Namtichi pirezidaantii Maalii Assimi Goïta waraanuuf yaaluun himatame du'e

Shakamaa Maalii konkolaataarrati

Madda suuraa, AFP

Namtichi torban darbe keessa pirezidaantii bulchiinsa yeroo Maalii kan ta'an, Assimi Goïta albeen waraanuuf yaaleera jedhamuun to'atame, hospitaalaatti du'uusaa mootummaan biyyatti beeksise.

Namtichi ajjeechaa raawwachuun himatameefi eenyummaansaa adda hinbaafamne kunis wayita Goïta kabaja Eid al Adha sababeeffachuun Masijiida guddicha Baamaakootti kadhannaarra jiraniitti ture albeedhaan waraanuuf yaaluusaatti to'annaa jala kan oolfame.

Erga yaaliin albeen waraanuuf pirezidaanticha irratti aggaamameen boodas, Pirezidaanti Assimi Goïta TV irratti dhiyaachuun lammiileef nagummaasaanii himanii turan.

Ibsi mootummaan biyyattii kenne akka jedhetti, namtichi osoo hidhaa keessa jiru haalli fayyaasaa waan yaadesseef hospitaalatti geeffamuun achitti du'e.

Duutii shakkamaa kanaas qorannoo dhimmicharratti gaggeeffamu kan dhaabu akka hintaane mootummaan himeera.

Pireezidantii Maalii Assimi Goïta

Madda suuraa, Reuters

Guyyaa yaaliin ajjeechaa irratti raawwatame maal jedhanii ture?

Pireezidantiin Maalii Assimi Goïta salaata ayyaana Iid al-Adihaa (Arafaa) irratti yaaliin ajjeechaa irratti raawwatame ''qaamuma hogganaa tahuuti,'' jechuun akka salphaatti kuffisan.

''Waanti hunduu naguma. Dhibiin tokkollee hinjirtu,'' jechuun Aabba Asimiin gaazexeessitootatti himan.

Haasaan isaanii kunis erga namoonni lama Masjiida Grande jedhamu magaalaa guddoo Baamaakootti argamutti, yaalii ajjeechaa irratti taasisaniin booda.

Isaan keessaa namtichi tokko albee qara qabu baatee kan ture oggaa tahu, waraanuuf yaalii taasisuu gabaafameera.

Haatahu malee qondaala waraanaa bara dabre keessa fonqolcha gaggeessuun aangoo qabate kana miidhuu hin dandeenye. Jarri lamaan aggaammii taasisan kun battaluma sanatti qabamaniiru.

''Qaama bulchaa tahuuti,'' jechuun itti fufan pireezidantiin yeroo biyyattii kun. ''Yeroo hunda namoonni gammadoo hin taane jiru. Namoonni tasgabbii dhorkuuf yeroo mara waa yaalan jiru. Kuni taatee tokkodha, to'anneerras.''

Dabaluunis: ''Uummataaf dhaamsan dabarsu, an naguma kooti, rakkoon hinjiru. Namni miidhames hinjiru. Dhimmichas to'achuu dandeenyeerra.''

Pireezidantiin Maalii Assimi Goïta gaafa ayyaana Iid al-Adihaa

Madda suuraa, AFPCopyright

Ibsa waa'ee suuraa, Taatee kanaan booda Koloneel Goita ummata nagaa gaafachaa turan

Koloneel Goyitaa erga Pirezidaantii mootummaa Ce'umsaa Bah Ndaw fi Ministira Muummee Muktaar Owaanee hidhanii booda aangoo qabachuun isaanii ni yaadatama.

Gamtaan Afriikaa fonqolcha mootummaa Maalii keessatti deddeebi'ee mudataa jiruu fi yaaddessaa ta'e ilaalchisuun miseensummaa biyyattii yeroof haqee ture.

Maalii keessatti fonqolchi mootummaa bara darbe Hagayya 19 kan raawwate yoo ta'u, Pirezidaantiin yerosii Buubakar Keeyitaa aangoorraa gugsamanii hidhaa bu'anii turan.

Pirezidaantichi falmii keessa galanii dhangala'uu dhiigaaf sababa ta'uurra jechuun akka dafanii aangoosaanii gadi dhiisan dubbatanii turan.

Gamtaan Afriikaa, dhaabbileen gamtaa biyyoota lixa Afriikaa fi Dhaabbati Biyyoota Gamtoomanii fonqolcha mootummaa kana balaaleffataniiru.

Fonqolchi mootummaa yeroos Maaliitti raawwate ji'a sagal keessatti yeroo lammaffaaf kan raawwatedha.

Fonqolchi mootummaa waraanaan gaggeeffamu erga Afrikaan kolonii jalaa baatee booda irra deddeebiin waan mul'atu taheera.

Afrikaatti baroota keessa fonqolcha waraanaan gaggeeffaman

Biyya Afrikaa kamtu fonqolcha mootummaa hedduu keessummeesse?

Sudaan biyya fonqolchi hedduun itti gaggeeffame tahuun dursiti - biyyattiitti fonqolchi 15 kan raawwate wayita tahu shan qofatu milkaawe.

Inni yeroo dhiyoo isa bara 2019 keessatti raawwate oggaa tahu, mormiin uummataa ji'ootaaf erga gaggeeffamee booda, Omaar al-Bashir aangoorraa buusan.

Bashir ofumasaayyuu fonqolcha waraanaa bara 1989tti gaggeesseen aangootti ol bahe.

Erga 2015 as, fonqolcha mootummaa addunyaa gubbaatti galmaawan sagal keessaa lama malee kaan hunduu Afrikaatti mudatan - kan hafan lama Tarkii (2016) fi Miyaanmaar (2021).

Waliigalatti, ardiiwwan kamuu caalaa Afrikaan fonqolcha mootummaa olaanaa keessummeessiteetti.

Kan ittaanu Ameerikaa Kibbaa wayita tahu, fonqolcha 95 gaggeeffaman keessaa 40ni kan milkaawan turan.