Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Tiraamp 'maraatichi' sagantaa niwukileeraatiif feedhii qabaachuu agarsiise
Haasawaan pireezidaanti Donaald Tiraamp 'maraatichi' taasisee, Koriyaan Kaabaa meeshaa waraanaa oomishuun keenya sirrii akka ta'e naaf mirkaneessee jedhe Kiim Joong Uun.
Hogganaan Koriyaa Kaabaa Kiim Joong Uun, Tiraamp haasawa isaa dhaabbata mootummoota gamtoomaniif dhiheesseef 'dhugaatti gatii baasa' jedheera.
Pireezidaantiin Ameerikaaa Kibxata tare biyyi isaa of ittisuuf kan dirqamtu yoo ta'e, Koriyaa Kaabaa 'gutummaatti ni barbadeessiti'' jedhee ture.
Tiraamp 'namticha rookeettiin of balleessuuf adeemu' jechuun Kiim waameera.
Erga baatii lamaatiin as biyyoonni lameen olola jibbiinsaa walirratti oofan dabalaa dhufaniiru.
Koriyaan Kaabaa baay'ina hin eegamneen misaa'ela yaalaa kan jirtu yoo ta'u, osuma addunyaan balaaleffatuus niwukileera jahaffaa yaaltee jirti.
Haasawa Tiraamp 'sagalee saree duttuutti' kan fakkeessee ministirri haajaa alaa Koriyaa Kaabaa Rii Yongi-hoo, deebii pireezidaantii Ameerikaatiif Piyoongiyaang boombii haaydiroojinii galaana Paasifiik keessatti yaaluu akka dandeessu akeekkachiiseera.
Kiim oduu Ejansii KCNAtiin gabaafameen, jechi Tiraamp na dhaabuu fi sodaachisuurra daandiin ani filadhe sirrii ta'u' na amansiiseera' jedhe.
''Amma Tiraamp jiraachuu keenya haaluun, anaa fi biyya koos ija addunyaa fuuldurratti arrabseera. Seenaa keessattis waraana hamaa lallabeera. Kanaafuu Koriyaan Kaabaa haasawa Tiraampiif deebii sadarkaa olaanaa kennuuf yaaddi,'' jedheera.