‘Chaayinaan kana booda qoccollaa fi doorsisa baadhachuu hin dandeessu’ Shi Jinpiing

Pirezedantiin Chaayinaa Shi Jinpiing humnooti biyyoota alaa biroo Chaayinaa qoccoluuf yoo yaalan ykn dhiibbaa irratti uumuu yoo barbaadan ‘matasaaniitu buruqa’ ’jedhanii akeekkachiisan.

Pirezedant Shijinpiing sagantaa kabaja ganna 100ffaa Paartii Koministii Chaayinaa Kamisa kana gaggeeffamerratti dubbii kana dubbatan.

Shiin haasaa US Ameerikaarratti kallattiin qiyyaafachuun isaanii yaadamu keessatti Beejing’’olaantummaa lallabuu’’hin eeyyamtu jedhan.

Pirezedantiin Chaayinaa dubbii kana kan dubbatan wayita biyyattiin mirga namoomaa sarbuun qeeqamtuttifi Hoong Koongitti mormii mudaterratti tarkaanfii cimaa fudhattetti.

Hariiroon Ameerikaaf Chaayinaa gidduu jiru dhimmoota dadalaa, basaasaafi weerara dhibeetiin walqabatuun ittuu qorraa adeemera.

Kana malees, dhimmi Taayiwaan muddama biyyoota lamaan giddutti hammeessuun beekama.

Taayiwaan akka biyya birmadummaa qabdutti kan of ilaaltu wayita ta’u, Beejing garuu akka odola qaama biyyattii taatetti lakkoofti.

Ameerikaan Beejing odolaa Taayiwaan deebitee humnaan akka hin fudhanne akka ofirraa qolattu gargaarti.

Kamisa kana Aab Shiin akka jedhanitti, Chaayinaan tokkummaan Taayiwaan wajjin qabdu’’akka hin sokoksine ykn hin raafamnetti ittifufsiisuuf kutannoo qabdi’’jedhan.

‘’Eeenyullee fala kaa’ame gadii qabee ykn tuffachuu hin qabu, fedhiifi dandeetti uummanni Chaayinaa birmadummaa biyyasaanii eeggachuuf qabanifi tokkummaabiyyattirra ce’uu hin qabu’’jedhan.

Sirna kabaja ganna 10offaa Kamisa ganama kana gaggeeffamerratti agarsiifni jeettiiwwan waraanaa, dhukaasni madfiifi sirboonni jaalala biyyattii leellisan dhaga’amaniiru.

Sirna addababahii Tinaananmeen, Beejingitti gaggeeffame kanarratti namoonni qoratamuun filataman kan irratti hirmaatan wayita ta’u, baayyeen isaanii maaskii afaaniitti hin haguugganne.

Torbanoota dhiyoon asitti biyyattii keessatti miidiyaaleen seenaa Chaayinaa bifa haaraan Paartiin akka himamu eeyyamu himaa turan.

Hoong Koong guyyuma wal itti dabarfamtee kennamte walirra buusuun kabajaa jirti.

Dhaamsi Shii irratti xiyyeeffatan maal ture?

Aab Shi sa’aatii tokkootti dhiyaatuuf haasaa dhageessisan keessatti qooda Paartiin Chaayinaa amma jirtu keessatti qabu irradeddeebiin kaasan.

Shi Paartichi guddina biyyattiifi yaaliin uummata biyyattiirra addaan qoodu akka hin milkoofne dubbatan.

‘’Sooshaalizimii qofaatu Chaayinaa baraaruu danda’a, Sooshaalizimii Chaayinootan walsimatu qofaatu Chaayinaa guddisa’’jedhan.

Shiin wayita kana dubbatan akkaata Paartiichi dingadee biyyattii geeddaruuf gabaa qabachaa ture kaasan.

Shiin sana booda akkas jedhan,’’eenyullee taanaan Chaayinaa akka qoccolu ykn cunqursu tasumaa hin eeyyamnu’’jedhan

‘’Eenyumtillee Chaayinaa qoccoluuf yaallaa taanaan ijaarsa dallaa sibiilaa kan fakkaatu uumma Chaayinaa biliyoona 1.4tti wajjin walitti bu’e’’jedhan.

Chaayinaan irra deddeebiin Ameerikaan guddina ishee qucarsuuf tattafachuu himatti.