Fayyaa: Dhiibbaa weerarri Koronaavaayirasii HIV/AIDS ittisuurratti qabu

Madda suuraa, Getty Images
Dhukkubni HIV AIDS erga addunyaarratti mul'achuun isaa gabaafamee waggaa afurtama guuteera. Muddeen 1 ammoo Guyyaa HIV/AIDS Addunyaa jedhamuudhaan waggaa waggaadhaan yaadatama.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii (UN) AIDS irratti hojjetu UNAIDS, biyyootni addunyaa tatamsa'ina dhibee kanaa ittisuuf karoora bara 2030tti qabamee jiru milkeessuuf hudhaawwan jiran akka furan gaafaate.
Taatamsa'inni HIV/AIDS Oromiyaa keessatti maalirra jira?
Hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dr. Mangistuu Baqqalaa naannicha keessatti yeroo ammaa tatamsa'inni dhibee kanaa xiqqaataa jira jedhu.
"Tatamsa'inni isaa xiqqaachaa jira. Garuu hanga inni ittiin xiqqaachaa jiru hagas mara kan nama gammachiisuu miti. Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa saffisa ittiin dhibeen kun hir'achaa jiru kan baase biyyoota hir'inni isaa dhaabbatee jiru keessatti nu madaale," jedhan.
Facaatiin dhibee kanaa sadarkaa ittiin hir'achaa jiru harka 17 gadiin waan ta'eef jecha ramaddiin kenname kanneen tatamsa'inni hir'achuun keessatti dhaabbate keessatti akka ta'e himan.
Akka Itoophiyaatti tatamsa'inni dhibee kanaa hir'achuudhaan naannoon Somaaalee sochii gaariirra jira kan jedhan Dr. Mangistuun, naannoo Oromiyaatti sadarkaan hir'ina isaa harka 0.59 akka ta'e himan.
Koronaavaayirasiin HIV/AIDSn akka dagatamu godheeraa?
Koronaavaayirasiin erga biyyattii keessatti mul'atee asitti tatamsa'ina HIV/AIDS irratti sodaa guddaatu ture kan jedhan angaa'aan naannoo Oromiyaa kun, namootni dhibee kana dhiiga isaanii keessaa qaban gara mana yaalaa dhufuu sodaatu ture jedhan
"Namootni dhibeen kun dhiiga isaanii keessa ture gara mana yaalaa yeroo dhufan koronaavaayirasiin yoo nuqabe lubbuun keenya irra ahafuu hin danda'u jedhanii waan sodaataniif jecha dhaabbilee fayyaa dhufanii qorichaafi kunuunsa fudhachuu irratti harcaatiitu jira," jedhan.
Ittisni dhibee kanaa xiyyeeffannaan mootummaa akka hin laafneefi hojiin dadamqsuufi hubannaa uumuus hojjetamaa jiraachuu eeran.
Itoophiyaa keessatti battala dhibeen koronaavayirasii mul'ate irraa eegaluun xiyyeeffannaan dhaabbilee fayyaa irra caalaatti koronaavaayirasii irratti waan ta'eef dhukkubsattoonni dhibee biraa dagatamneerra jechuun BBCtti himanii ture.
Keessumaa sodaa weerara koronaavaayirasiitiif jecha tajaajilli geejjibaa yeroo daangeffamee turetti namoota dhaabbilee fayyaatti deddeebi'anii yaala fayyaa barbaadan hedduu miidhee ture.
Yeroo ammaa garuu hubannoon namni dhibee koronaavaayirasii irratti qabu, akkasumas dhorkaawwan kaa'aman hedduunis waan ka'aniif jecha sodaan namoonni mana yaalaa deemanii yaala argachuuf qaban hir'ateera
Akka adunyaatti HIV/AIS ittisuurratti milkaa'inni guddaan argamellee, dhibee kana ilaalchisuun oduun sobaa ammallee tatamsa'aa jiran namoonni akka hojii hin arganne, michuu jireenyaas hin arganne, akkasumas wallaansa sirrii ykn qorannoo fayyaa gahumsaan hin argannee taasisaa jira.














