Shii Jinpiing hariiroo Kooriyaa Kaabaa waliin qaban cimsuuf

Preezidaantiin Chaayinaa Shii Jinpiing, preezidaantii Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun, waliin mari'achuuf gara Kooriyaa Kaabaa imalaa jiru. Kunis erga bara 2005 aangaa'ootni Chaayinaa garasitti yoo imalan isa jalqabaati jedhameera.

Anga'oonni lamaan Piyoongiyaangiin alatti kana dura yeroo afur wala arganii turan, amma ammoo waa'e sagantaalee nikulaaraa dhorkamee fi waa'ee dinagdee akka mari'atan eegama.

Chaayinaan michuu daldalaa Piyoongyaang waan taateef Kaariyaan Kaabaa michummaa Chaayinaa kana cimsuu feeti.

Dowwannaan Shii kuni yaa'ee G20 Jaappaanitti gaggeeffamuufi Donaald Traampis irratti aragaman torbee tokkoon dura ta'uu isaati.

Kiim baatii Guraandhalaa keessa Haanoyitti Traamp waliin wal arganii mareen dhimma Niwkileera Kooriyaa Kaabaarratti gaggeessan walii galtee malee xumuramuun booda aangawaa biyyaa tokkoo yoo arganiis kun isa jalqabaati.

Dowwannichi maaliif ammaa ta'e?

Daawwannaan Shii hoogganaa Kooriyaa Kaabaa hariiroo dippiloomasii isaa cimsachuuf yaalaa tureef milkaahina gaariidha jedhamaa jira.

Angaa'oonni lamaanis dirqamaan waa'ee waliigalteewwan nikulaaraa adda citeefi yaa'ii Haanoyi fashalaa'ee ni mari'atu jedhamee eegama.

Xinxaltoonni akka jedhanitti Shiin marii dhimma Niiwkileeraa irratti maal akka mudateefi haalli itti mariin kun fuula duratti fufu irratti mala dhayuun yaa'ii Jaappaan irratti Traampiif dhiyeessuufi jedhanii yaadu.

Dowwannichi kan mirkanaa'e jalqaba torban kanaa ta'ulleen, Jeenii Town gulaaltuun marsariitii US'tti bu'ureeffatee '38 North', kun dhimma guddaa nama dinqisiisuufi haaraa miti jettee jirti.

Tarii dowwannichi yaa'ii G20 dura taasifamuunsaa waan dabalataa yoo ta'e malee hedduu murteessaa miti jetti.

Chaayinaan maal barbaaddii?

Kaayyoo olaanaan Chaayinaa Kooriyaa Kaabaatti tasgabbeessuufi walta'insa dinadgee uumuu, Akkasumas marii sagantaalee niiwkileera keessatti qaamaa barbaachisaa ta'usaanii mirkanneeffachuudha.

Biyyoonni koministii lamaanuu hidhata bara dheeraa qabu. Haata'u malee haala miisoma niiwkileera Piyoongyaang ilalchusuun biyyootni lameen waggoota 20 darbaniif walitti qabana'anii jiru..

Koriyaan Kaabaa maal barbaaddi?

Dowwannaan kun Kooriyaan Kaabaa walitti dhufeenyii biyyoota biroo waliin qabdu waan dadhabeef ammalleen deeggarsa Chaayinaa akka qabdu agarsiisuuf gargaaraan.

''Koriyaan Kaabaa osoodhuma amantaaniifi fedhii gaariin gidduu isaanii jiraachu baateee hirriyootashee ofiitti siksuu barbaaddi,'' jetti Town.

Dinagdeen Koriyaa Kaabaa uggura idil addunyaa jalatti kufeera. Kunis sababii yaalii niiwkileera fi misaa'eelaa irra deddebiin taasifteen kan wal qabatuudha.