Pirezidaanti Baayidan namni talaallame maaskii malee akka socho'u hayyamamuu leellisan

Pirezidaantii Joo Baayidan

Madda suuraa, Pool

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidaantii Joo Baayidan

Pirezidaantiin Ameerikaa Joo Baayidan, Ameerikaatti namoonni talaallii Covid-19 fudhatan maaskii godhachuun dirqama miti seera jedhu hordofuun ture maaskii isaanii ofirraa baasuun kun ''Ameerikaaf guyyaa gaariidha'' kan jedhan.

Aanga'oonni biyyattiis Ameerikaatti namoonni talaalliicha fudhatan bakkeewwan muraasaan alatti maaskii malee socho'u ni danda'u jedhan.

Akkasumas fageenyaa qaamaa eeggachuunis isaan hinbarbaachisu jedhame.

Akkuma murtee kun darbeen pirezidaantiin biyyattii mataansaanii miseensoota paarlaamaa Rippablikaanootaa waliin maaskii malee waajira Pireezidantii isa giingoo keessatti mul'ataniiru.

Haata'u malee eddoowwan namoonni itti baayyatan atobusii, xiyyaaraafi hospitaala keessatti kanneen talaallii fudhatan dabalate maaskii akka keewwataniif waamicha taasisan.

Bulchiinsi Baayindan namoota talaallii guutuu fudhatan irratti dhorkaawwan kaa'e akka laaffisuuf dhiibbaan irra gahaa ture.

Gama biraatiin ammoo pirezidaantiin Federeeshinii Barsiiftoota Ameerikaa manneen barnootaa guutummaatti akka saaqamaniif waamicha dhiyeesseera.

Waamichi kunis kan dhiyaate erga Faayizar talaallii omishe ijoollee umuriinsaanii waggaa 12-15 jidduutti argamu akka talaaluuf eeyyamni kennameefiin booda.

Wayita ammaa kanattis Ameerikaatti lakkoofsi namoota Covid-19n qabamaniifi du'anii hir'ataa dhufuutuu dhagaahame.

Jidduugalli Ittisaa fi To'annoo Dhukkubootaa Ameerikaa (CDC)n namoonni talaallicha fudhatan fageenya qaamaa isaanii eeguun dirqama akka hintaane beeksiiseera.

Baayidan, Ittaantuun Pirezidaantii Kaamaalaa Haariis fi hojjattoonni tibba walgahii Waayit Haawus Gaardan Rooziitti labsiif jecha maaskii malee mul'atanii ture.

''Gadi baanee namoota hinto'annu,'' kan jedhan Baayidan, lammiileen biyyattii talaallii hinfudhatiin garuu maaskii akka kaawwataniif gaafatan.

Niiw Jeersiitti Islaamtoonni Eid al-fitiriif waliitti qabamanii

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Niiw Jeersiitti Islaamtoonni Eid al-fitiriif waliitti qabamanii

Akkasumas fuula tiwiitaraa isaanii irratti ''Seerichi baayyee salphaadha. Talaalamuu ykn hanga talaalamtaniitti maaskii kaawwachuudha. Filannoon kan keessaan,'' jedhuun namoonni hanga yoonaatti talaallii hinfudhatiin maaskii kaawwachu akka itti fufan gaafatan.

Ameerikaatti ummanni parsantaa 35 ta'u talaallii kan fudhate yoo ta'u, bulchiinsi Baayidanis yoo xinnaatee talaallii tokkichalleen fudhachuun lakkoofsa kana hanga Adoolessaatti dachaan guddisuun parsantaa 70 irraan gahuuf karoorseera.