaatiin waggaa afur dura, kampaanichi rakkoo hamaa keessa ture. Dorgomaafi masaanuun isaa guddichi Awurooppaarraa ta'e Airbus omisha isaa A320 jedhamu kan 737 waliin walgituufi kallattiin dorgomuu danda'u hojjechaa ture.

Dorgommiin Boeing fi Airbus gidduu jiru yeroo hunda akka malee cimaadha. Xiyyaaronni gita walii garuu gabaa irratti wal dorgoman, 737 fi A320 addunyaa aveeshinii keessatti guyyaa guyyaadhaan gabaa to'ataniiru.

Kampaanota lamaaniif madda bu'aa amansiisaafi itti hirkatan ta'uudhaan, gabaa addunyaa jiru waluma qixa lamatti hirataniiru. Garuu A320 haaraan Airbus tiif carraa guddaa kennuufiifiin masaanuu isaa sosodaachisaa tureera.

Gatii foyyaa'aa, tekinooloojiidhaan kan foyyaa'eefi kan boba'aa qusatu ta'uun gabaadhaa dhiyaachuun Airbus morkataa isaaf yaaddoo ta'aa dhufee ture.

Boeing callisee hin teenye, kanaaf deebii kennuun irra ture.

"Boeing hanguma dhiisaa deeme, caalaa duubatti hafaa deema," jechuun ibsan paayiletiifi ogeessi 737 Chris Brady.

Boeing filannoowwan ittiin 737 bakka buusu waggoota dheeraadhaaf qorachaa tureera.

Haata'u malee yeroo sanatti, 787 Dreamliner kan seenaa keessatti adda jedhameefi baayyee bu'a qabeessa jedhame yeroo itti xumuramuun irra ture waggootaaf boodatti harkifatee ture.

Baajanni isaas dolaara biliyoona hedduudhaan hanga yaadamee ol ta'ee ture.

Boordiin kampaanichaa akka xiyyaarri gosa haaraa ta'e duwwaarraa ka'amee hojjetamuun gabaaf dhiyaatu waan fedhii dhaban fakkaata ture.

Filannoon biraan qaban, isuma ture irra deebiyanii foyyeessuun akka haaraatti tolchuun motora caalaa foyyaa'aa qabu hojjechuu ture.

Dhiibbaan dorgommii gabaa akkuma itti cimaa dhufeen, maamiltoota isaa gurguddoo keessa tokko kan ta'e Daandiin Xiyyaara Ameerikaa Airbus biraa xiyyaarota ajajachuuf fedhii qabachuu mallattoo argan.

Yeroo kanatti sagantaan Boeing 737 Max akka itti fufamee hojjetamu kan taasifame.

A320 fi 737 baayyee kan walfakkaatan ta'us, rakkoon omishuu keessatti isaan mudate garuu baayyee adda addaa ture.

A320 bu'uurumarraan xiyyaara baayyee hamayyaa'aafi baroota 1980n gara dhumaa keessa kan balali'uu jalqabedha.

A320n Xiyyaara 737 kan baroota 1960n keessa hojii yeroo jalqabu fireemiin isaa tolfame caalaas dheeraadha.

A320n Xiyyaara 737 kan baroota 1960n keessa hojii yeroo jalqabu fireemiin isaa tolfame caalaas dheeraadha.

Kun Boeing'f motora haaraa tolchuufiifiin baayyee salphaadha.

motora xiyyaarichaa

Madda suuraa, Getty Images

MCAS maalidhaa?

Boeing 737 Max hojjetamuun MCAS sirna balali'insaa akka hojjetamu taasiseera. MCASn balaa qaqqabe kanaan walqabatee qorannoo taasifamuuf dhimma ijoo ta'eera.

Ofii MCAS maalidhaa? MCAS siisteema akka xiyyaarri gar-malee ol hin baaneefi gadis hin buuneef to'achuudhaaf akkaataa dandeessisuun kan hojjetamedha.

Xiyyaara rakkoon suuta jechuu kan mudatu yeroo xiyyaarichi irraan gadee deemaa jiruttidha. Kun ammoo dandeettii to'annaa kan kaattuuwwan/baalleewwan xiyyaaraa cinaa jiran humna dhowwachuudhaan akka xiyyaarichi kufu taasisuu danda'a.

Karaa barameen funyaan xiyyaarichaa suuta balali'uu keessaa yeroo baasuudhaaf jedhutti akka funyaan xiyyaarichaa gadi gara galu taasisa.

Gosoonni xiyyaarota balaan irra ga'e Boeing 737 MAX irra siistemoonni to'annaa jiran (MCAS) ammoo yeroo wanti akkasii mudatanitti xiyyaaricha ofiidhuma isaa sirreessuudhaan bakka isaatti deebisa.

Xiyyaaricha irratti wanti walfakkaatu kan mudatu yoo ta'eefi yoo kana ta'uu beeke siisteemni to'annaa kun irra deddeebiyuudhaan tarkaanfii sirreessuu ofiidhuma isaatiin ni fudhata.

Balaa Daandii Xiyyaara Itoophiyaa kanarra ga'een baatii shaniin dura xiyyaarri Indoneeshiyaa rakkoon walfakkaataa to'annaa xiyyaarichaa kofa balali'insaa agarsiisu qaqqabee turee ibsameera.

Yaalii balalii fakkeessuun shaakaluu (simulator) irratti akka mirkanaa'eetti siisteemiin to'annoo MCAS jedhamu kun hanga eegameen ol cimaa waan ta'eef irra deddeebi'uun funyaan xiyyaaraa akka gadi garagalu dirqisiisa.

Balaa xiyyaara Indoneeshiyaa qaqqabe baruudhaaf yaalii simulator irratti taasifameen akka irra ga'ameen xiyyaarichi irraan gadee funyaaniin galaana keessatti kufuuf akka jiru kan barame yeroon sekondii 40 gadi ta'e yeroo isaan hafutti ta'uu isaa Niiwuu Yoork Taayims gabaaseera.

Kana irraan kan ka'eenis Boeing MCAS akkamiin fayyadamuun akka danda'amu irratti balalistotaaf qajeelfama baasus, sooftiweerii/mosaajii siisteema xiyaara irratti qabate to'achuudhaaf barbaachisu irratti jijjiirama barbaachisu kan beeksise garuu torban darbe ture.

Dabalataanis, yeroo balali'uu rakkoon yoo mudatutti paayiletootaaf of eeggannoo kennuu kan danda'u ifti akeekkachiisaas xiyyaarota lamaan, kan Itoophiyaafi Indoneeshiyaa irratti hin qabsiifamne ture.

Xiyyaarawwan Boeing hojiin ala taasifaman

Madda suuraa, Getty Images

Boeing fi Bulchiinsa Aveeshinii Federaalaa kan Ameerikaa (FAA)

Kan FAAn ittii himatamaa jiru sirriitti to'annoo barbaachisu taasisuu dhabuudhaan.

Kun yeroo baayyee ejensiiwwan mootummaafi industirii isaan to'atan gara malee walitti dhiyaachuun michooman uumama. Kana ta'uun ammoo akka isaan fedhii uummataa eeguu caalaa fedhuu bu'aa ilaalan taasisa.

FAA 737 Max akka balali'uu jalqabuuf waraqaa raga kennuusaatiif itti gaafatamaadha.

Warreen qeeqan akka jedhanitti ejensichi akka xiyyaarri sun hojii dhaabu taasisuuniifi jalqabumarraa adeemsi waraqaa ragaan mirkaneessuu itti kennameef rakkina qaba.

Warra qeeqan keessa tokko Senatara US Richard Blumenthal isaan tokkodha. Erga xiyyaarri Itoophiyaa caccabeen booda koreen Seneetii dhimmicharratti mare taa'anii turanirratti, hanqina FAA kaasuun hedduu ceepha'an.

Keessumaa akka 737 Max hojii keessaa ba'uuf dhaabsisuufillee hedduu boodatti harkifatan jedhan. Kana malees nageenya xiyaaraa sakatta'uun mirkaneessuun Boeing matamaasaatti kennamee nageenyi akka xiyyeeffannoo dursaa hin arganne taasiseera jedhu.

Nafii nafoodhaan xiyyaara omishanii gabaadhaaf dhiyeessuudhaaf, murteessaa kan ta'e dhimmu nageenyaa ilaalcha keessa hin galiinhafe jechuun qeeqan.

Max 8 737

Madda suuraa, Getty Images

Boeing faayidaa dinagdee guddaa qabaachuun isaa gaaffii hin qabu.

Ameerikaa keessatti qofa, namoota 135,000 ol qacaree hojjechiisa. Akkasumas warra Ameerikaan dhiyeessituuf ammo namoota miliyoona tokkoo ol ta'aniif hojii uumeera.

Akka addunyaattis warshaa xiyyaara omishu isa guddichadha. Galiin inni waggaatti argatus Dolaara Biliyoona 100 yommuu ta'u bu'aan isaa ammo Dolaara Biliyoona 10.

Balaan Xiyyaara Itoophiyaa erga qaqqabeen booda gaafa Bitootessa 11, FAAn barreefama baaseen balali'uu akka danda'u ibsee ture.

Gabaasni jalqaba bahe akka agarsiisutti, balaan xiyyaarota lamaanii isa kan Itoophiyaafi Lion Air Indoneeshiyaa gidduu "walfakkeenya qabau" jedhu.

Ejensichi didee qorannoon balaa Xiyyaara Itoophiyaa kun reefuu itti deemamaa waan jiruuf hin baramne jedhe. Kun ammoo "ragaan ga'aan waan hin rgamneef tarkaanfii fudhachuuf hin dandeessisu," jedhe.

Aveeshiniin CHaayinaa xiyyaarota 737 Max kana hojii keessaa akka bahan tarkaanfii fudhachuuf Itoophiyaa waliin ishee jalqabaa turte. Kun ammoo guyyaa balaan qaqqabetti aansuun ture. Kanneen biroonis itti fufanii tarkaanfii fudhatan.

FAAn garuu hanga Bitootessa 13 tti turuun ture kan dhaabsisuu ajaje. FAAn jalqaba ibsa baaseen akka jechuun BBC'tt himee ture.

"Adeemsi FAAn ittiin xiyyaarotaaf waraqaa raga gahumsaa kennuuf kan sirriitti jabaateefi duraafi duuba nageenya xiyyaara sirnaan hordofudha.

Sagantaan 737 Max waggaa shank an fudhateefi adeemsa waraqaa raga kennuu kan istaandardii FAA hordofuudhaan kana mirkaneessuudhaaf hojjetoota keenya saatii 110,000 itti fudhateera."

Boeing ammo gama isaatiin seerafi danbii FAA guutummaan guutuutti hordofuun akka hojjetu dubbatee ture.

"Hariiriin yeroo dheeraa FAA, Boeing tiifi maamiltoota isaa gidduu jirus sirna tiraanspoortii akka addunyaatti hunda caalaa naga qabeessa ta'e uumuuf dandeessiseera."

Haata'u malee, erga balaan xiyyaara Itoophiyaarra ga'een booda Dameen Tiraanispoortii koree adeemsa ittiin FAAn waraqaa raga kennu qoratu hundeesseera.

Kun osoo kanaan jiruu, dhiibbaan bitaafi mirgaan Boeing irratti dabalaa dhure.

Firoonniifi maatiin namoota balaa xiyyaarota lamaaniin dhumanii himannaa irratti banuu jalqaban.

Investeroonni tokko tokkos bu'aadhaaf kakka'uudhaaf jedhee Boeing 737 Max gabaatti dafee dhiyeessuun, "nageenya caalaa bu'aa mataasaatiif dursa

Boeing amma akka jedhutti paayileetonni hundi Max balaliisisuu barbaadan sagantaa leenjii biraa argachuu qabu.

Qorattoonni amma paayiletoonni balaa xiyyaarotaa lamaanii hangam system xiyyaarichaa akka hubatan ni qorata.

Gabaasa marsaa jalqabaa balaa Xiyyaara Itoophiyaa irratti ba'een garuu paayiletoonni kan dand'an mara akka taasisan Daandiin Xayyaaraa Itoophiyaa ibsa baasee ture.

Paayiletoonni daandii xayyaarichaas akkuma Boeing ajajutti xiyyaaricha to'achuuf tattaaffii cimaa taasisaa turuu ibseera.

Hoogganaa Olaanaa Daandii Xiyyaaraa Itoophiyaa Tawoldee GabraMaariyaam, "Paayileetota keenyaan hedduu boonna," jedhan.

Guyyaa yaadannoo namoota lubbuusaanii balaa xiyyaarichaan dhabaniif itoophiyaatti taasifame

Madda suuraa, Getty Images

Fuuldurri Boeing maal fakkaata?

Boeing kan akka MCAS tti hojjetu jijjiiruudhaaf mosaajii (software) hojjeteera.

Gara fuula duraatti, sisteemichi odeeffannoo karaa kofa ittiin miidhaa adda baasu karaa lamarraan dhufu fayyadama. Kun kanaan dura gamuma tokkoorraa kan dhufu ture.

Yoo kan kofa/kallattii lamaaniin rakkoo adda baasan odeeffannoo gara garaa dhiyaatu , paayiletiin kana baruudhaan yoo kan hedduu odeeffannoo walirraa fagaatan ta'e MCAS ni cufa jechuudha.

Boeing akka jedhetti erga akkaataa balaliistonni sistama fooyya'e waliin hojjetan FAA'tti kenname booda, dhaabbata to'atu waliin balalii mirkanaa taasisuuf yaada qaba.

Dokimantiiwwan leenjiif oolan akka qoheesseefi FAA, to'attoota addunyaa biroofi maamiltoota xiyyaarichaan ilaalamaa akka jiran heereera.

Aviyeeshiniin Federaalaa Ameerikaa (FAA) jalqaba torban kanaa akka ibsetti gaafa Caamsaa 23 dhimma softiwerii Boeing fooyya'eefi leenjii balaliistoota haaraa irratti odeeffannoo haaraa jiru hubachiisuuf to'attoota qilleensaa addunyaa irraa waameera.

Kun osoo kanaan jiruu, amanamummaa imaltoonni Boeing irraa qaban deebisanii horachuun salphaa ta'uu dhiisuu mala.

Garuu qorataan Seenaa Aveeshinii Shea Oakley xiyyaarichi yoo akka deebiyee balali'uuf hayyama argateef ammallee deebiyee milkaa'uu dnda'a jedhanii abdatu.

"Daandiiwwan xiyyaaraa hedduun balaa cacabuu hamaa isaan mudaturraa kan ka'een, sababa dizaayinii ykn dimma leenjii paayiletotaa waliin walqabateen miidhaman hedduun turan," jedhu.

Hoji Gaggeessaan Ol-aanaa Boeing Muilenburg MCAS foyyaa'ee jennaan, 737 Max xiyyaara hanga ammaatti hojjetaman keessaa isa nageenyi isaa amansiisu ta'a jechuun dubbataniiru.

Kan fedha ta'us, Boeing dhuma irratti dandamachuun isaa kan hin oolle. Rakkoo hamoo uumaman lamaan kun jiraatanillee, 737 Max carraa gara fuula duraatti waggoota dheeraaf balali'aa turuu guddaa qaba jedhameera.