Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Hokkarri Afrikaa Kibbaatti ka’e dursee kan karoorfamedha' - Pirezidant Siriil Raamaaposaa
Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siiriil Raamaapoosaa hokkarri biyyattii jeeqe dursamee kan karoorfameefi yaalii dimokiraasii quucarsuuf taasifamedha jedhan.
Hidhamuu pirezidantii duraanii Jaakoob Zuumaa hordofuun ture, Kibxata darbe hokkarri kan ka’e.
Kamisarraa kaasee lakkoofsi namoota du’anii %100 oliin dabaluun 212 ga’ee jira, akka mootummaan jedhutti.
Saamichi suuqiiwwan daldalaa irratti guyyootaaf taasifame hanqina dhiyeessii uumuun walqabatee, poolisiin omishaalee nyaata gara giddugaloota daldalaatti deemaniif eegumsa taasisaa ture.
KiwaaZuuluu Naataal keessatti meeshaaleen doolaara biiliyoona tokkoo ol ta’an suuqiiwwan qinxaaboo 800 ta’an keessaa hatamuu kantiibaan naannichaa himaniiru.
Wayita naannoo dhaloota Jaakoob Zuumaafi hokkarri itti hammaate KiwaaZuuluu daawwatanitti akkas jechuun dubbatani, Abba Raamaapoosaan: ‘‘hokkarriifi saamichi kun hundi ta’e jedhamuun kan kaka’aniifi namoonni kana karoorsaniifi qindeessan akka jiran ifadha.’’
Jeequmsi ka’e kunis dimokiraasii Afrikaa Kibbaa harkisuuf yaalii taasifamedha jedhani. Warreen kana keessaa harka qabanis akka to’annoo jala oolan deeggartootatti kan himan yoo ta’u, garuu ifa hin goone.
"Isaan hordofaa jirras,’’ jechuun dabalataan dubbataniiru.
KiwaaZuuluu Naataal keessa namoonni nyaata argachuuf jecha obboroo irraa kaasee hiriira irratti argamu.
Namoonni hiriira irra turan BBC’tti akka himanitti, maatiif nyaata eegaa kan turan, daa’imman isaaniif meeshaalee qulqullinaafi nyaata kan eeggatan akkasumas beeyiladoota manaa isaaniif nyaata kan eeggatanidha.
Torbeen naannicha jeequmsaan goole kun daandiiwwan akka manca’an yookaan mormitootaan akka cufaman kan taasise yoo ta’u, mootummaan dhiyeessiin nyaataa akka adda hin cinneef hojjeta jechuun ministirri yeroo Kihuumbuudzoo Intaashviheenii himaniiru.
Loltoonni bakkeen murteessoo ta’anitti bobba’aa kan jiraniifi poolisiin meeshaalee murteessoo ta’an, ooksijiiniifi dawaaleen nagaan akka geejjibamaniif dabalaa jira jedhaniiru.
Haasawa daqiiqaa 30 dheeratu TV irratti kan taasisan Abba Raamaapoosaan, dhiyeessiin hanqina nyaataas waan hin jirreef ummanni naasuun gabaatti ba’ee waa bituu akka dhaabu gaafatani.
Namoonni 2,500 ol hokkara kanaan walqabatee akka hidhamaniifi lammiileen Afrikaa Kibbaa akka tokkooman waamicha godhaniiru.