Afrikaa Kibbaatti suuqiin lammilee Itoophiyaa fi Somaaliyaa saamame

Afrikaa Kibbaa magaala Soweetootti manneen daldalaa lammiilee Itoophiyaafi Somaaleerratti saammichaa raawwatameen walqabatee lubbuun namoota sadii darbe.

Akka gabaasa poolisii Soweetootti haleellaan Roobii kun daldaltoota biyya alaarratti kan xiyyeefatee fi lubbuu namoota sadii kan galaafateedha.

Lammiin Itoophiyaa kan magaala Johaanisbargi dhiheenya rakkoon kun itti mudateetti argamu amma dubbiin ijoon rakkoon kun irraa madde meeshaalee yeroon irra darbe gurguruu kan jedhu ta'us ''baqataa hin barbaannu hojii nu dhabsiisan ejjennoo jedhu qabu'' jedha.

Poolisiin meeshaalee guyyaan itti darbe jedhaman irratti sakatta'iinsa taasiseen rakkoo akkasii akka hin argines namni kun nutti himeera.

Namootni ajjeefaman lammiilee Somaalee fi Paakistaan ta'uu akka adda baafatees daldalaan kun ni dubbata.

Lammiin Somaalee kan si'a sadaffaaf manni daldalaa isaa jalaa saamame Mohaammad Nuur dhimmi saamicha itti eegalan meeshaa guyyaan itti darbe fi sadarkaa isaa hin eegganne gurgurtu kan jedhu ta'uus isuma saamanii itti fayyadamu jedha.

''Samamuun alatti hiriyyoonni keenya akka malee reebaman jiru kaan ammoo miidhamaniis to'annoo jala oolfamaniiru'' jedha Mohammad.

''Hawaasni Afrikaa kibbaa bakka nu jirru jiraatan haala badaan nu ilaalu akka bineensaattis nu lakkaa'u" jechuun baayyee akka jibbaman dubbata.

Qabeenyi fi maallaqni isaa saamamuu kan himu daldalaan Somaalee kun ''hojii koo akkamiin akkan itti fufu hin beeku'' jedha.

Erga Afrikaa Kibbaa dhufee waggaa saddeet ta'uu kan himu daldalaan kun si'a sadii saamamees hanga ammaatti qaamni mootummaa isaan dubbise akka hin jirre dubbata.

Yakki kun yoo irratti raawwatamu poolisiin biyyatti deeggarsa akka hin gooneefis ni himu.

Haleellaa kanaan kan miidhaman lammiileen Itoophiyaa, lubbuu fi qabeenya isaanii oolchuuf iddoowwan garagaraa lamatti baqatanii walitti qabamanii akka jiru.

Imbasiin Itoophiyaa ka Piritoriyaa Afrika Kibba jiru, dhimma kan hordofaa jira, lammileen Itoophiyaa ka Soweetoo jiraatan akka nuu bilbilan jedhani lakkoofsa isaanii facebook iraati manxasaniru.

Caamsaa bara 2008 haleellaa lammilee alaa irratti xiyyeeffateen namoonni 62 ajjeefamanii turan. Isaan keessaa 21 lammilee Afriikaa Kibbaati.