Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afrikaa Kibbaa: Namooti qawwee hidhatan shufeerota taaksii 11 ajjeesan
Namooti qawwee hidhatan, shufeerota taaksii 11 Afriikaa Kibbaa keessatti ijjeesan jedhe poolisiin.
Nami 11 du'ee, afur akka hamtu miidhamee, nama yakka kana raawwate qorataa jira jedhe poolisiin.
Kutaa biyyaa Gawuteeng irraa gara Johaanisbarg awwalcha waahillan isaanii irraa galuutti turan, tasa haadhani.
Sababi hadhisa kana hin beekamne, ammoo Afriikaa Kibbaa keessatti garee warra taaksii oofu gidduu dorgoma guddaatu jira.
Marroo hedduu dorgomi kun jeequmsatti geeddaramti jedhe poolisiin.
Caamsaa waggaa kanaa qofa, shufeera taaksii 10 dorgoma tan iraatti ijjeesan.
Uummatii miliyoona 55 ka Afriikaa Kibbaa taaksii fayyadama.
Tan male jeequmsa akka akkaa biyya tanaati heddumata.