Dippilomaatiin Naayijeeriyaa Indoneeshiyaatti mataan gad qabamee 'hafuurri cituun' mufii guddaa uume

Yeroo qondaaltonni Indoneeshiyaa dippilomatii Naayijeeriyaa mataa gadi qabuun konkolaataa keessa kaa'an

Madda suuraa, _

Ibsa waa'ee suuraa, Yeroo qondaaltonni Indoneeshiyaa dippilomatii Naayijeeriyaa mataa gadi qabuun konkolaataa keessa kaa'an
    • Barreessaa, Kiriis Ewokoor
    • Gahee, BBC News, Abujaa

Mootummaan Naayijeeriyaa qondaaltonni immigireeshinii Indoneeshiyaa dippilomaatii Naayijeeriyaa irratti osoo haleellaa raawwatan vidiyoon isaanii waraabame, akka adabaman gaafate.

Viidiyoon miidiyaa hawaasummaa gubbaa qoodamaa jiru qondaalli qontsilaa Naayijeeriyaa Jakaartaa jiru Abduraahimaan Ibraahim namoota baay'een yeroo konkolaataa keessa yeroo gad qabamu agarsiisa.

Dhimma kanas Naayijeeriyaan akkaan qeeqxe. Hariiroo biyyattiin biyya kibba-baha Eshiyaa kana waliin qabdu keessa deebitee ilaaluuf akka ta'e beeksiste.

Viidiyoo qoodame irratti qondaalli tokko mataa dippilomaatichaa qabee yeroo teessumarraa fageessu mul'ata.

Obbo Ibraahim osooma cookanii ''hafuura baafachuu hin dandeenye'' yeroo jedhan dhagahamu.

Boodarra ''mormakoo, mormakoo'' jedhanii yeroo iyyan viidiyoo daqiiqaa tokkoofi sakandii 30 dheeratu keessa dhagahama.

Obbo Ibraahim magaalaa guddoo Indoneeshiyaa Jakaartaa keessatti daandii gubbaa hidhamani.

Taateen raawwate Naayijeeriyaa keessa mufii uumeera. Lammiileen hedduu biyyoonni hedduu lammiilee Naayijeeriyaaf kabaja akka hin qabne agarsiisa jedhan.

Kaanimmoo waan raawwate irratti mootummaan Indoneeshiyaa ibsa akka kennuuf gaafatan.

Ministeerri dhimma alaa Naayijeeriyaa akkaataa qondaaltonni Indoneeshiyaa dippilomatii kana qaban mormuun xalayaa ergeera.

Wanti Ibraahim qunname ''seera idila-addunyaa akkasumas konveenshinii Viyeenaa hariiroo dippilomasiifi qontsilaa biyyoonni ittiin bitamaniin faallaadha,'' jedheera.

Jilli Indoneeshiyaa Naayijeeriyaa jiruus gaafa Wiixataa taate mudateen walqabatee kan waamamanii gaafataman yoo ta'u, mootummaa isaanii bakka bu'uun dhiifama gaafachuu, ministeerri dhimma alaa ibseera.

Qondaaltonni immigireeshinii ambaasaaddara Naayijeeriyaa biyyattii jiruuf dhiifama gaafachuu ministeerri dhimma alaa Naayijeeriyaa dabalee ibseera.

Waan raawwate irratti gabaasa guutuu akka kennaniif ambaasaaddarri Naayijeeriyaa Jakaartaa jiran biyyatti kan waamaman yoo ta'u mariin itti fufa jedheera ministeerichi.