Iraan keessatti dippilomaatiin ol-aantuu Siwiiz gamoo dheerraa irraa 'kuftee duute'

Gamoowwan gurguddoo magaalaa Teehraan (Adoolessa 2020)

Madda suuraa, Anadolu Agency

Ibsa waa'ee suuraa, Siwiizerlaan akka mirkaneeffatetti hojjettuun imbaasii magaalaa Teehraan balichaan duuteetti

Hojjettuu ol-aantuu imbaasii Siwiiz magaalaa Teehraan jiru tokko gamoo dheeraarraa kuftee du'uu ishee miidiyaaleen Iraan gabaasaniiru.

Dippilomaatiin kun gamoo bakka jireenyaa ishee jirurraa akka kuftetu gabaafame.

Dubbi himaan tajaajilwaan balaa atattamaa burqaa oduu Mehr'tti akka himetti, dubartiin umuriin ishee ganna 51 taate kun imbaasii Siwiiz keessatti barreessituu jalqabaati. Dubbi himaan kun garuu maqaa dippilomaatii balaa kanaan lubbuun darbee hin eerre.

Poolisiin nannawaa Kamraniyeh jiru ogeessota fayyaa wallaansa yeroo atattamaa kennan Kibxata ganama beeksisulleen dippilomaatiin kun "osoo hin turuun duuteetti," jedhu.

Ministeerri dhimma alaa Siwiiz hojjettuun imbaasii biyyattii balaatiin akka duute mirkaneeffateera.

"Qajeelchi Dhimma Alaa Federaalaafi dursaan Gorsaa Federaalaa Iginaaziyoo Kaasiis du'a gaddisiisaa kanaan baayyee rifachuun gadda guddaa itti dhaga'ame maatiif ibsaniiru," jedha dubbi himaan ministeerichaa.

Ministeerichi itti dabaluun, maatiifi aanga'oota Iraan waliin dubbachaa jiraachuus himeera.

Mininisteerichi sababiiwwan eegumsa ragaafi dhimma dhuunfaa jedhu eeruun odeeffannoo gadi fageenyaa akkaataa dippilomaatiin kun itti du'an hin kennine.

Siwizerlaand Iraan keessatti erga Ameerikaafi Iraan bara 1979 irraa kaasanii wal dhabaniin booda fedhii dippilomaasii US bakka buuti.