Koroonaavaayirasii: Adunyaan maaliif rakkoo weerara koroonaavaayirasii Hindiif dhimmuu akka qabdu

Madda suuraa, AFP
"Haala akkas hamaa tahe argee hin beeku. Magaalaa Hindi keessa jiraachuu keenya hin amanne,'' Jayaanti Malhotiraa BBCtti kan dubbate. Uummanni oksijinii argataa hin jiru, akka horiitti du'aa jiru.''
Malhotiraa magaalaa Delii, hospitaala dhukkubsatoota koroonaavaayirasiin guute keessatti namoota du'an sirna reeffa gubuu raawwachuun gargaaraa ture.
Wiixata darbe biyyattiin akka adunyaatti walitti aansuun guyyoota 15'f namoota haaraa vaayirasichaan qabaman rikaardii tahe galmeesite.
Yeroo Hindiin weerarichaan miidhamaa jirtu kanatti US, Chaayinaa, biyyoota Lixaa fi biyyoota Afrikaa garii fi Kibba Baha Eeshiyaa ammoo lakkoofsa namoota vaayirasichaan du'anii xiqqaa galmeessaa jiruy.
Biyyootni tokko tokko uggura labsanii turan kaasaa jiru. Ganna kana Gamtaan Awurooppaa imaltoota talaallii argatan US irraa simachuutti deebi'uuf.
Rakkoon Covid-19 Hindii hammam hamaadha?

Madda suuraa, Reuters
Ji'a Guraandhalaa keessa duuti guyyaan galmaa'u gadi bu'uun namootni haaraan qabaman ammoo 12, 000 gahee ture. Namootni baay'een Hindi weeraricha hamaa jalaa miliqaa jirti jechuun abdii godhatanii ture.
Amma biyyattiin torban jalqaba weerarichaatti namoota qabaman 93,000 irraa ji'a Eebla 17 ammoo 200,000 gahe. Torban kana keessa ammoo 350,000 namoota haaraan qabamaan.
Lakkoofsi namoota du'aniis akkan ol ka'e. Torban Ebla 25 keessa yoo xiqqaate namootni 2,336 tahan guyyaatti du'aniiru. Kun dachaa torban yeroo weerarichi eegaleeti.
Hindiin dhugumatti rakkachaa jirti'' jedhe gabaasaan fayyaa fi saayinsii BBC, Jeemsi Gaalaager. Sodaan amma jiru, isa yeroo maalummaan vaayiresichaa hin baramiin ture jalqabaa sana na yaadachiisa jedhe.
''Koroonaan osoma yaala gahaan jiraateyyuu dhukkuba nama ajjeesudha. Garuu yeroo hospitaalonni waan godhan dhaban lubbuun du'a ooluu danda'u hedduun darbaa jira.''
Haalichi magaalaa Deelii bakka kutaa kunuunsa addaa ICU sireen hin jirre keessatti hammaateera.

Madda suuraa, AFP
Hospitaalonni baay'een dhukkubsattoota haaraa yaaliif deeman deebisaa jiru. Yoo xiqqaate namoonni lama hanqina oksijiniidhaan ni du'u.
Maatiin dhukkubsattootaa miidyaa hawwaasaa irratti bakka ciisichaa, oksijinii fi veentileeterii akka kennamuufiif iyyachaa jiru.
Ittisni weerarichaa wal xaxaa tahuun labiraatoriin qorannoos bu'aa isaa guyyaa sadii keessatti baasaaa jira.

Madda suuraa, Getty Images
Walumaagalatti Hindiitti namootni Miliyoona 17 tahan koroonaan qabamuun 192,000 kan tahan ammoo du'uun gabaafameera. Garuu lakkoofsi isaa kanaa ol tahuu mala jedhama.
Hammam waan badaa tahuu mala?

Madda suuraa, Getty Images
"Haala nama gaddisiisuun, torbanoota itti aanan muraasa keessatti haalichi hammaachuu mala,'' jechuun akeekkachiise Gaalager.
Barnoota, yeroo barnootaa, fi ammas lakkoofsi namoota haaraa qabamanii akkaan dabaluun guyyoota dhufanitti lakkoofsi namoota du'aniis akka dabalu godha,'' jedhe.
Osooma Hindi weeraricha halkan tokkotti dhaabdeyyuu namootni qabaman baayy'ee waan tahaniif ittuma fufuun namootni hedduun ni du'u. Garuu mallattoo dhukkubichi baduu waan agarsiisu hin jiru- Hammam facaatiin isaa dabalaa adeema kan jedhu milkaa'ina uggura darbuufi talaallii irratti hundaa'a.''
Kunis tahee garuu ammayyuu Hindi lakkoofsa namoota qabamaniinis tahe du'aniin sadrkaa jalqabaa irra hin geenye. Ameerikaatti namootni miliyoona 32 vaayirasichaan qabamanii, 572,000 kan tahan du'aniiru akka ragaa Joon Hopkiinsitti.

Yaaddoo kan uume ammoo baay'ina uummata Hindii fi weerarichi saffisa guddaan dabaluun du'aatii guddaa geesisaa jiraachuu isaati.
Haala akka kanaa tasumaa arginee hin beeknu, sirni fayyaa amma lakkoofsa namoota haaraa qabamanii waliin wal madaaluu hin dandeenye,'' jedhe Guwaatam Meenon pirofeserri Fiiziksii fi Baayiloojii BBCtti yoo himu.
Yeroo sirni fayyaa kufu, lakkoofsi uummanni dhukkuba kamiiniyuu du'u ni dabala- du'aatiin sababa koroonaan hin ibsamnellee.
Kun adunyaa kaaniif ergaa akkamii qaba?
Weerarichi adunyaa guutuuf yaaddoodha. Guyyaa jalqabaa irraa eegalee saayintisttooni fi ogeessotni fayyaa faalamni dhukkubichi geesisu biyyaa biyyatti, qilleensaan baatamuun kan deemuu fi akka adunyaatti akka tahe himaa turan.
Daangaa cufachuun weeraricha ittisuu irratti ammas qooda murtaa'aa qaba. Waan hin danda'amnedha. Yoo daangaa guutummaan cufuu fi balalii dhorkuun guutummaan hin danda'amu yoo tahe.
''Waanti Hinditti tahe adunyaatti faca'uun isaa waan hin oolledha. Keessumaa biyyattiin diyaasporraa adunyaa guutuu irraa waan qabduuf.
Werarichi waanti nu barsiise tokko rakkoon biyya tokkoo kan isa kaaniis tahuu isaati,'' jedhe Galager.
" Koroonaavaayirasiin jalqaba Chaayinaatti argame. Amma adunyaa guutuu keessa jira. Lakkoofsi namoota Hinditti qabamanii gara biyyoota kaaniittis cophuu danda'a. Kanaafidha biyyootni hedduun kan balalii dhorkan. Faalamni ammaa kun vaayirasii haaraaf haala mijataadha.
Yaaddoo haaraan Hinditti dhalatee?
Ittisa weerara koroonaa adunyaan gochaa jirtuuf haalli Hindi keessaa oduu gadheedha.
Lakkoofsi uummataa guddaa fi walitti gobbachuun uummata Hindi vaayirasichi akka baay'ateef haala mijataa taha,'' jedhe Raavii Guuptaa, yuunvarsiitii Kaambiriij irraa.
Yoo haala kana keessatti akka wal horu yeroo argate, adunyaa irratti yeroo dheeraaf facaatii weerarichaa hammaaeessa.
''Deebi'ee ka'uudhaaf yoo carraa argate namoota talaallii argataniyyuu deebise qabachuu danda'a'' jedhe Galager.

Madda suuraa, Getty Images
Hindii [Adunyaan kaan] akkamiin weeraricha dhaabuu danda'u?
Akka idil adunyaatti hanqina oksijinii jiru furuuf deeggarsi godhamaa jira.UK'n veentileeterii fi meeshaalee kuusaa oksijinii erguu eegalteetti. US ammoo meeshaalee dheedhii alatti ergaman dhorkitee kan turte kaasuun akka Hindi talaallii AsriraaZenekaa fayyadaman gochaa jirti.

Madda suuraa, AFP
VBiyyootni baay'eenis meeshaalee yaaliifi ittisaa PPE ergaafii jiru.
Mootummaan gidduugala oomisha oksijinii 500 guutummaa biyyattiitti akka hojjetamuuf mirkaneessera.
Kun garuu du'aatii xiqqeessuf malee weeraricha ittisuuf miti. Adunyaan kan barbaaddu Hindi uummata ishee baay'inaan talaaluun facaatii vaayirasichaa dhaabuudha.

Madda suuraa, AFP
Hinditti talaalliin kan jalqabe Amajji 16 yoo tahu adunyaa irraa isa guddaa ture. Namoota miliyoona 250 talaaluuf yaadamee hanga ammaatti namootni miliyoona 118 tahan talalamaniiru. Kun ammoo %90 baayi'ina uummatichaan gadi.
Garuu uummata hamma kanaa talaaluuf haalli bu'uuraalee misoomaa jiran rabsaa isaa wal xaxaa godhaniiru.
Ogeessonni ammoo talaallichi saffisaan kennamuun karoora jedhame gahuu qaba jedhu. Biyyattiin talaallii gahaa qabaachuu ishee fi mootummaan humna ariifachiisuun dargaggootaan gahuu danda'uun isaa ifa miti,'' jedhe Biswas ogeessi jedhamu.
''Hamma uummanni hamma kun talaalamutti adunyaa irratti yaaddoo fida. Rakkoon dhukkuboota daddarboo akka Covid-19 rakkoo biyya tokkoo qofa miti. Yoo biyya xiqqoo taatellee. Dhugumaatiin rakkoo adunyaati,'' Pirofeser Menoon.
''Qorannoo gaggeessuf, talaaluuf fi qorannoo furmaata adunya fidu gaggeessuu irratti deeggarsa idil-adunyaa barbaanna,'' jedhe.
Akka ogeessota fayyaa fi namoota siyaasaatti guyyaa jalqabaa irraa eegaluun dubbachaa turre. ''Hamma hundi keenya fayyaa taanutti namni tokkoyyuu fayyaa hin tahu,'' jennerra.












