Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Liiverpuul maaliif Maanchister Yuunaayitidiin akka mo'uuf deeggaru beektaa?'- Marfii
Amma caalaa yeroon gara Anfiilditti deemuuf mijatu Maanchister Yuunaayitidiif kan jiru miti, jedha xabataan duraanii Liiver Puul Daanii Marfii.
Sababiin inni jalqabaa akka durii deeggartootni dirree keessa hin jiran. Kan biraan ammoo Liverpuul sarar ittisaa irra miidhama taphattoota baay'ee qaba.
Haatahu malee, booda kana gara galchii baay'ee lakkofsisuutti deebi'aniiru.
Yeroo Maanchister Yuunaayitid ilaaltus,- Gahumsa gaariin taphachuu, taphoota mo'achuu fi Liiverpuuliin qabxii sadiin caalanii gara dorgommichaatti deemuu isaaniiti. Kanaaf isa durii caalaa ofitti amanamummaa guddaan dorgommii kanaaf dhiyaatu jedhamee eegama.
Deeggartootni qooda ol aanaa Anfiilditti qaban hin jiran
Sababa koroonaavaayirasiin deeggartoota malee kubbi miilaa itti fufus tapha akka kanaa cimaan deeggaraa malee gaggeeffamuun isaa waan addaati.
Sadarkaa isaan lamaan amma Piriimer Liigii irratti qaban yoo hafeyyuu Maanchister Fi Liiverpuul morkii seenaa adda tahe qabu. Kana irratti kilebootni lamaan liigicha keessaa sadarkaa 1ffaa fi 2ffaa irra jiraachuun isaa ammoo dorgommicha akka abidda irratti boba'aa naquu taasiseera.
Tarii ani deeggaraa Liiverpuul tahee morkii kilaboota lamaanii hundaa beekee waanan guddadheef tahuu danda'a. Garuu yeroo tapha akkasii taphannu torben dorgommichatti geessu miira addaa qaba ture.
Shaakala irrattis namni kamiyyuu garee taphattoota filatamaniitti dabalamuuf jecha morkii hundaa taasisa ture. Gaafa taphni gahu miirri dirree keessa jiru fedhi deeggartoota qofa tapha guddaa waggicha keessa gaggeeffame tahuu isaa waan sitti himu qaba.
Maal akka tahe hubachuuf muuxannoo isaa argachuu qabda. Miirrii fi dhiibbaa inni taphattoota irratt qabus jechootaan ibsuuf ni ulfaata. Anaaf miira ajaa'ibaa kenna. Garuu taphni Dilbataa kun deeggartootni bakka isaanii waan hin jirreef isa barame irraa adda taha.
Liiverpuul dirree isaa irratti deeggartoota malee taphachuun rikardii gaarii qaba. Tahus garee morkataaf faaiydaa xiqqoo waan qabu natti fakkaata.
Maanchister kan amma gahumsa guddaa irra jiruuf ammoo ofitti amataa guddaa waan kennu natti fakkaata.
Soolshaayer Murtoo jajjabaa fudhata
Leenjistootni lamaan taphattoota filachuuf carraa bal'aa kan qaban tahus Soolshaayer harka caalaa filannoof carraa taphattoota bal'aa qaba.
Kiloop ittisa irratti Yoel Matipin Faabiniyoo waliin taphachiisuuf miidhama irraa bayyaannachuun tapha kanaaf gahaa tahuu Matip eegaa jira.
Yoo kuni hin taane garuu Kiloopp garee guddattotaa keessaa nama tokko ykn ammoo Yoordan Hendersan sarara ittisaa irra taphachiisuu danda'a.
Kanaaf sababa guddaa kan tahe taphataa cimaan Liiverpuul Virjil Vaan Daayik fi Joy Gomez miidhamuu isaaniiti.
Soolshaayer filannoo bal'aa qabaatus sarara gidduu irra garuu bakka filannoo taphattootaa irratti murtoo isa barbaadudha.
Pool Poogbaan Nemaniyaa Maatich waliin Kibxata darbe haala gaariin taphate. Skot Toominee fi Fireed ammoo taphoota gurguddoo irrattibara kana filannoo jalqabaa leenjisichaa turan.
Man Yuunaayitid yoo tapha kana mo'ame deeggartoota kilabichaa irraa dhugumaan qeeqa guddaan isa mudata. Isa kaan caala kana mo'achuu isaa barbaadu. Garuu taphattootni isaa gahumsa gaarii irra jiru.
Liiverpuul ammas gahumsa isaa dabalaa?
Gareen lamaan jalqaba of eeggannoo yaada jedhu dhiisuun bilisaan taphatu jedheen yaada. Taphni kun akka isa duraan Maanchister Siitii fi Yuunaayitid waliin taphatanii sana hin tahu.
Taphni sun baayyee nama jibbbiiisa ture. Liiverpuul gahumsa guddaa irra tahuu isaa kan itti mirkaneessuu fi Maanchister ammoo morkataa cimaa bara kanaa tahuu isaa kan itti ilaalu taha jedheen yaada. Garuu ammas Liiverpuul waan mo'atu natti fakkaata. Ana keessaa miirri jaalalaa fi deeggarsaa Liiverpuul akka dubbatu beekamaadha.
Tapahataa cimaan Maanchister Yuunaayitid Buruunoo Fernaandez morkataan kee yoomiyyuu gahumsa kee irra akka jiraatu hin barbaaddu. Kanaafuu Liiverpuuliin mo'achuuf taphanna jedhe.
Erga Aleeksi leenjisaa Man Yuunaayitid tahee hojii eegalee waan caawwan 13 yoo mo'atu Liiverpuul waancaa Piriimer Liigii mo'atee hin beeku ture.
Turtii waggaa 30 booda Kilooppi jalatti waan caa Piriimer Liigii mo'achuu danda'an.
Fergusan waa'ee Liiverpuul amma maal jedhe
Sir Aleeksi Fergusan waan hundumaa mo'achuuf jalqaba Liiverpuul mo'achuu qabna ejjennoo jedhan qabu ture.
Manguddoon ganna 79 Fergusan tibbana turtii leenjisaa duraanii Liiverpuul Keenii Daagilish fi leenjisaa garee biyyaalessaa Ingilaandi Gaare Saawuzgeet waliin taasisan irratti gahumsi Liiverpuul dhiyeenya kanaa ''bagan soorama bahe na jechisisa'' jedhan.
Leenjistootni kunneen qorannoo dhibee sammuuf kan oolu deeggarsa walitti qabaa turan.
Maanchister Yuunaayitid walumaagala waancaa 20 yoo mo'atu Liiverpuul ammoo 18 mo'ateera.