'Ani mucaakoo akkasitti hinbeeku, takkaas sababa kanaan maqaansaa dha'amees hinbeeku' -Abbaa dargaggoo Amaanu'eel

Dargaggoo Amaanu'eel Wandimmuu kan Kibxata darbe ajjeefame

Madda suuraa, Midiyaa Hawaasaa

Abbaan dargaggoo Amaanu'eel kan Kibxata darbe Dambi Doollootti qaamolee nageenyaan ajjeefamee, Obbo Wandimmuu Kabbadaa ilmisaanii miseensummaa 'Abbaa Torbeetiin' takkaa maqaan isaa dha'amee akka hin beekne himan.

"Ani mucaakoo akka kanatti hinbeeku. Takkaas mucaan koo sababa kanaan maqaansaa dha'amees hinbeeku. Takkaa hin beeku… takkaa….," jechuun sababa mucaasaanii ittiin ajjeefame ilaalchisee yaada isaanii BBC'tti himaniiru.

Itti-gaafatamaan nageenyaa godina Qeellam Wallaggaa Obbo Tasammaa Waariyoo ammoo dargaggoon kun miseensa 'Abbaa Torbee', garee irra deddeebiin namoota ajjeesuu, akka ta'eefi Kibxata darbe namoota lama rukute osoo baqachaa jiruu qaama nageenyaan rukutamuu himunsaanii ni yaadatama.

Obbo Wandimmuun garuu kan poolisiin namoota lama rukkutee osoo miliquuf jedhuu qabame jechuun ibseefi miseensa 'Abbaa Torbeeti' jedhu guyyuma sana yeroo gara addabaabaayii ilmisaanii itti ajjeefametti waamamanitti kan dhaga'an ta'uu dubbatu.

Komishiniin Mirgoota Namoomaa Itoophiyaafi namni BBC'n dubbise poolisiin addabaabaayii irratti dargaggoo kana akka ajjeese himanis, mootummaan naannoo Oromiyaa garuu haalli ajjeechaa kun dura qoratamuu qaba jechuun morma.

Suuraaleen miidiyaa hawaasaarratti qoodaman dargaggoon kun addabaabayii magaalichaarratti, bakka namoonni hedduun argamanitti shugguxiin uffata isaatti rarraafamee, harki isaa ammoo duubatti hidhamee mul'ata.

Obbo Wandimmuun ajjeefamuu ilmasaanii akkamiin dhaga'an?

Guyyaa Ilmi isaanii Amaanu'eel ajjeefame ganama manaa bahuu kan himan Obbo Wandimmuun, du'uu isaa poolisiin mana dhaquun waamee akka itti hime BBC'f ibsan.

"Waraanumatu dhufee manaa na qabe. Dhufaniidhuma na [fattashanii] yeroo isaan jedhan, 'maaltu ta'e' jedhee yeroon gaafadhu 'waan ta'e hinbeektuu?' naan jennaan, lakkii hin beekun jedheen. Hin bartaa kottu jechuun anaafi haadha warraa koo nu fuudhanii deeman," jedhu.

Yeroo isa konkolataarra baasanii waajira poolisii deemaa jiranii haati warraa isaan biraa gortee reeffa addabaabaayirratti argitee ''kun micaakootii?'' jechuun wayita iyyitu, eeyyeen mucaakeeti' ittiin jedhan'' jechuun ibsi Obbo Wandimmuun.

Gaaffii akkamiin ajjeefame jedhanii isinitti himan jechuun gaafatamaniif, "Uummata Dambi Doolloo biratti waan du'eef uummata Dambi Doollootu beeka. Kanaaf, isinis osoo gaafattanii," jechuun deebisan abbaan dargaggoo Amaanu'eel.

Sababa haati iyyiteef reebamne...

"Poolisiin nu fuudhee deeme mucaa kee awwaallattaa naan jennaan, ''eyyeen gooftaa koon'' jedheen. Yeroo ani fudhadhee ka'u isheen ammoo of to'achuu dadhabdee addabaabaayii naannoftee iyyite," jechuun waan isaafi hadha warraa isaa addabaabaayii reeffi ilmisaaanii harka duubatti hidhamee argan sanaatti isaan mudate ibsu.

Sababii isheen iyyiteef akka isaan reeban kan himan abbaan Amaanu'eel, poolisiin manaa isaan waame warra isaan reeban kaan irraa dhorku dubbatu.

"Mucaa fudhannee galuun nu rakkisee jennaan itti dhiifnee gallee mana keenyatti boonye. Booda garuu jaarsoliin biyyaa dhaqanii reeffa nuuf fidanii jennaan awwaallanne," jedhu Obbo Wandimmuun.

Obbo Wandimmuun yeroo addabaabaayii gahan ilmisaanii harkisaa hidhamee akkuma jilbeeffatee jirutti kufee jira jedhan.

Amaanu'eel mucaa akkamiiti?

Ilmisaanii Amaanu'eel ijoollee mana sagadaatti guddateefi ijoollummaa isaarraa kaasee daaqonii akka ture kan dubbatan Obbo Wandimmuun, Sanbata mana sagadaa, guyyaa kaan ammoo mana barumsaasaa deema jedhu.

Amaanu'eel dargaggoo umuriin isaa waggaa 17 yoo ta'u, kutaa 10ffaa barataa ture.

Gaafa ajjeefame sana ganamuma akka manaa bahe kan himan abbaan Amaanu'eel, manaa wamamanii addabaabaayiidhumatti reeffa mucaasaanii arguu qofa dubbatu.

Obbo Wandimmuun ijoollee biroo angafaafi quxisuu Amaanu'eel qabaachuu himanii, ilmasaanii ajjeefamee Bataskaan Sillaaseetti awwaallachuu BBCtti himaniiru.

Komishiniin Mirga Namoomaa Itoophiyaa ajjeechaa magaala Dambi Doollootti raawwatame kana ajjeechaa murtee seeraa malee (extrajudicial) jechuun balaaleffateera.

Komishinichi ''ajjeechaan shakkamaa Amaanu'eel Wandimmuu irratti qaamolee nageenyaatiin'' Wiixata darbe raawwatame kanas ''yaadessaadha'' jedhe.

Kana malees tarkaanfiin ajjeechaa akka kanaa (extrajudicial killing) kunis amantaa namoonni olaantummaa seeraa irraa qaban laaffisee, bu'aa gama kanaan argames boodatti deebisaa jechuun miidhaa inni qabaatu malu ibse Komishinichi.

Qaamoleen nageenyaa gocha kana atattamaan qoratanii tarkaanfii barbaachisu akka fudhatan gaafateera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ajjeechaa kana ilaalchisee maal jedhe?

Waa'ee ajjeechaa magaalaa Dambi Doollootti dargaggoo Amaanu'eel irratti raawwatee hagas mara quba akka hinqabne kan ibsan hoogganaan biiroo Kominikeeshinii mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Geetaachoo Baalchaa, ''Garuu tarkaanfiin akkanaa fudhatamuun akka irra jiraatu nan amanaa'' jedhan.

''Humnoonni kunneenis kaayyoonsaanii ajjeesuu waan ta'eef humni nageenyaas qaamolee kunneen saaxilee tarkaanfii fudhachuutu irra jira jedheen amana,'' jedhan.

''Humni nama ajjeesee nama jiilchuuf deemu irratti tarkaanfiin gosa kamiiyyuu, bakka kamittuu fudhatamuu qaba. Mootummaan Naannoo Oromiyaas kanaaf kallattii kaa'ee hojjetaa jira.''

''Qaamolee nama sababa ilaalcha siyaasaa isaaf manatti ajjeesaa jiranirratti addabaabaayii mitii eessattuu tarkaanfiin fudhatamuu qaba. Tarkaanfiin gocha isaaniin walsimu fudhatamuu qaba ejjennoo jedhu qabna'' jedhan qondaalli mootummaa kun.

Abbaan Torbee eenyuu?

"Abbaa Torbee'' jechuun abbaa dabaree torban dhufuu jechuu yoo ta'u, gareen maqaa kanaan waamamu ammoo Oromiyaa keessa bakkeewwan garaa garaatti hidhachuun soco'aa kan jiruufi qaama dhiyeenya kana mootummaadhaan shororkeessaa jedhamuun farajame waliin hidhata akka qabu dubbatu aanga'oonni naannichaa.

Kanaan duras Naannoo Oromiyaatti Itti-gaafatamaan Bulchiinsaafi Nageenyaa Obbo Jibriil Mahaammada, ''Abbaan Torbee damee magaalaa shororkeessaa Shaneeti'' jechuun BBCtti himanii ture.

Magaaloota keessa garee 'Abbaa Torbeefi Soonsaa jedhamaniitu' jiru. Gareen kunneenis ajjeechaa raawwachuun hookkora kaasuuf kan yaalan jechuun dubbatanii turan.

Obbo jibriil Mohaammad akka jedhaniitti, miseensoonni garee kanaa leenjii addaas ta'e meeshaa hin qaban. Hawaasicha fakkaachuun bakka mijatuufiitti balaa qaqabsiisuun dhokatu,'' jedhan.