Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Daldaltootni Itoophiyaa Afrikaa Kibbaatti qabeenyi isaanii saamame hojiitti deebi'anii?
Afrikaa Kibbaatti hidhamuu pireezidantii duraanii Jaakoob Zuumaa hordofee hokkoraafi saamicha qabeenya lammiilee alaarraa gaheen kan miidhaman daldaltootni Itoophiyaa daldala isaaniitti deebi'uuf carraaqaa akka jiran himan.
Hokkoraafi saamicha kutaalee Afrikaa Kibbaa hedduu keessatti dhalateen daldalli dhalattoota Itoophiyaa hedduun saamamuufi mancaafamuu daldaltootaa fi embasii Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiru irraa iyyaafachuun gabaasaa turuun keenya ni yaadatama.
Daldaltootni saamicha guddaaf saaxilamuu BBC'tti himan amma yaddoo irra deebiin saamamuu malla jedhuufi hanqina maallaqa hojii ittiin eegalan keessa ta'uun hojiitti deebi'uuf carraaqaa akka jiran himaniiru.
Asseggid Yohaannis dachee Afrikaa Kibbaa erga ejjetee waggootni sagal darbaniiru.
Naannoo Darbaan bulchiinsa Kuwaazuuluu Naataal jedhamu keessa suuqii uffata dhiiraafi dubaraa akkasumas koophee itti gurguru qaba ture.
Magaalaa xiqqoo inni keessa jiraatu keessatti dhalattoota Itoophiyaa afur qofatu jiraata.
Hidhamuu Jaakoob Zuumaa hordofee qabeenyi isaafi kan nama biroo tokko guutummaattii yeroo manca'u kan lamaanii ammoo ooluu danda'eera jedha Assaggid.
Waggaa tokkoof erga hojjetee booda qabeenya isaa gurguree Finfinneetti deebi'uuf karoorfatee akka ture kan dubbatu namni kun, amma sana gochuun rakkisaadha jedha.
Assaggiid BBC'tti wayita dubbatu magaalaa xiqqoo dur keessatti daldalu dhiisee hiriyyoota isaa waliin magaalaa Johaanisbarg keessa jiraachaa jira.
''Magaalittii gadhiisee baheera. Huccuuwwan suuqii kee keessa turan namootni saaman uffatanii arguun nama jeeqa. Kanaafi gara Johaanisbarg dhufe,'' jedha.
'Waliif birmachuu dadhabuun rakkinicha hammeesseera'
Qabeenyi isaa guutummaatti saamamuufi raandii Afrikaa Kibbaa miiliyoona 1.5 ol ( birrii miiliyoona 4.5 ol) akka ta'u Assaggid himeera.
Saamichaa fi mancaatii si'anaa kanarraa kan ka'e lammiileen Afrikaa Kibbaa isa bira hojjechaa turan shan dabalatee 150,000 ol ta'an hojii dhabanii taa'uuf dirqamaniiru jedha Assaggid. Waliigalatti qabeenyi doolaara biiliyoonaan lakkaawwamus manca'eera jedha.
Haleellaa kanaan namni hedduun miidhamuun walgargaaruun waliif qaqqabuu hanqachuun ammoo rakkinicha ittuu hammeesseera jedha.
''Lama sadii kan saamame jira. Naannoo keessatti namni suuqiiwwan xixiqqoo sagal qabu kan guutummaatti jalaa saamaman jira'' jechuun aadaa wal gargaaruu amma dura ture raawwachuu rakkisaa godheera jedha Assaggid.
Amma magaalaa nagadee itti buufachaa turetti deebi'uu ilaalchisee ''hin ta'u taanaan hin deebi'un ta'a'' jedha.
Waggoota 17 oliif Afrikaa Kibbaa kan jiraatan obbo Girmaa Fiixaa biyya dhalootaa Zuumaa Kuwaazuuluu Nataal magaala Pietermaritzburg jedhamu keessa jiraachaa turan.
Yeroo duraa keessa haleellaan raawwatamaa ture namoota biyya ormaatii dhufan irratti ta'us, kan alanaa garuu hunda irratti kan xiyyeeffate ture jedhu.
''Suuqiin koo sadii saamamaniiru. Inni tokko birrii miiliyoona 1.8 kan tilmaamudha kan hafan lamaan ammoo tokkoon tokkoon isaanii birrii miiliyoona sadii baasu ture'' jedhan.
Kasaaraa hanga kanaa booda amma guutummaatti gara hojiitti hin deebinee jedhu.
''Magaalaan an keessa jirutti walitti qabaa kominiitii Itoophiyaati. Daldaltoonni akkaan miidhaman 85 deebi'anii suuqii akka banatan dhaabbileefi namoota dhuunfaarraa liqii mijeessineerra. Gariin hojii ka eegalan yeroo ta'u gariin ammoo sababoota adda addaan hojii hin eegalle. Gariin liqiidhaan, kan qabus warra kaan gargaaruun hojii eegalutti jirra,'' jedhaniiru.
Mootummaan Afrikaa Kibbaa miidhaa guddaa qaqqabe san hordofee abbootii qabeenyaa miidhamaniif beenyaa akka kaffalu beeksiseera.
Ta'uus garuu abbootiin qabeenyaa dhalattoota Itoophiyaa ta'an irra hedduun adeemsa seeraa hunda guutanii daldalaa kan jiran waan hin taaneef, ulaagaa beenyaa argachuu guutuu dhabuu malu jedhu obbo Girmaan.
''Namni keenya heddumminaan akkuma beekamu baqataadha. Hayyama baasuun adeemsa hedduu waan qabuuf, namni keenya hayyama malee hojii hojjeta.
Kanaaf sirni nuun fayyadamaa godhu hin jiru. Lammiileen beenyaan ni kaffalama jedhameera. Nuuf garuu homtuu hin jiru.''
Waggoota 15 baqattummaan magaalaa Darbaan keessa jiraachaa akka jiru kan dubbatu Kaasmaasee Gabramikaa'eeel, saamichaa fi mancaatii raawwatame booda amma poolisootni daandiirra bahanii qabeenyi saamame gara bulchiinsa biraatti akka hin dabarfamne hordofaa jiru jedhe.
Ta'us garuu kana keessa namoota hayyama hin qabne qabaa jiru. Lammiileen Itoophiyaa hedduun hayyama waraqaa waan hin qabneef rakkoon isaan mudachaa jira. Rakkoo kana furuuf yaalaa jirra,'' jedha Kaasmaaseen.
Ammaan tana daldaltootni Itoophiyaa hojii daldalaatti deebi'aniirus jedha.
''Darbaan keessatti warra saamameefi jalaa mancaafameef raandiin miiliyoona tokkoo ol walitti qabamee namootni hojiitti deebi'aniiru.''
Afrikaa Kibbaatti Ambaasaaddarri Itoophiyaa Shifarraaw Taklahaayimaanoot haala amma jiru ilaalchisee yaada karaa barreeffamaa BBC'f kennaniin, Afrikaan Kibbaa amma guutummaatti naga-qabeettii ta'aa jirti, hojiin daldalaas gara hojii idileetti deebi'aa jira,'' jedhaniiru.
''Lammiileen Itoophiyaa miidhaan irra gahes walii isaanii gargaaruun gara caalu haala jechuun danda'amuun hojiitti galaniiru,'' jedhan Ambaasaaddar Shifarraaw.