2020 keessa gochaawwan gara laafummaa afur gammachu namootatti horan

Madda suuraa, Panchkula Police/ Arun Senapati/ ANI
Bara Covid-19 keessatti babal'atee ture 2020 keessaa namoonni odessaalee mata dureewwan weerara vaayirasichaa, ugguraa fi dhorkaawwan imalaa dubbisaa turan.
Haata'u malee midiyaalee hawaasaa biyya Indiyaa keessaa muraasni haala ture sana keessatti kan uummata bohaarsuu yaalaa turan jiraachuu gabaasaan BBC Andriiw Klaaraanse barreesseera.
Isaan keessaa gochaawwan afur bara 2020 keessa namota gammachisan haa ilaallu.
'Guyyaa kiyya gammachuun guutte'
Indiyaan facaatii vaayirasichaa ittisuuf uggura kan labsite Bitooteessaa 25 ture. Namoonni baayyee keessattu jaarsoliin maatiifi hiriyyoota irraa adda cituun qofaa manatti hafan.
Kanaafuu Kaaraan Puuriin jiraataa maanguddoon, magaalaa Kaakaa Indiyaa naannoo Haaryaanaa keessaa yoo ta'an poolisoonni Amajjii keessa mana isaanii dhaqanuu karra yoo rukutan baayyee gamadan.
Viidiiyoon booda midiyaarratti hedduminaan qodameen, Puuriin wayita gara karraatti didichaan''Ani Kaaraan Puurii, qofaa kiyyan jiraadha. Lammii biyyattii gameessa'' jedhan dhagahaman.
Garuu wanti booda ta'ee baayyee kan keessa isaanii xuqee ture. Qondaaltoonni poolisii ''Bagga dhalattan'' jechuun wayita faaruu guyyaa dhalootaasaanii faarsaniifi, Puuriin dinqisiifannaan fajajanii, attamiin akka baran gaafatan.
Boodas imiimaaniin ijoolleen isaanii biyya biraa waan jiraataniif qofummaan akka itti dhagahamee ture qondaaltoota poolisitti himan.
Poolisoonnis ''nutis akkuma maatii keessaniiti. Kanaafu qofummaan isiniitti dhagahamu hinqabaatu'' jedhaniin. Achinis keekii guyyaa dhalootaa dhiyeessuun faaruu farsanii harka rukutaniif.
Viidiiyoon isaas midiyaalee hawaasaa irratti onnee namoota baayyee tuquun qondaaltoota poolisootaaf gocha isaaniitiin kabajaafi leellifamuu argamsiiseera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 1


Viidiyoo suuqii nyaataa bicuu baraare
Gochi kunis kan eegale wayita viidiyoon maanguddoo ijji-imimaaniin gutame instaagirama irratti maxxanfameen booda ture.
Viidiyichi maanguddoonni waggaa 80 Kaantaa Piraasaad sababii ugguraatiin daldala daandiirratti hojjatan dhaabamuutti kaameeraa irratti wayita bohan mul'isa ture.
Nyaanni dandiirraatti gurguramu baayyee beekamaa ta'ulleen sababii ugguraatiin suuqiiwwan daldalaa hundi cufamuuf dirqamanii ture.
Mr Piraasaadii fi haati warraa isaanii Baadaamii Deevii bara 1990 kaasee ture daldala kan kan gaggeessaa turan naannichaatti.

Madda suuraa, Getty Images
Viidiiyoo baayinaan qoodame irrattis Mr Piraasaad nyaataa guyyaaf qopheessan argasiisan. Hanga ammaatti hangam akka argatan yoo gaafataman garuu 'baayyee xiqqoo' jechuun bo'iicha keessaa fudhan.
Biloogarii Gaarava Waasaan viidiyoo kana instaagirama irraatti qoode jalqaba Onkololeessaatti. Namoonni hedduunis qodan. Dubartiin tokkoos ''baayyee qalbii kiyya cabse'' kanaafuu ummnni Delhii akka baabaa Kaa Dhaabaadoowwataniif maanguddoo kanaafi haadha warraa isaa gargaaranii nan gaafadhe jechuun Tiwitara irratti maxxansite.
Gaaffiin sun dhagahamuun namoonni hedduu fi kaameeraan mana nyaataa bicuu sanatti sa'aatiiwwan muraasaa vidiiyichi qoodameen boodatti wal gahan.
Tiwtirarri sunis artistoota bebeekamoo hanga namoota idileetti wal harkaa fudhame. Viidiyoon sunis amma yeroo miliyoona shanii ta'u ilaalameera.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 2

Namoonni addunyaa mara irraa maanguddoota kanneen deeggaruuf gummaata taasisan. Haa ta'u malee Mr Piraasaan akka waan Mr Waasaan kan viidiyoo bilogarii isaarratti maxxansee maallaqa naaf ergame seeraan hinqabne jechuun himatan, malee gargaarsa hedduutu taasifameef. Bilogarichi garuu himmanicha ni haale.
Mr Piraasaad himannaa poolisiitti galfatan. Booda garuu Mr Waasaan akka galateeffatan dhagahameera. Isaanis resitoraantii haaraa ittiin saaqachu danda'an dhiyeenya kana.

Hakimii covid dhukkuubsattootaaf shubbiise
Dr Arup Senapaati akka hakiimii covid-19tti kaaba-baha bulchiinsa Indiyaa keessa hojjachuu kan eegalan Ammajjii keessa ture.
Akkuma weerrichi hospitaaloota dhiphiisuu eegaluun, hakiimoonnifii hojjattoonni fayyaa akka isaa sa'aa 24f hojjachuuf dirqaman. Yaroo tokko tokkoos dadhabbii qaamaafi sammuutiif saaxilamaa turan.
Garuu Dr Senapaati haala kana ittiin ofiisaafi dhukkubsattoota Covid-19 ittiin bohaarsu addaa barbaade argate. Innis darbee darbee shubbisuun namootaafi ofiisaa bohaarsuu eegale. Kanas gochuu jaalataa dhufe.
Hirriyyota isaa keessaa tokko wayita inni shubbisu viidiyoo waraabuun tiwtara irratti baaasee baatii Onkolooleessaa keessa. Viidiyichii gar malee qoodamuun namoota miliyoona 5.7 ilaalameera.
Artiistiin Booliiwuud beekamaan Hrithik Boshaan gochaa hakimiin kun dhukkubsattoota isaa kofalchiisuuf taasiseen kabaja ibseera.
Garuu hakimichi gonkumaa akkasiin viidiyoonsaa namoota hedduun ni ilaalama jedhamee hin yaadne ture!

Dhukkubsattuu Covid erga fayyiteen booda shubbiste
Snehaal Satpute erga Covid-19 irraa bayyanachuun gara manaa deebiiteen booda, simannaa taasifameef hineegne ture.
Viidiiyoo midiyaalee hawaasaa irratti gara malee qoodame irratti, obboleettiin ishee kan waggaa 23 Saalonii gammachuun mana fuldura daandiirratti shubbisaa obboleettii ishee simaataa mullatti.
Snehaal kan reefu hospitaalaa baatees eshii fi miseensoota maatii kan biraa waliin ta'uun shubbisa keessatti hirmaatan.
Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.
Xumura maxxansa X, 3

Obbooleetiin ishees warra ollaa erga miseensoonn isaanii shan covid-19 qabamaniin booda isaan qoolleeffataniif ergaa dabarsuuf jecha akka qophii shubbisaa sana raawwattee gaazexaa biyya keessaa tokkotti himte.
Indiyaa keessatti wayita jalqaba weerarichi mudateetti loogiinnamoota vaayirasiin kanaan qabaman irra gahu cimaa ture.














