Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp Kooriyaa Kaabaatiin ''nu hin tuttuqinaa'' jedheen
Pirezidantiin Ameerikaa Doonaald Tiraamp haasaa Paarlaamaa Kooriyaa Kibbaatiif taasisaniin, pireezidaantii Kooriyaa Kaabaa Kiim Joong-uun'f akeekkachiisa cimaa dabarsaniiru.
''Nu hin tuffatinaa. Nu hin tuttuqinaa,'' jechuun ''jireenya gadadoo'' Kooriyaaa Kaabaas qeeqaniiru.
Haasaa isaaniitiin ''meeshaan waraanaa hojjachaa jirtu nageenya kee hin eegsisu, inumaa mootummaa kee balaarra buusaa jira'' jechuun Mr Kiimiif ergaa dabarsani.
Daawwii hojii guyyaa lamaaf Kooriyaa Kibbaa kan turan Tiraamp, seera baastota Se'ooliif milkaa'ina biyyattiin waraana Kooriyaa booda galmeessifte kan Kaabaa waliin wal-bira qabuun leellisani.
Kooriyaan Kaabaa ''bittaa waraanaa'' jala kan turte fi hooggantoonni biyyattii uummata Kooriyaa ''gabrummaa jala'' jiran irratti waan hunda bakka itti murteessan fi akka eegdotaatti bakka itti of ilaalanidha'' jechuun dubbatani.
Amma bulchiinsi haaraan waan jiruuf akka durii akka feetanitti waan hunda gochuu waan hin dandeenyeef, ijaarsa meeshaa waraanaa nuukileraa keessan osoo dhaabdanii wayya jechuun Piyoongyaangiin akeekkachiisaniiru.
''Kooriyaan Kaabaa jannata akaakayyuun kee mul'ate miti. Abidda namni tokkollee keessa jiraachuuf hin dandeenye dha,'' jechuun akaakayyuu Kiim Joong fi hundeessaa Kooriyaa Kaabaa Kiim Ii-Sung maqaa kaasaniiru.
Mr Tiraamp hawaasa adduunyaa keessumaa Chaayinaa fi Raashiyaa adda baasuun, Kooriyaan Kaabaa ijaarsa Nuukileraa akka dhabduuf dhiibbaa irratti akka taasisan waamicha dhiheessaniiru.
''Adduunyaan mootummaa abbaa irree nuukileraan sodaachisu kana obsuu hin qabu. Biyyoonni itti gaafatamummaa qaban kamuu deeggarsa, dhiheessii, yookaan fudhatama mootummaa hamaa kanaaf kennuu dhaabuu qabu,'' jedhani.
Tiraamp Roobii har'aa bakka Kooriyaa Kaabaa fi Kibbaa gidduu argamu fi humna waraanaarraa bilisa ta'e daawwii tasaa taasisuuf turan sababa haala qilleensaatiin dhiisuuf dirqamani.
Heelikooptarri isaaniin baatte buufata waraanaa 'US' Gaariisan Yoongisaan, Se'oolitti argamurraa ka'us deebi'uuf dirqame jechuun qondaaltonni dubbataniiru.
Sagantaan Nuukileraa Kooriyaa Kaabaa daawwii guyyaa shaniif Eeshiyaatti taasiaa jiran irratti ajandaa isa guddicha ta'eera.
Jaappaanirraa eegalee gara Kooriyaa Kibbaatti kan itti fufe daawwiin isaanii kun, Chaayinaa, Viyeetnaam fi Fiilippiins waliin ga'uun torbee kanatti xumurama.