Haati warraa poolisii hojjettuu manaa ishee lammii Miyaamnaar dararuun ajjeesuu amante

Madda suuraa, Getty Images
Haati warraa poolisii Singaappor hojjettuu manaa ishee Miyaanmaar irraa taate, beelessitee darartee ajjeesuu ishee amante.
Miidhaa bara 2016 keessa irra ga’een hojjattuun kun yeroo duututti ulfaatinni ishee kg 24 gofa ta’uu gabaafameera.
Abbootiin alangaa gochi Gayatiirii Murugayan “hammeenyaa fi tasumaan namummaa kan hin qabnedha,'' jedhaniiru.
Kun waggootii dhiyoo keessatti magaalota dureeyyii keessatti dararaa ga’an gurguddoo keessa isa tokkodha.
Gartuulen mirga namoomaaf falman akkaataa qabiinsaa hojjattoota manaa kan hedduun isaani biyyooti ollaa Eshiyaa irraa dhufan irratti yaaddoo qaban kaasaniiru.
Kibxatarra, Adde Murugayan, ganna 40, mana murti Singaappoor keessatti ajjeechaa Piyang Nigayi Don dabalatee himannaa 28 irratti dhiyaate balleessaa tahuushee amanteetti.
Dhaddacha booda hidhaan umurii guutuu irratti murtaa’uu danda’a.
'Akka kosiitti ishee daddarbatti'
Aadde Piyang Aadde Murugayaniif hojjachuu kan eegalte bara 2015tti yoo ta’u, kunis biyyasheetii erga baatee hojii ishee isa jalqabaa ta'u manni murti dhaga’eera.
Aadde Murugayan ishee dararuu kan eegalte Onkololeessa 2015'tti erga “suuta hojjetti, qulqullina hin qabdu akkasumas baayyee nyaatti” jechuun Addee Piyaang himattee booda ta’uu, mana murti eeruun miidiyaan biyyatti gabaaseera.
Vidiyoon kameeraa mana jireenyaa isaanii kessa kaa’ame irraa argame akka agarsiisutti, Piyaang du’uu isheen dura baatii ture keessa guyyaatti yeroo hedduu yemmuu dararamtu mul’iseera.
Dabalataanis Addee Murugayan kaawuyyaa ykn meeshaa ittin wayyaa qixeessaniin ishee gubuu fi “akka kosii asii fi achii ishee daddarbachuun” himatamteetti.
Nyaatni aadde Addee Piyaang yeroo hedduu nyaattu, daabboo bishaan keessa dhuubame, nyaata qorraa firijii keessaa ba'e ykn ruuzii muraasa ta’uu manni murti dhaga’eera. Ji’oota 14 keessatti ulfaatina qaama ishee %38 – kg15 hir’isteetti.
Hojjattuun ganna 24 kun Adoolessa 2016 keessa erga Addee Murugayan fi haadha isheen sa'aatii dheeraaf irra deddeebiin dararamtee booda lubbuun ishee darbe.
Bu’aan qorannoo du’a ishee booda gaggeeffame Addee Piyaang kan duute erga irra daddeebiin hudhamtee booda oksijiiniin sammuu ishee bira ga’uu waan dadhabeef ta’uu mul’iseera.
Abbootiin alangaa Aadde Murugayan hiidhaa umurii guutuun akka adabamtuuf gaafataniiru, abukaatooti ishee garuu yeroo sanatti miira gaddaa keessa akka turtee fi dhibee xiinsammuu OCD jedhamu waan qabduuf adabbii hidhaa gabaabaa akka argattuuf gaafatan.
Abbaa warraa ishee, qondaala poolisii Kelvin Chelvam fi harmee ishee irrattis himanni adda addaa dhiyaateera. Chelvam bara 2016tti hojii poolisummaa isaa irra dhorkamuu miidiyaan biyyattii gabaaseera.
Roobii irratto Ministeerri Humna Namaa Singaapoor Joosefiin Teyoo, Addee Piyaang oggeesota fayyaa hedduu bira deemtus, dhaabbati ishee qacare ishee daawwatus haalli isheen keessa turte hin baramne jetti.
Yeroo tokko ogeessi fayyaa madaa ishee argus Adde Murugayan garuu yeroo hedduu gulantaa ittin gamoo ba’an irra kukkufti jechuun himtee turte.
Teo’n gochi kun “kan nama naasisudha” jechuun hojjettoota manaa biyya biraa irraa dhufan kunuunsuuf waggooti dhiyoo keessatti qajeelfamoonni kaa’amuu ibsiteetti.
Ministeerri ishees akkaataa itti ogeeyyiin fayyaa gabaasa meedikaalaa kennan qorachaa jiraachuu fi ogeeyyiin fayyaa kun mallattoo dararaa yoo argan “itti gaafatamummaa” poolisiitti gabaasuu akka qaban rippoortarootatti himteetti.
Singaappoor keessa hojjettoonni manaa biyya biraa irraa dhufan 250,000 ta’an kan jiran yoo ta’u, hedduun isaani biyyootii akka Indooneshiyaa, Miyanmaar fi Filippiins irraadha.
Yakkootni dararaa akkanaa waan haaraa miti. Bara 2017tti jaalalleewwan hojjettuu isaanii Filippiinsi irraa taate beelessuun hidhamaniiru.
Bara 2019’tti ammoo lameen (couple) hojjettuu isaani Miyanmaar irraa taate dararuun hidhamaniiru.














