Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Arnoold Shiwaazingar sagantaa Afrikaa Kibbaa irratti ‘dhiitame’
Viidiyoon waraabame akka agarsiisutti taatoon beekamaa Holiwuud Arnoold Shiwaazingar sagantaa Afrikaa Kibbaa tokko irratti haleellaan irratti raawwateera.
Bulchaan duraanii bulchiinsa Kaaliforniyaa kuni waldorgommi wadaroon utaalan irratti dinqisifattoota isaa waliin suura ka'uufi mallattessaafi ture.
Gidduutti garuu namni tokko duubaa isa dhiite. Namichi sana raawwate yeroosuma to'atameera.
Deebii Shiwaazingar tiwitara isaa irratti dinqisifattoota isaatiif barreesseen waan mudaten wanti isaan yaaddessu homaa akka hin jirre dhaameera.
Viidiyoon inni yeroo gaafa Sambataa Johaanisbargitti sagantaa irratti nama duubaa utaalee dhufen dhiitamu agarsiisu miidiyaa hawaasummaa gubbaa hedduu qoodameera.
Shiwaazingar yeroo dhiitamu fulduratti kan darbatame yoo ta'u namni isa rukute garuu duubatti deebi'e kufe. Yeroo kana eegdonni isaa namicha rukute sana lafatti isa qaban.
Boodarra poolisiitti dabarfame kennamuu namoonni sagantaa kana qopheessan himaniiru.
''Anoo waan tuuta namaa keessatti darbatame natti fakkaatee ture. Kuni yeroo hedduu mudata. Akkuma keessan yeroo viidiyoo kana erga ilaalee booda ture dhiitamuukoo kanan bare,'' jechuun hordoftoota isaa miiliyoona afur ol ta'aniifi twitara irra jiranif barresseera.
Waan mudate kana booda hordoftoonni isaa waan mudate irratti osoo hin taane saganticha irratti akka fulleeffatan dhaameera.
Sagantaan '' The Arnold Classic Africa'' jedhu waggaa waggaan Caamsaa keessa kan qophaa'u yoo ta'u gosa dorgommi hedduun dorgomtonnii dorgommii ni taasisu.