Afrikaa Kibbaa: Qondaalli qabeenya ummataa faayidaa paartiif oolchan adabaman

Ministira fayyaa Noosiiviiwee Mapiisaa-Naqaakuulaa

Madda suuraa, Getty Images

Ministirri Ittisaa Afriikaa Kibbaa qabeenya uummataa faayidaa paartiif waan oolchaniif mindaan ji’a sadii irraa cite.

Nosiviwe Mapisa qondaaltota paartii biyya bulchaa jiruu waliin xiyyaara waraanaa qabatanii gara Zimbaabwee imaluusaaniitiin adabaman.

Qabeenya mootummaafi uummataa dhimma dhuunfaaf itti fayyadamaniiru jedhamuun kan himataman Nosiviwe Mapisa isaan garuu dhimma hojiif akka itti fayyadaman dubbatan.

Namoonni biroonis qondaaltota mootummaa waan ta’aniif carraa kennaniifii fe’atanii akka waliin deeman dubbatan.

Pirezidaantiin Afrrikaa Kibbaa Siiril Raamaapoosaa kun murtee dogoggoraati jedhan.

Ministirri ittisaa kun dhimmoota naannawa biyyoota Afriikaa Kibbaa irratti mari’achuuf ture gara Zimbaabwee, magaalaa Hararee kan imalan.

Qondaaltonni Paartii Kongireesii Biyyaaleessaa Afriikaa ammoo dhibdee paartii Zimbaabwee Zanu-PF waliin qabu irratti dubbachuuf garas imalaa turan.

Hariiroo siyaasaa fi diinagdee biyyoota lameenii laafee ture cimsuuf garas imalan.

Paartileen morkattootaa ammoo qondaaltonni ANC xiyyaara qabeenya mootummaa ta’een bashannanaa imaluunsaanii baayyee isaan gube.

Yeroo dhiyoo as aangoo kan qabatan Pirezidaanti Raamaapoosaan maqaa paartii ANC malaammaltummaan xuraa’ee ture jijjiiruu waan barbaadaniif dhimma kana callisanii bira darbuu hin barbaanne.

Jila ANC’f xiyyaara kanaan akka imalaniif carraa kennuun faallaa bulchiinsa gaarii biyyattiin ijaaraa jirtuuti jedhan.

Kanaafuu Ministirri Ittisaa kun akka mindaa ji’a sadii kaffalanii fi galii kanas ittisa koronaavaayirasiif oolchuuf murteessaniiru.

Paartileen morkattootaa garuu gochasaanii kanaaf Pirezidaanti Raamaapoosaa hin galateeffanne.

Kun adabbii osoo hin taane fakkeessanii bira darbuudha jechuun tarkaanfii pirezidaantichi fudhatan ga’aa akka hin taane eeran.

Dhimmi kun parlaamaa biyyattiin irratti mari’atamuuf jira, kanneen aangoo kaafamuu ministirattii hawwanis jiru.