Indoneezhiyaatti namtichi haadha warraasaa fakkaachuun xiyyaaraan balali'e walakkaatti to'atame

Madda suuraa, Getty Images
Indooneshiyaatti namtichi ofiisaa akka haadha warraasaa fakkaachuun balaliinsa biyya keessaaf xiyyaara keessa galee ture balaliinsa jidduutti adda baafamun qabame.
Dubbiinsaa akkas ture. Namtichi maqaa isaa jalqabaa qofaan DW jedhamuun adda baafame kunis qorannoo Covid-19 deemnaan bu'aansaa pozatiivii ta'e.
Kanaan boodas balaliinsa yaadee ture taasisuuf akka dubartiitti haguuggii fuulaa kan 'niqaab' jedhamu kaawwachuun gara xiyyaaraatti qajeele.
Paasportii haadha warraasaa fi waraqaa bu'aa qorannoo Covid ishee negaativ [bilisa] ta'e qabatee ture.
Erga balaliinsii eegalameen booda osoo uffata isaa idileetti deebii'uu baate namni isa hubate tokkoo hin turre. Garuu erga inni uffata jijjirateen booda hojjattoonni balaliinsichaa gaaffii kaasan.
Daandiiwwan qilleensaa hedduunis tibba Eidh-al- Adha kan Adooleessaa 19 eegaleetti imala dhorkaniiru.
Namtichis battaluma xiyyaarri qubateen geeffame yoo qoratamu bu'aansaa pozatiivii ta'ufi to'annaa jala oolfamu poolisiin gaazexessitootaatti hime.
Wayita vaayirasichaan qabamuun barameettis mana keessatti adda of baasuun akka turu itti himamee ture.
Akkumas yeroon adda of baasuun itti turu xumurameetti himannaan yakkaa irratti akka banamu poolisiin hime.
Biyya Kibba Baha Eeshiyaa taatee Indooneeshiyaatti guyyaan namoonni 50,000 vaayirasichaan qabaman galmaa'eera.
Torbanoota muraasa keessattis, hospitaaloonni dhukkubsatootaan kan guutame yoo ta'u, oksijiinii dabalatee hanqinni meeshaalees mudataa jira.
Namoonni miiliyoona sadii ta'an vaayirasichaan qabamuun kanneen kuma 72 ta'an ammoo du'aniiru.
Duulli talaallii harkifataa fi tatamsa'inni vaayirasii gosa Deltaa jedhamuu babalachuun, vaayirasichi tibbana biyyattii keessa baayyee faca'usaatiif akka sababaatti kaafamaa jira.














