Naayijeeriyaan lammiilee ishee tiksuuf poolisoota ishee Afrikaa Kibbaatti erguuf gaafatte

Haleellaan jibbinsa lammiilee biyyoota ambaa irratti Afrikaa kibbaatti gaggeeffamaa jiru biyyoota garaagaraan balaleffatamaa jira.

Qabeenyi lammiilee biyyoota biroo Afrikaa Kibbaa magaalaa Johaanisbargi keessa jiraatanii hedduun saamamuun kaan ammoo gubataa akka ture qaamni poolisii magaalichaa fi jiraattotni himaa turan.

Kana hordofee Naayijeeriyaan lammiilee ishee Afrikaa Kibbaatti miidhamaa jiran jette akka tiksaniif poolisii mataa ishee gara biyyichaatti erguuf karaa ministira dhimma alaa ishee qondaaltota Afrikaa kibbaa gafattee ture.

Pirezidaantiin Naayijeriya Mamadu Buhaarii bakka bu'oota addaa dhimmicha irratti qondaaltota Afrikaa Kibbaa waliin mari'atan garasitti erganiiru.

Ambasadarri Itiyophiyaa Afrikaa Kibbaa Johanisbargi jiran Dr Shifaraw Takilemariyamis eegumsi poolisiin biyyichaa gochaa jiru fi tarkaanfiin fudhataa jiran gahaa akka hin taane BBCtti himaniiru.

Lammiileen Itiyophiyaa lama hookaricha gidduutti balaa konkolaata isaan mudateen lubbuun darbuunis dhagahameera.

Lammiileen Naayijeeriyaa Dhaabbilee daldalaa Afrikaa Kibbaa hundaa irraa bituu fi gurguruus dhaabuuf akka jedhan karaa miidiyaalee hawwasaa ibsaa turan.

Ministerri Dhimma alaa Naayijeeriyaa komishinera Afrikaa Kibbaa biyyasaanii jiran waamuun erga mari'atanii lammiileen biyya ambaa Afrikaa kibbaatti qabeenyi isaanii saamamee fi gubate beenyaa argachuu qabu jedhan.

Pirezidantiin Afrikaa Kibbaa Siiriyaal Ramafoosaa haleellaan lammilee ambaa irratti xiyyeeffate hatatamaan dhaabbachuu qaba jedhan.

Jeequmsichi babal'achuun bifa bira qabachaa waan jirruuf Afrikaa Kibbaaf gaarii akka hin taanes himan.

Johaanisbargi naannoo Aleksandiraatti Poolisootni saamicha dhaabsisuuf yaalaa turan saamtota waliin walitti bu'aa turan. Yakka Kanaan namootni hirmatanis adabamaa akka jiran poolisiin beeksiseera.

Haleellaan jibbinsa laammilee biyyota biro Afrikaa Kibbaa jiraatan irratti xiyyeeffate irra deddebiin mudachaa kan ture yoo tahu lubbuu namoota hedduus galaafachuun isaa ni yadatama.

Kunis carraa hojii nurraa fudhatan jechuun akka sababaatti akka ibsamutu himam.