'Lola Tigraayiin ijoolleen 5,000 maatii irraa adda bahaniiru'

Madda suuraa, AFP
Dhabbanni idil-addunyaa tola-ooltummaa daa'imman irratti hojjetu 'Save The Children' jedhamu lola naannoo Tigiraayiitti mudateen yoo xiqqaate ijoolleen qe'ee irraa buqqa'an 5000 tahan, maatiiisaanii irraa adda bahaniiru jedhe.
Dhaabbanni 'Save the Children' akka jedheetti, daa'imman maatii isaanii adda bahan baayyee isaanii dahoo baqattootaa fi bakka turtii idileen hin qophoofne keessa jiru.
Dhaabbatichi akka jedhetti ijoollee kunneen beelaaf akkasumas miidhaa qaamaa fi saalaaf saaxilamaniiru.
Dhaabbileen gargaarsa namoomaa hedduun bakkeewwan hedduu naannicha keessaa deggarsa dhiyeessuu akka hin dandeenyeef ijoolleen ofuma ofiiisaanii gargaaruuf yaalii taasisaa jirus jedheera.
Naannoo Tigiraay keessatti erga lolli jalqabee amma ji'oonni jaha kan darban yoo tahu, namoonni miliyoona 1.7 tahan qe'ee isaanii irraa buqqa'aniiru.
Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii naannichatti hanqinni deeggarsa namoomaa hammaachuu mala jechuun akkeekachiisa.
Naannichatti ''hanqinni nyaata madaalamaatiin kan ka'e ijoollee, haadholii ulfaa fi harma hoosisan miidhamaa jiraachuu'' ragaan agarsiisan akka jiranis ibseera.
Lolli naannoo Tigraayiitti Sadaasa 4, 2020 erga ifatti motummaa federaalaatiin eegalamee booda namoonni kuma 60 ol ta'an qeerraa baqachuun gara Sudaan qaxxaanuruusaanii ragaan dhaabbilee deegarsa namoomaa irraa argaman ni mulisu.
Kana malees hedduun lubbusaanii dhabuun kan gabaafame yoo ta'u, sababii hiri'na deegarsa namoomaatiin kaan beelaaf saaxilamaa jiraachuu dhaabbata Save the Children kan dabalatee dhaabbieen deegarsaa yeroo garaa garaatti akeekachisaa jiru.
Dabalataan aanga'oonni Afriikaafi addunyaa sababa waraana geggeeffameen dhiittaa mirgoota namoomaafi kabajamuu dhabuu seerota deeggarsa idil-addunyaa baatiiwwan jahan darbaniif Naannoo Tigraay goolaa ture ilaalchisuun dubbachuu qabu jedhe Aminastii Intarnaashinaal.
Waraanni Sadaasa 4, 2020 erga eegalee as, namoonni kumaatamni ajjeefamanii, kuma dhibbaan kan lakkaa'aman immoo biyyuma keessa qe'eerraa buqqa'anii jiru.
Kuma 60 ol ammoo Sudaaniin da'oo godhachuuf garasitti baqataniiru.
Aminastii Intarnaashinaal fi dhaabbileen biroos dhiitaa mirgoota namoomaa yakka waraanaa dabalatee sarbama namummaa ta'uu malan irratti ragaa hedduu walitti qabanii akka jiran ibsa dhaabbatichi.
Dubartootaa fi shammarran irratti miidhaa saalaa, gudeeddii gareedhaan ta'uun loltoota Itoophiyaafi Eertiraatiin raawwataman irrattis gabaasonni jiru jedha Aministiin ibsa isaa kanaan.
Mootummaan Itoophiyaa gara Tigraay deemnee himannaa sarbama mirgoota namoomaa ga'e jedhame qulqulleeffachuuf waamicha Aminastii Intarnaashinaal irraa dhiyaate fudhachuu didee, akkaataa naannicha waliin wal-qunnaman ammas ulfaataa ta'ee jira jedha Aministii Internaashinaal.
Mootummaan Itoophiyaas yakki akka gudeeddii humnoota nageenyaan raawwataman jiraachuu bira geenyeerra jedhee yakkoota kanneen qorachuun seeratti akka dhiyeessus ibsee ture.
Jiraattota naannichaa qe'ee irraa buqqa'anii fi deeggarsa barbaadaniif deeggarsi haalaan gahaa akka jiru mootummaan Itoophiyaa haa himu malee dhaabbileen deeggarsa namoomaa kennan garuu ammallee rakkoon akka jiru himu.














