Taayiwaan, Chaayinaan xiyyaarota waraanaa 38 zoonii ittisaashee galchuu galmeessuu himte

Taayiwaan guyyaa Jimaataa jettiiwwan waraanaa Chaayinaa 38 zoonii qilleensa ittisaa ishee keessa balali'uu gabaafte. Kanaanis hanga har'aatti daangaa darbuu isa guddaa Beejingiin raawwatame jettee jirti.

Ministeerri Ittisaa Taayiwaan xiyyaaronni kanneen boombii nikularaa dhukaasuu danda'an dabalatee, karaa lamaan zoonii qilleensa ittisaatti (ADIZ) seenan jedhe.

Taayiwaan gama isheetiin jettiiwwan ishee sochoosuu fi sirnoota misaa'eelii bobbaasuun deebii kennite.

Chaayinaan Taayiwaaniin akka bulchiinsa ishee irraa citteetti yoo ilaaltu, Taayiwaan garuu biyya walabaa ofiin jetti.

Taayiwaan waa'ee humna qilleensaa Chaayinaa dhiheenya odolaatti irra deddeebiin ergamuu waggaan oliif iyyataa jirti.

''Chaayinaan dubbii barbaacha waraana hintaane keessa seenuun nagaa naannichaa balleessaa jirti,'' jedhanii turan MM Taayiwaan Su Tseng-chang guyyaa Sanbata.

Motummaan Beejingii kan waggaa 72ffaa hundeeffama paartii Ummata Riippablika Chaayinaa kabajaa jiru, hanga ammaatti yaadni kennee omtu hinjiru.

Haata'u malee, duraan balaliiwwan taasifaman walabummaa kabachisuu fi ''walta'insa'' Taayiwaanii fi Ameerikaa jidduu irratti kan xiyyeeffate jettee turte.

Ibsa Ministeerri Ittisaa Taayiwaan baaseen, xiyyaaronni Waraana Bilisummaa Ummataa (PLA) kutaa kibba-lixaa guyyaan seenuun dhiheenya odola Praataas irra balali'aa turan jedhe.

Kunis danbalii lammaffaa xiyyaara PLA 13 guyyaa Jimaata galgalaa hordofameera. Isaaniis Taayiwaanii fi Filippiins jidduu bishaanirra balalii'aa turan jedhe.

Xiyyaaronni waraanaa Chaayinaa kan boombii dhokaasuu H-6, kanneen meeshaalee waraanaa nikulaaraa baatan, akkasumas farra doonii waraanaa bishaan keessa lixanii kan dabalateedha jedhe Ministerichi.

Naannoon akka zoonii qilleensaa ittisaatti adda baafame kunis daangaa biyyattiin alaa fi naannoo qilleensa biyyaaleessaa yoo ta'u, garuu bakka sababii nageenya biyyaatiif jecha xiyyaaroonni biyya biraa itti to'atamanii fi itti adda baafamaniidha.

Eddoon kunis bakka akka qilleensa idil-addunyaatti ilaalamuudha.

Yeroo baayyees Chaayinaan yaadawwan Taayiwaaniin kennaman mormuuf ergamawwan akkasii gaggeessiti.

Ergama miilanaa kana maal akka kakaase garuu wanti barame hinjiru.

Chaayinaa fi Taayiwaan:

  • Chaayinaa fi Taayiwaan maaliif walitti dhufeenya gaarii dhaban? Chaayinaafi taayiwaan bara wal waraansa 1940tti adda kan bahan ta'ulleen, Chaayinaan garuu odolli tuni guyyaa tokoo, barbaachisaa yoo ta'e humnaan, akka deebitu barbaaddi.
  • Taayiwaan attamiin bulfamti? Odolittiin heera mataashee, hoggantoota karaa dimokraatawaatiin filataman fi raayyaa ittisaa ishee keessaa waraana gara 300,000 kan qabdudha.
  • Eenyutu Taayiwaaniif beekamtii kenne? Biyyoota muraasa qofaatu Taayiwaaniif beekamti kenne. Baayyeen motummaa Chaayinaatiif beekamti kennu. Ameerikaan karaa idilee ta'een Taayiwaan waliin hidhata hinqabdu. Garuu ammoo seera odolitiin akka of ittistu karaawwan itti qarqaartu qabdi.