Balaa Xiyyaaraa Itoophiyaa: 'Boeing' attamiin amanamummaa deebifachuu danda'a?

Madda suuraa, AFP
Hogganaan Boeing Xiyyaarri Itophiyaa baatii tokko dura kufee caccabe sababa softiweerii sirna balaliinsa xiyyaarichaa akka to'atuuf tolfame MCAS jedhamuutiin akka ta'e amananiiru.
Balaan kun balaa xiyyaaraa wal fakkaataa baatilee 5 dura Indooneezhiyaa keessatti mudate waliin walumaagalatti lubbuu namoota 346 galaafateera.
Sababa kanaan shakkii guddaa keessa kan jiru Boeing, amanamummaa isaa deebifachuuf sirna MCAS jedhamu fooyyessaan jira jedhera.
Daandileen xiyyaaraa biyyoota tokko tokko Boeing irraa ajaja xiyyaara 737 MAX bituuf kennan haqaniiru. Haa ta'u malee biyyoonni hedduun karoora isaanii ittuma fufanii jiru.
Ajajni xiyyaarota 5000 kaampaanichaaf kenname akkuma jirutti jira.
Boeing xiyyaara 737 MAX nageenya isaanii mirkaneessee, daandilee xiyyaaraas ta'e imaltoota amansiisee qilleensatti debisuuf maal godhuu qaba? Ogeeyyii dubbisneerra.

Madda suuraa, Jonathan Druion
'Carraan xiyyaarri 737 MAX qilleensatti deebi'uu dhabuu xiqqaadha'
Piitar Mooriis, Ikonomiistii Olaanaa, Gorsaa Aviyeeshinii
Ciminni Boeing yeroo dheeraaf ijaaramaa kan dhufedha. Balaa isa dura daandii xiyyaaraa Indoonezhiyaa mudate namoonni hedduun dogoggora 'yeroo tokkoo' godhanii fudhatanii turan.
Garaagarummaa baatilee shanii gidduutti balaan lammaataa yoo mudatu, sanuu xiyyaara haaraa reefu qilleensa kore yoo ta'u sun sagalee akeekkachisaa cimaadha.
Amma Boeing namoota ykn gareelee hedduu amansiisuutu isarraa eegama.
Abbootiin taayitaa addunyaa balaliinsa to'atan ragaa mirkaneessaa Bulchiinsi Aviyeeshinii Federaalaa Ameerikaa kennu amananii fudhatu turan, kana booda sun waan itti fufu hin fakkaatu.
Boeing xiyyaara 737 MAX qilleensatti deebisuuf yoo xiqqaate Abbootii Taayitaa balaliinsa to'atan afur amansiisuu qaba.
Daandileen xiyyaara hedduun ajaja xiyyaaricha bituuf baasan haquu baatanillee gabaan xiyyaarichaa yeroofis ta'u qabbanaa'uun isaa waan hin oolle. Dabalataan daandileen xiyyaaraa xiyyaara gosa kanaa qilleensarraa buusan beenya gaafachuun isaanii hin oolu.
Kan biraa, Paayileetonni fi miseensonni kiruu fooyya'iinsa sooftiweerii fi haardiweerii taasifame amananii xiyyaaricha balaliisuutti deebi'uuf mirkaneeffannaa guddaa barbaadu.
Imaltoonni hedduun gosa xiyyaaraa ittiin deeman waan hin beekneef rakkoo ta'uu dhiisuu mala haa ta'u malee namoonni waa'ee kanaa dudubbachuun isaanii hin oolu.
Haa ta'u malee gosti xiyyaaraa 737 MAX waliin wal fakkaatan kan 'single-aisle' jedhaman 14,000 ol ta'antu addunyaarra jira. Kana keessaa walakkaan isaanii omisha Boeing waan ta'aniif carraan xiyyaarri 737 MAX qilleensatti deebi'uu dhabuu xiqqaadha.
Kana keessatti beenyaan kafalamu shoora olaanaa qaba.

Madda suuraa, Getty Images
'Boeing Max'n ni imaltaa jedhanii hiriyootni koo na gaafatu'
Joon Istriklaand, direktara gorsaa aviyeeshinii, JLS Consulting
Boeing kampaanota gurguddoo addunyaa xiyyaara omishan lama keessaa isa tokkoofi kan nageenya xiyyaarota isaatiinis beekamtii waggoota 100 olii qabu haa ta'u malee beekamtiin isaa rakkoo guddaa keessa jira.
Amanamummaa maamiltoota isaa deebifachuu qaba. Rakkoo nageenya xiyyaarota isaa mudate furuu akka danda'u maamiltoonni isaas itti amanu jedheen yaada.
Ajaja haquun akka yaadamu salphaa miti. Adabbiis qabaa ammoo kaampaanota lama qofatu gabaa keessa jira. Daandileen xiyyaaraa meeshaaleen jijjiirraa, leenjiin ogeeyyotaa fi paayileetotaa hundi kaampanii xiyyaara irraa bitan waliin hidhata waan qabuuf salphaatti jijjiiruun rakkisaadha.
Airbus fi Boeing lamaan isaaniiyyuu ajaja hedduu of harkaa qabu, ajaja isa tokkoo haqanii tokko bira dhaquun yeroo itti xiyyaaronni omishamanii bahan dheeressa.
Imaltoonni hedduun miiraan socho'u. Hiriyonni koo jiru kan lammata Boeing kortaa jedhanii na gaafatan. Garuu hedduun isaanii xiyyaarri ittiin deeman gosa kam akka ta'e hin beekani. Adeemsa keessas irraanfachaa adeemu.
Kanneen mirkaneeffannaa jabaa barbaadan paayileetota, Boeing isaan amansiisuuf hojii amansiisuu jabaafi wabii sirrii kennuu qaba.















