Lammiileen Itoophiyaa hokkora Afrikaa Kibbaa dhalateen qabeenyi isaanii saamamuu himan

Pirezidantiin duraanii Afrikaa Kibbaa Jeekoob Zuumaa hidhamuu isaaniin booda mormii fi hokkora biyyattii keessatti ka'een lammileen Itoophiyaa achi jiran qabeenyi isaanii saamamuu BBCtti himaniiru.

Afrikaa kibbaa keessatti yeroo dheeraaf hojii daldalaa kan hojjachaa turan Obbo Girmaa Fiixaa akka himanitti suuqii isaanii dabalatee kan lammilee Itoophiyaa hedduu saamameera.

Hanga Kibxata galgalaatti sababa hokkora kanaan yoo xiqqaate lubbuun namoota 72 darbee namootni 1,234 ta’an ammoo to’annoo jala ooluu isaanii poolisiin himeera.

Namootni mormiif magaalota adda addaatti ba’an haleellaa raawwataniin qabeenyi ibiddaan barbaada’ee, saamichi gaggeeffameera daandileenis cufamaniiru.

Kana boodas kanneen hokkora kana uuman to’achuuf poolisiin humna isaa ol taanaan humni waraanaa biyyatti gargaarsaaf bobbaafameera.

Saamicha

Obbo Girmaa Fixaa waggootii 17 oliif Afrikaa Kibbaa keessa akka jiraatan himu. Magaalaa guddoo kutaa biyyaa Jaakoob Zuumaa kan taate 'Pietermaritzburg' keessa jiraatu.

Hogganaa hawaasa naannichaa ta’uu isaanii kan himan Obbo Girmaan kanaan dura lammilee biyya alaa irratti haleellaa fi saamichi kan ga’aa ture ta’us, inni ammaa garuu nama hunda irratti kan gaggeefamaa jirudha jedhan.

“Waan hunda saamani,” kan jedhan Obbo Girmaan, “amma lubbuu keenyaaf sodaachaa jirra” jedhu.

Naannoo isaaniitti hanga ammaatti saamichi jiraatus lubbuu namaa irrati miidhaan ga’e akka hin jirre himaniiru.

Namoota eegumsa irratti hojjataniif kaffaluun nannoo isaanii samtoota irraa eeguuf yaalanis, sababa utuu itti hin himiin namootni eegumsaaf qacaraman bakka isaanii gadhiisanii deemanii jedhu.

Naannicha kan jiran manneen daldalaa dabalatee buufataaleen raabsaa boba'aa waan cufamaniif socho’uun akka cimu himaniiru.

“Suuqiinkoo sadan saamamaniiru. Inni tokko qabeenya gara birri miiliyoona 1.8 ta’u qaba ture warri kaan lamaan ammo tokko tokkoon isaani birrii miiliyoona 3 tti tilmaamamu” qabu kan jedhan Obbo Girmaan mormitootaan saamamuu isaani dubbataniiru.

Maatii isaanii ittiin bulchuufi ijoollee barsiifachuuf madda galii isaanii waan ta’eef, saamichi kun “abdii kan nama kutachiisudha” jedhu.

Suuqii isaanii kan biraa gidduugala magaalatti jiru saamicha irraa oolchuf yaalaa akka jiranis dubbataniiru.

Naannichatti manneen daldalaa 160 ol saamamaniiru kan jedhan Obbo Girmaan manneen daldalaa gurguddoofi wiirtuleen gabaa biroo akka gubaman himuun ammayyuu naannichaa aarri akka mul’atu himaniiru.

Johaanisbargi, magaalaa sochiin addaan cite

Johaanisbargi keessatti hojii daldalaan kan bulan Aadde Ma’aazaa Tasfaayee akka jedhanitti hokkarichi eegaluun booda haalli namaa sodaachisuu fi yaaddessu uumameera.

Gara bakkeetti ba’uu baatanis sochii namootaan alatti maneen daldalaa ammayyuu cufaa ta’uu isaanii BBC'tti himaniiru.

“Haalli jiru namatti hin tolu. Nu bira gaafa Dilbata baayyee sodaachisaa ture. Lammilee Itoophiyaa fi Maalii dabalatee baqattoonni biyya alaa dhakaa fi uleedhaan reebamaniiru,” jedhu.

Haalli naannichaa akkanaan erga itti fufee booda poolisiin halkan walakkaa achi waan ga’aniif amma tokko nagaan bu’eera jedhu.

Magaalattiitti sochiin namoota jiraatus, “Ammammoo amma nutti dhufu sodaa jedhuun mana teenyeerra. Mana teenyee manneen daldalaa akka banamaniif eegaa jirra,” jechuun yaada isaani ibsaniiru.

Tarkaanfii Mootummaa

Hokkora biyyattiitti uumame to’achuuf Afrikaan Kibbaa humna waraanaa bobbaafteetti.

Biyyattiitti hokkora uumameef deebii yemmuu kennan Pirezidant Siriil Ramafoosaa “ummatni hokkora akka dhaabuuf,” waamicha dhiyeessaniiru.

Bulchiinsa Hawuteengi fi bakka dhalootaa Zuumaa KuwaZuuluu-Nataalittti humni waraanaa biyyattii bobbaafamee hokkora kana to’achuuf yaalaa jiru.

Ministeerri Poolisii Hekii Chelee [Kibxata] akka dubbatanitti saamichi taasifamaa jiru kan itti fufe yoo ta’u, sochiin waan adda citeef jiraattonni wantoota ishaan barbaachisuu argachuuf rakkataniiru jedhu.

Bulchiinsa namootni 26 keessatti du’an KuwaZuuluu-Nataalittti fi Hawuteengi keessatti labsii yeroo muddamaa labsuun barbaachisaa akka ta’e ministeerri ittisaa biyyatti dubbataniiru.

Himata malaammaltummaa keessa harka qabu jedhuun Zumaa irratti hidhaan ji’oota 15 murtaa’ee Roobii darbe poolisiif harka isaanii kennaniiru.