Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afrikaa Kibbaa: Hokkora hidhamuu Zuumaan dhalate warraanni akka tasgabbeessu ajajame
Pireezidantiin duraanii Afrikaa Kibbaa Jaakoob Zuumaa hidhamuu hordofee hokkora dhalateen manneen daldalaa saamamanii gamoowwan ibiddaan gubachaa jiru.
Mootummaan Afrikaa Kibbaa hokkora kana tasgabbeessuuf humni waraanaa akka bobba'u ajajeera.
Hokkora kanaan Wiixata har'aa manneen daldalaa saamamanii, gamoowwanis gubataniiru.
Hokkora torbee darbee eegalee itti fufe kanaan yoo xiqqaate namootni jaha ajjeefamanii, 200 kan ta'an to'annoo jala oolaniiru.
Pireezidantiin duraanii biyyattii Jaakoob Zuumaa bara pireezidantummaa isaanii malaammaltummaa raawwatan shakkii jedhuun qorannoo irratti eegalame irratti seera mana murtii eeguu dhabuun balleessaadha jedhamaniiru.
Beellama mana murtii dhimma isaanii qoraturraa hafuu isaaniif adabbiin ji'oota 15 kan itti murame maanguddoon ganna 79 Zuumaan, isa maalaammaltummaan himataman, yakkicha hin raawwanne jedhanii ofirraa ittisuun torbee darbe poolisiitti harka kennatan.
Zuumaan Manni Murtii dhimma Heeraa adabbii isaanii kana narraa hir'isa jedhanii kan amanan ta'us, ogeeyyiin dhimma seeraa garuu carraan jiru dhiphaadha jedhu.
Dhimmichi Afrikaa Kibbaa keessatti diraamaa dhimma seeraa amma dura mul'atee hin beekne ta'eera. Afrikaan Kibbaa seenaa ishee keessatti pireezidantii ishee duraanii mana murtii dhaabdee hin beektu.
Viidiyoowwan Wiixata mandara Zuumaa kan taate magaalaa Pietermaritzburg kan bulchiinsa Kuwaazuuluu Naataal keessatti argamtu keessaa gadhiifame manni daldalaa tokko osoo gubatuu agarsiisa, namootnis meeshaalee saamaa turan.
Rippoortarri BBC achitti argamtu Nomsaa Maseekoo akka jettutti halkan mana daldalaa samame biratti hokkora dhalate bittimsuuf poolisiin rasaasa pilaastikaa yoo dhukaasu kanneen hokkora uuman ammoo rasaasa dhukaasuun ofirraa ittisan jetti.
Hokkorri kun bulchiinsa Johaanisbargiifi Gu'aateengittis babal'ateera.
Dilbata kaleessaa mormitootni ulee, meeshaa goolfii ittiin taphataniifi kaaniis qabatanii handhuura daldalaa Johaanisbarg keessa yaa'aa turan.
Humni waraanaa biyyattii ejensiiwwan seera kabachiisan gargaaruufi bulchiinsota lamaan keessatti hokkora dhalate tasgabbeessuuf loltoota waraanaa akka bobbaasu ibseera.
Pireezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Ramafoosaa hokkorri kun akka tasgabbaa'u waamicha yoo godhan, hokkora kanaaf sababni amansiisaan hin jiru jedhan.
Zuumaan kan balleessaa raawwatan jedhamanii itti murtaa'e ajaja qorannoo malaammaltummaa irratti banameef ragaa akka dhiyeessan gaafaman diduu isaaniitiini
Zuumaan qorannoo kana ilaalchisee yeroo tokko qofa dhimma qabeenya mootummaa seeraan ala dabarsuurratti yaada amantaa kennan.
Dhimma seeraa kan biraan Zuumaan himannaa malaammaltummaa waliigaltee waraanaa doolaara biiliiyoona shan ta'uu kan bara 1990'oota keessaa raawwateerraa ji'a darbe bilisa jedhamaniiru.
Deeggartootni Zuumaa himatni isaanii shira siyaasaa deeggartoota Raamaafoosaan irratti xaxamedha jedhu.