Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pireezidantiin Chaayinaa Taayiwaan waliin 'tokkoomuu qabna' jedhan
Pireezidantiin Chaayinaa Zhii Jinping haasawa taasisaniin ''tokkummaan yookaan walitti dabalamuun'' Taayiwaan ''raawwatamuu qaba'' jedhan.
Zyii’n tokkummaan kuni karaa nagaa taheen fiixaan bahuu qaba jedhanis Chaayinaan duudhaa foxxoqummaa mormuu qabdi jechuun akeekkachiisan.
Waajirri pireezidantii Taayiwaan immoo egereen Taayiwaan harka lammiilee ishee irra jira jedhan.
Taayiwaan biyya walabaati ofiin jettus, Chaayinaan garuu akka naannoo isheerraa foxxoqxetti ilaaltiin.
Tokkummaa kana milkeessuuf Chaayinaan humna akka fayyadamtu hamma yoonaa hin murteessine.
Zyiin xiyyaaronni Chaayinaa 150 tahan torbee darbe zoonii waraanaa Taayiwaan erga galaniin boodadha kana kan dubbatan.
Tokkummaa nagaa qabeessa tahe ‘’biyya-tokko, sirna lama’’ kan isa Taayiwaan keessa amma jiruun wal-fakkaatu arguun fedha jedhan.
''Foxxoquun Taayiwaan, tokkummaa biyyaa milkeessuuf gufuu isa guddaafi ajandaa dhokataa haaromsa keenyaaf balaa qabudha,’’ jedhan Xi'n.
- Chaayinaan xiyyaarota waraanaa 38 zoonii ittisaa kootti ergite jette Taayiwaan
- Lakkoofsi jeettii waraanaa Chaayinaa qilleensa Taayiwaaniirra marsanii dabaluun gaaffii kaase
- Biyya beekamtii hin qabne, kan ijoolleen waggaa 15 filachuu danda'an
- ‘Chaayinaan kana booda qoccollaa fi doorsisa baadhachuu hin dandeessu’ Shi Jinpiing
Waajirri pireezidantii Taayiwaan biyya tokko sirna lama waan jedhu irratti yaadni uummataa ifaadha. Beejing ''giddugaltummaa hin barbaachifne, qoccollaa fi jeequmsa ishee,'' akka dhaabdu gorse.
Hariiroon Chaayinaa fi Taayiwaan gidduu, akka ammaatti rakkoo keessa kan gale bara 1996 yeroo Chaayinaan filannoo pireezidantummaa Taayiwaan misaayila erguun addaan kutuu yaalte ture, Ameerikaanillee lola jaraa dhaabsisuuf xiyyaara garasitti ergitee turte.
Sochii waraanaa Chaayinaa irratti biyyoota lixaa baayyeen akka yaadda’an ibsanis, Pireezidantiin US Joo Baayidan, pireezidantiin Chaayinaa ‘Waliigaltee Taayiwaaniin’ akka bitaman himaniiru jedhan.
Baayidan kana yeroo dubbatan ejjennoo Waashingtan imaammata ‘Chaayinaa tokkomte’ jedhu kan Taayiwaanirra Chaayinaaf beekamtii kennuu jechuu isaaniiti.