Haati warraa ambaasaaddaraa daldaltuu kabalte himatamuu hin qabu jette

Madda suuraa, Reuters
Kooriyaa Kibbaatti haati warraa ambaasaaddara Beeljiyeem hojjattuu mana gurgurtaa wayyaa magaalaa Sool keessa jiru erga kabaltee booda himannaa jalaa miliquuf jecha mirga himatamuu dhabuu dippilomaatotaa argachuuf gaafachaa akka jirtu poolisiin hime.
Viidiyoon taatee kanaa akka agarsiisutti haati warraa Piitar Leskoohir, Shiyaang Shiihuu ji’a darbe yeroo hojjattuu suqii tokkoo kabaltu agarsiisa.
Shakkii waa hatteetti jedhuun hojjattoonni suuqichaa uffatii isheen qabattee ba’uuf deemtu kanshee ta’uu isaa adda baasuuf sakkata’uu barbaadani.
Erga sanaa ambasaaddarri kun wanti haati warraa isaa goote ‘fudhatama hin qabu’ jechuun dhiifama gaafateera.
Taateen kun kan uumame Ebla 9 mana gurgurtaa wayyaa magaalaa Sool, naannaa Yongisan-gu keessaatti argamuttidha.
Aadde Shiyaang, ganna 63, suuqichaa ba’uu ishee dura gara sa’aatii tokkoof wayyaa uffachaa ilaalaa akka turte miidiyaan Kooriyaa Kibbaa gabaaseera.
Hojjattuun tokko yeroo isheen suuqidhaa baatuu hordofteenii uffatni isheen uffattee jirtu -kan suuqichaa kan ta’e- haaraa kan itti hin kaffalamne ta’uu fi dhiisuu isaa adda baasuu barbaadde.
Sana booda haati warraa ambaasaaddarichaa hojjattu kan hordoftee gara suuqichaatti deebi’uun waldhabdee uumameen hojjatuu tokko dhiibdee, hojjattuu biraa jidduu galuuf yaalte ammoo yemmuu kabaltu viidiyoon CCTV ni mul’isa.
Caamsaa 6 poolisiin aadde Shiyaang qorateera. Akka imbaasiin Beljiyeem jedhutti kana dura dhibee istirookiin hubamtee hospitaalatti wal’aanamaa turte.













