Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Chaayinaan dirree kuusaa Misaa'elii ijaaraa jirti - Saayintistoota
Chaayinaan ijaarsa dirree kuusaa Misaa'elii jalqabde jedhan saayintistootni US.
Suuraaleen satalaayitii akka agarsiisanitti kutaa bulchiinsa Shiinjiyaangi keessatti gaafa ijaarsi dirree kuusaa misaa'elaa xumuramu siiloo ykn kuusaalee 110 qabachuu danda'a, jedha gabaasni Federesshinii Saayintistoota Ameerikaa (FAS).
Qondaalonni humna ittisa Ameerikaa ijaarsa dirree omisha niwukileraa Chaayinaa kana irraa akka yaaddoo qaban himaniiru.
Kun ijaarsa dirree kuusaa misaa'elaa lammaffaa haaraa aduu ji'a lamaa keessatti Lixa Chaayinaa keessatti gaggeeffamaa jiru dhagahamedha.
J'ia darbe gaazexaan Waashingitan Post naannoo Gammoojjii Kaaba Lixa Yuman, kutaa Gaansuu jedhamu keessatti kuusaa misaa'elaa 120 argamuu gabaaseera.
FAS gabaasa Wiixata baaseen ijaarsi kuusaa misaa'elaa Haamii, km 380 Kaaba Lixa Yumanitti argamtu keessatti ijaaramaa jiru jalqabbii irra kan jirudha.
Bara 2020 Peentaagon, Chaayinaan gabbisa niwukileraa waraanaa dachaan dabaluuf hojjechaa jirti jedheera. Oduun kun kan dhagahame yeroo Ameerikaaf Raashiyaan hidhannoo waraanaa to'achuuf waliin haasa'aa jiranittidha.
Haasaan Itti-aanaa Dhimma Alaa US, Wendii Shermaaniifi Ministera Haajaa Alaa Raashiyaa Sergee Riyabkov, tarkaanfii jalqabaa marii hidhannoo niwukileraa xiqqeessuf jalqabanii dhaabbate itti fufsiisu jedhamee ilaalame.
Hanga ammaatti Chaayinaan marii hidhannoo to'achuu jedhu kana keessatti qooda hin fudhanne. Ajajaan Istaraateejii US [US Strategic Command], tooftaa ittisaa isaaf itti gaafatama kan qabu yoo tahu, yaaddoo qabus karaa tiwiiterii ibseera.
Kun ji'a lama keessatti isa lammaffaadha, uummanni waan nuyi adunyaaf yaaddoo taha jechaa turre hunda kan arge, icciitii kanaan wal qabatu hundaas,'' jedhe.
Dirreen kuusaa misaa'elaa Shinjiyaangi satalaayitii dandalaaf ooltuun argame. Garuu suuraan satalaayitii qulqullina qabu kaampaanii 'planet' kaampaanii satalaayitii suuraa biraan kaafame.
Bara 2020 keessa Chaayinaan meeshaa niwukileera waraanaaf oolu 200 kuusaa keessaa qabdi, isas dachaan dabaluuf karoorfattee ture jedhe Pentagon.
Ameerikaan meeshaa waraanaa niwukileeraa 3,800 ol akka qabdu xiinxaltootni himan.