Dawaan saalqunnamtii si’eessuuf oolu Viyaagiraan dhibee dagachuu wallaanuuf fayyada jedhame

Viyaagiraa

Madda suuraa, GETTY IMAGES

Ibsa waa'ee suuraa, Viyaagiraa

Dawaan namoonni dhibee saalqunnamtiirratti isaan mudatuuf fudhatan Viyaagiraa jedhamu dhukkuba waa dagachuu [alzaayimerii] ittisuuf fayidaa qabaachuu mala jedhan saayintistoonni Ameerikaa qorannoo dawaa kanarratti gaggeessaan.

Qorannoowwan seelota sammuurratti gaggeeffaman akka akeekanitti, dawaa saalqunnamtii si’eessuurraa pirootiiniin argamu dhibee waa dagannaa fayyisuu danda’a.

Magaalaa Ameerikaatti argamtu Kiliivlaand kan jiran saayintistoonni kunneen, haala fayyaa namoota miliyoona torbaa erga hordofanii booda dhiironni kininii Viyaagiraa liqimsan dhibee waa nama dagachiisuuf carraan saaxilamuu isaanii xiqqaadha jedhan.

Barruun ‘’Nature Aging’ jedhurratti bu’aa qorannoo isaanii kan maxxansan qorattoonni kunneen, dhimma kanarratti qorannoon dabalataan qoratamuun faayidaa guddaa qaba jedhan.

Saayintistoonni kunneen bu’aa qorannoo kanatti kan gammadaniif qorichi tajaajilarra oole dhibee biraa akka ittisuuf dhimma itti bahuun salphaa waa ta’eefidha.

Kininii bifa cuquliisaa

Kininiin Viyaagiraa ykn Sildeefiil jedhamee beekamu kun jalqabarratti wayita omishamu kayyoon oomishameef dhibee onnee ittisuuf ture.

Dawaan kun hojiin isaa inni ijoon ujummowwa dhiigaa bal’isuun dhiigni sirnaan akka keessa yaa’u gochuuf fayyada.

Haata’u malee, xiqqoo erga turanii booda ogeeyyiin waa tokko hubatan.

Dawaan kun ujummoolee dhiigaa malees qaamoota biroorrattis akka hojjatu hubatan. Keessattuu qaama walhormaata dhiiraa (tuffee/qunxurroo) irratti akka hojjatu hubatan.

Kanarraa ka’uun qorattoonni qaamni saalaa saalqunnamtiif ka’uuf dadhabu wallanuuf akka oolu bira gahan.

Viyaagiraan saalqunnamtii raawwachuuf qaamni saalaa ka’uu dadhabuuf, akkasumas dhibee sombaa (pulmonary hypertension) jedhamu dhiirotaafi dubartoota mudatu wallaanuufis ni gargaara.

Amma immoo saayintistoonni dhibee waa dagachuu dabalatee vascular dementia akka wal’aanuuf oolu hojjataa jiru.

Dhibeen daddeettii waa yaadachuu keenyaa qoru dementia maalirra akka maddu beekamuu baatullee, doktoroonni sammuu keessatti Pirootiniin baayyinaan kuufamurraa madda jedhu.

Viyaagiraan dhibee waa dagachuu wal’aanuuf akka fayyaduu malu irra geenye kan jedhan qorattoonni, dawaa kana baayyisanii liqimsuun guddina seelota sammuufi kuufama pirootinii humnaa oolii wal’aanuuf akka fayyadus qorannoon keenya ni mul’isa jedhan.

Viyaagiraa irra deddeebiin namoonni liqimsan kanneen hin liqimsine caala dhibee waa dagachuuf akka hin saaxilamne dubbatu.

Doktoroonni qorannoo kana kan gaggeessan waggoota jahan darban keessa yoo ta’u, galmee wal’aansa namoota miliyoona 7.3 qorataniiru.

Dursaan qorannichaa Dr Feeziyong Cheeng bu’aan qorannichaa jajjabeessaa akka ta’e eerun, ammas garuu qorannoo dabalataa akka barbaaachisu eeraniiru.

Ogeeyyiin damee kanarratti bobba’an biroos hakiimonni Kiliivlaand jajjabeessaa ta’uu eerun, qorannoo dabalataa gaggeessuun tajaajilaaf qopheessuun barbaachisa jedhan.