Dubartoota: Liidiyaa Taaffasaa, murteessituu tapha kubba miilaa dhiiraa 'CHAN'

Konfedereeshiniin Kubba Miilaa Afrikaa dorgommii CHAN har'a Kaameerunitti jalqabuuf murteesitoota gochuun namoota 47 fileera.

Murteesitoota 47 filaman keessaa 19 kan tahan murteesitoota tapha sarara gidduu yoo tahan kan hafan ammoo gargaartotaafi murtessitoota viidiyooti.

Dubartootni afur warra dhiiraa waliin dorgomuun gahumsa qaamaafi ispoortiin ilaalamuun filamaniiru.

Murteesitoota tapha sarara gidduu 19 keessaa dubartii tokkittiin argamtu lammii Itoophiyaa Liidiyaa Taaffasaati.

Liidiyaa Taaffasaa biyya keessatti dorgomiiwwan idil adunyaa garaa agaraa taphachiisuun gahumsa ishee kan agarsiifte yoo tahu Konfedereshiniin Kubba Miilaa Afrikaa dorgommii qopheessu Chan irrattis murteessituu sarara gidduu tahuun filatamteetti.

Caf dorgommii kubba miilaa dhiirotaa irratti dubartootni murteessitoota tahuun akka taphachiisan erga murteesseen booda adeemsa isaa keessatti dubartootnii hoggansa adda addaa qabatanii akka hojjetan taheera.

Liidiyaa Taaffasaa dabalatee dubartoota amma dorgommichaaf akka gargaartotaati filaman Maalawwii, Naayijeeriyaa, fi Kaameerun irraa filamuun kan irratti hirmaatan taha.

Haadha mucaa tokkoo kan taate Liidiyaan gara ispoortiitti kan seente magaalaa Jimmaatti jaalala tapha kubbaa kaachootiiind.ha

Liidiyaan ijoollummaa isheetti kubba miilaas taphachaa turte. Garuu irra caalaa kan jaalattuuf taphachaa turte kubba kaachooti.

Liigii kubba miilaa Itoophiyaa keessatti gahumsa guddaan kan taphachiistu Liidiyaan leenjii jalqaba irratti waa'ee murteesummaa irratti argatteen ture kan gara hojii kanaatti galte.

Murteesummaan dubartoota keessa jalqaba irratti kan waamamtu Liidiyaan taphota kubba miilaa irratti murteessumman taphachiisuu yeroo jalqabde qormaatni adda addaa ishee mudachuuCaf marsariitii isaa irratti beeksiseera.

''Baay'ee rakkisaa ture. Namoonni tokko tokko dubartootni kan keessa hin jirre tapha kubbaa miilaa keessa galuuf maaliif murteesite jedhanii na gaafatu,'' jette Liidiyaan.

Murteesitoota dubartootaa horachuuf leenjii murteesummaa kenname irratti hirmaachuun dorgommii umurii waggaa 15 gadii irratti mutrteessummaan taphachiisaa turte.

Dorgommii piriimer Liigii Itoophiyaa irrattis murteessummaan hojjechaa turte.Hojii murteesumman dorgommii kubba miilaa dhiirotaa irratti yeroo argan namootniakka waan haaratti ilaalan jiru. Haa tahu malee dhiirota waliin kubba miilaa taphachaa turuun ishee murteesummaa tapha kubba miilaa dhiirotaa irrattis akka ishee gargaare himti.

Gahumsa murteessummaan biyya keessatti agarsiifteen booda waggaa 15 dura dorgommii kuba miilaa umurii 20 gadii Naayijeeriyaa fi Laayibeeriyaan waancaa Afrikaaf darbuuf magaalaa Abujaatti gaggeessan irratti murteessummaan taphachiisteetti.

''Tapha sana hin irraanfadhu. Sababni isaa baay'ee rakkisaa ture waan taheef. Istaadiyeemichi isa Itoophiyaatti beeknu irraa baay'ee guddaadha. Deeggartootnis adda turan'' jette.

Itti aansuunis Dorgommii Guutuu Waancaa Afrikaa irratti taphachiisuun waggaa lama lamaan kan qophaa'u dorgommii Kubba Miilaa Dubartoota Afrikaa irrattis yeroo afur taphachiisuun amma isa itti aanuuf qophaa'aa jirti.

Dabalataan waggaa afur duraa fi waggaa darbe kan gaggeeffame dorgommii kubba miilaa Waancaa Adunyaa akkasumas dorgommii Fifa umurii 17 gadii fi 20 gadii gaggeeffaman irrattis murteessummaan hirmaatteetti.

Liidiyaan mucaa ishee erga ulfooftee fi deessee booda murteesummaasheetti deebi'uuf qormaatni ishee mudatee ture.

"Ulfaan booda jijjiiramni qaamaa ni mudata. Ulfaatinnikoo dabalee waan tureef gara dhaabbiikoo duraatti deebi'uuf baay'ee hojjechuun qaba ture. Jabaadhee hojjechuudhaan dhuma irratti naaf mijatee waancaa Afrikaa irratti hirmaachuuf carraa argadhe" jette.

Dorgommii sanaa yeroo qophaa'aa turtetti miidhamni ishee mudatee kan ture Liidiyaan gara biyya isheetti deebi'uuf akka jettuufi kanaaf sodaan akka ishee mudatee tures dubbatti. Haa tahu malee sana irraas bayyaannachuun sadarkaa kanaaf geesseetti.

Miidhamasheen boodas gara sa'aatii dabalataatti kan ce'e tapha walakkaa xumuraa Kaameeruunii fi Ayivorii Kosti taphachiisteetti.T ''aphichi gara sa'a xumuraatti yommuu ce'u taphattoota kubba miilaa dirree keessa turan caalaa cimtuun ture. Baay'ee natti tolee ture'' jette Liidiyaan.

Liidiyaan dorgommiiwwan ardii Afrikaa fi idilaadunyaa gurguddaa irratti murteessummaan hirmaatteetti. Fuuldurattis dorgommii waancaa Afrikaa dhiirotaa irratti hirmaachuuf abdii akka qabdu himteetti.Liidiyaan murteesummaan dabalatas ogummaa faarmaasiis waan qabduuf yeroo sababa koroonaavaayirasiin dorgommiin kubba miilaa adda cites ogummaa kanaan tajaajilaa turteetti.

Shaakala irraa fagaattee kan hin beekne Liidiyaan madaala dubartiin tokko maatii ishee fi kubba miilaa gidduutti qabaachuu qabdus eeguun akka as geesse himteetti. Dubaartoota faana ishee hordofuun sadarkaa Afrikaatti murteessummaa kubba miilaan bahuu barbaadanis leenjisuuf fedha akka qabdu himteetti.