Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Lammileen Itoophiyaa Afrikaa Kibbaa jiran: Nageenya keenyaaf ammallee wabii hin qabnu'
Itoophiyaa dabalatee lammileen biyya gara garaarraa baqatanii Afrikaa Kibbaa jiraatan qabeenyasaanii saamamuufi hidhaan namoota biyyoota biraarratti xiyyeeffatee gaggeeffamaa jiruun yaaddoo keessa jiraachuu dubbatu.
Rakkoon kun kan duraan magaalaa Joohaanisberg ture yeroo ammaa bakka birootti baballachaa akka jiru himatu.
Roobii galgalaa Magaalaa Sowweetoo kan 25km Johaannisbargirraa fagaattutti shaqaxni lammilee Itoophiyaa suuqii keessaa jalaa saaamamuu kan dubbatu lammiin Itoophiyaa achi jiraatu Ejjataa Mokonnin, mi'oonni daldalaa lammilee Itoophiyaa biyyatti keessa jiraataniirraa fudhatamuu dubbatu.
Saamichi raawwatamees poolisitootatu haleelame jechuun haaloo bahuuf dhalattoonni biyyattii baqattoota miidhu dubbate. Saamichas kan raawwate isaanuma jedha Ejjetaan.
Miidhaan namarra ga'e jiraachuu baatus, qabeenyasaanii irraa fudhatamu ibsuun, dhugaatii lallaafaafi keekiin osoo hin hafne irraa fudhachuu kaase.
Haallli nageenyaa biyyattiin keessaa jiru akka isaa yaaddessuu kan dubbatu Ejjataan, rakkinni kun magaalota birootti babal'ate baqattoota biyyatti keessa jiran akka caalaatti hin miine sodaa qabaachuu dubbata.
Daldaltoonni qabeenyi isaanii saamame hojii idileetti hin deebinee. Jibbinsi lammilee biyya alaa achii jiraatanirratti deddeebi'ee uumamaa jiraachu kaase.
Qaamoleen nageenyaas 'sakatta'iinsa itti fufna' jechuusaanii daldaltoonni ltoophiyaa akka yaadda'an dubbata.
Torban darbe namoonni 1,200 ol ta'an magaalaa Johaanisbargitti qabaman keessaa harki caalaan gadhiifamuu kan dubbatu Ejjataan, ta'us garuu nageenya keenyaaf wabii hin qabnu jedha.
Akka inni jedhutti lammileen Itoophiyaa torban darbe keessa magaalichatti qabamanii turan guutummatti gadhiifamaniru .
Waggoota sadetti biyyatti jiraadhee keessatti lammileen Itoophiyaa kan durii caalaa amma mirgaa keenyaaf falmuutti jira, abukaatoo dhaabee namoota hidhaman hiiksisa turre jedha.
Namoonni saddeti ammas garuu hidhamanii akka hin hiikamiin jiranis kaaseera.
Fuulduratti lammileen Itoophiyaa Aksiyoona ijaarrachuun daldala seera qabeessatti deebi'uun hojjachuu qabu, yoo akkas hin taane harkaa duwwaa dhufne harkuma duwwaa biyyatti nu deebisu,'' jechuun yaaddoo qabu dabalee ibsa.
Haaluma walfakkaaatun, lammilee Itoophiyaa baqatummaan biyyatti keessa jiran keessaa Ta'eeraa Ayyaanaa bara 2011 jireenya isaa fooyyeeffachuuf biyyaa bahe Johaanisbargiin jiraata.
Magaalichatti saamichi dhiyeenyatti raawwatame lammilee jiruu harkaa gara afaanii jiraatan harka qal'eeyyiirratti kan xiyyeeffate ture jedha.
Kanan durallee namoonni si'a 10 ol saamamaa waan turaniif dubbichu furmaataa hin jiru jedha lammiin Itoophiyaa kun.
"Akka nama adamfamuutti jiraannaa malee tasgabbii keessa hin jiruu. Biyyattiin guyyaa tokko tasgabbooftee hin beektu, qabeenyin horadhees koo miti jechaa, borus Rabbiitu beeka jennee jiraannaa," jedha Ta'eeraan.
"Wabii jireenyaa hin qabnu sodaa keessa jiraannaa."
Sababii yaaddoosaatii wayita kaasu, lammilee Itoophiyaa dabalatee biyyoota Afrikaa biroorraa biyyattii keessa jiraatan deddebi'anii saamamuu, lammileen isaanillee osoo hin hafiin miidhaa kanaan gaaga'amu dubbata.
Harka caalu garuu, baqattootatu miidhamaa jira. Baqattoota biyyatti jiraatan keessaa lammileen Itoophiyaa suuqii banatanii hojjataan qabeenya isaanii saamamuu jedhe.
Lammiin Itoophiyaa Kan biraa Darban jiraatu Maariyoo jedhamu Darbaanittis sodaatanii suuqiisaanii daldaltoota cufan jalaa dargaggoonni biyyatti gurmaa'anii suuqii cabsanii seenuun mi'asaanii saamanillee magaalichatti arguu dubbate.
Haalli magaalicha keessa jiru saamicha Johaaanisbergitti raawwatamu waliin yeroo madaalle ammaaf baayyee hammaataa miti jedhe.
Baqattoonni achii jiraatan tasgabbii dhabaa jiraachuufi namoonni yaadda'aan hedduudha jedhe.
Hayyamsaanii haaroomsuuf wayita dhaqanittis, "tuffachuufi deddeebisuun jira namnii baayyeen gammachuu hin qaban," jechuun ibsa.
Afrikaa Kibbaaatti Ambaasaddaarrii Itoophiyaa Shifarraa Taklamaariyaam dhimma lammilee Itoophiyaa biyyatti keessaa jiraatan hordofaa akka jiraatan dubbatu.
Lammileen Itoophiyaa daldala xixiqaarratti hirmaataa jiran biroorratti haleellaan akka hin babal'anneef mootummaafi lammilee Itoophiyaa achi jiraatan wajjin hojjata jirraa jedhan.
''Saamichi turee jira hanga ammaatti garuu miidhaan qaamaa ga'eera kan jedhu odeeffannoo hin qabnu. Gochi kun wanta Johaanisbargitti rawwatee waliin hidhannoo qaba jiraattonni jedhan jiru."
Qaamoolee nageenya isaaniirratti gochaa haleellaan akka sababaatti kaasuutti jiraachuus dubbatan.Gochii lamaan wanta wal qabaatan waan fakkataniif mootummaan xiyyeefannoon akka irratti hojjetuuf dhiyeenyatti hojjechaa jirra jedhu Ambaasaaddarichi.
"Dhimmoota lamaan dhiyeenyatti hordofaa jirra. Warra Sowettotti miidhaman arganneerra. Lakkoofsa hagana jechuu hin dandeenyu ammatti sababiinsa gochii kun lammilee biyya ormaa hunda irratti kan xiyyeefate waan ta'eef," jedhu.
"Lammilee Itoophiyaa qofaarratti kan xiyyeefate miti. Iddoo tokko tokkotti lammileen Itoophiyaa heddumatanii waan jiraataniif sana fakkaata,'' jedhan.