Jappaan talaallii Moderna miiliyoona 1.63 sodaa faalameera jedhuun hojiin ala goote

Madda suuraa, Reuters
Jappaan sababii falamaatiin talaallii Covid-19 gosa Moderna doozii miiliyoona 1.63 ta'u hojiin ala goote.
Ministeerri Fayyaa biyyattii, ''wantoonni hin beekamne talaallichatti makamaniiru,'' jechuun talaallicha fayyadamuu akka dhaabe himeera.
Talaallii doozii miiliyoona 1.63 keessaa 560,000 kan ta'u faalamuu ibseera ministeerichi.
Kubbaaniyyaan Jappaan keessatti talaallii Moderna kana raabsuu fi gurguru, Takeda Pharmaceutical, talaallii marsaa sadiin kennamuuf ture hundayyuu dhaabeera.
Erga oduun faalamuu dhagahamee shakkiin namoonni talaallicha irratti qaban akkaan dabaleera, kubbaaniyyichis kanaaf kennuu dhaabe.
Giddugalli oomisha talaallichaa kan Ispeen keessatti argamu sababa rakkoo kanaa ta'uu kan eere kubbaaniyyaan kun, garuu rakkoon maal akka ta'e ibsa bal'aa hin kennine.
"Hanga ammaatti rakkoon nageenyummaa fi bu'a qabeessummaa mudate hin turre,'' jedhe Moderna'n.
To'attootaa fi kubbaaniyyaa Takeda waliin ta'uun dhimmicha gadi fageenyaan akka qoratus himeera.
Akka gabaasa barruu biyya Jappaan, Japan Times newspaper, jedhamuutti, faalamni kun kan dhufe giddugalawwan oomishaa biyyoota torba keessatti argaman irraati.
Namoonni dursanii talaallicha fudhatan akka faalama talaallichaan hin miidhamneef ministeera fayyaa biyyattii hordoffii gochaa jira gabaasi kun.
Dorgommii Paaraalimpic gaggeessaa kan jirtu Jappaan weerara Covid-19 hamaa jala akka jirtu himte.
Biyyattiin Pfizer fi AstraZeneca mirkaneessuun erga fayyadamuu eegaltee turte, Moderna garuu dhiyoo eegalte.
Lammiileen Jappaan dhibbeentaa 40 ta'an guutummaatti talaallii fudhataniiru, dhibbeentaa 50 kan ta'an ammoo tokkoffaa fudhatanii marsaa lammaffaa eeggataa jiru.














