Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Afrikaa Kibbaa: Itoophiyaan 'haleellaa lammilee biyyoota biraa' balaaleffatte
Itoophiyaan haleellaa fi saamicha lammilee biyyoota biroo Afrikaa Kibbaa keessa jiraatan irratti raawwatamaa jiru balaaleffatte.
Ministeerri Dhimma Alaa Itoophiyaa ibsa Facebook irratti baaseen 'gocha hokkaraa sukanneessaa lammilee biyyoota biroo irratti qiyyaafate' cimseen balaaleffadha jedhe.
Pireezidantiin Afrikaa Kibbaa Siriil Ramapoosaa haleellaa fi saamicha walitti fufiinsaan lammilee biyyoota biroo irraa dhufan irratti raawwatamu balaaleffachuu isaanii Ministeerichi dinqisiifateera.
Pireezidant Siriil Ramaapoosaan "lammiin Afrikaa Kibbaa tokko lammii biyya biraa irratti haleellaa raawwachuuf sababni tokkollee hin jiru" jedhan Kibxata.
Hokkara guyyoota darban raawwateen duuba Wiixata namoonni hedduun to'annoo jala oolfamaniiru. Amma dura lubbuun nama shanii darbeera.
Mootummoonni biyyoota Afrikaa biroo lammileen isaanii Afrikaa Kibbaa jiraatan of-eeggannoo akka godhan akeekkachiisanii jiru.
Daldala lammilee biyyoota alaarratti haleellaan raawwatamu "gonkuma fudhatama hin qabu, waan Afrikaa Kibbaa keessatti akka raawwatu hayyamnu miti," jedhan Ramaapoosaan ergaa viidiyoo twitter irratti maxxansaniin.
"Hatattamaan akka dhaabbatun barbaada" jedhan.
Gamtaan Afrikaas ibsa baaseen 'gocha hin malle' kana jabeesseen balaaleffadha jedhe.
Haleellaa fi saamicha lammilee biyyota biroo irratti qiyyaafate kana ittisuuf poolisiin Afrikaa Kibbaa gaazii imimmaanessu, rasaasa gommaa fi bombii sagalee qofa dhageesisu namarraan miidhaa hin geesifne fayyadameera.
Hokkara kanaan dukkaanni hedduun namoota gareen socho'aniin yoo saamaman, konkolaattonni hedduun gubataniiru, konkolaatawwan gurguddaa lammileen biyyoota biroo oofanis haleelamanii turan.
Pirezidaantiin Naayijeriyaa Mamaadu Buhaarii bakka bu'aa addaa dhimmicha irratti qondaaltota Afrikaa Kibbaa waliin mari'atan garasitti erganiiru.
Kana bira darbees lammiilee ishee Afrikaa Kibbaatti miidhamaa jiran jette akka tiksaniif poolisii mataa ishee gara biyyichaatti erguuf karaa ministira dhimma alaa ishee qondaaltota Afrikaa kibbaa gafatteetti.
Ambasadarri Itiyophiyaa Afrikaa Kibbaa Johanisbargi jiran Dr Shifaraw Takilemariyamis eegumsi poolisiin biyyichaa gochaa jiru fi tarkaanfiin fudhataa jiran gahaa akka hin taane BBCtti himaniiru.
Imbasiin Itoophiyaa Johaanisbarg jirus lammileen Itoophiyaa hanga hokkarri kun tasgabbaa'utti dukkaana isaanii akka cufan gorsa kenneera jedha FBC.
Hogganaan poolisii Afrikaa Kibbaa Wiixata darbe gochi saamichaa fi qabeenya barbadeessuu magaalaa Johaanisbarg keessatti raawwate yakka malee jibba lammiilee biyyoota biraa ykn 'xenophobia' miti jedhanii turan.