Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Kazuyoshi Miyuuraa taphataa kubba miilaa ganna 53 kilaba Yokohaamaaf taphatu
Seenaa dorgommii kubba miilaa Jaappan keessatti taphataan ganna 53 Kazuyoshi Miyuuraa jedhamu kilaba kilaba isaaf galchii lakkoofsisuun taphataa umurii dheeraan galchii lakkoofsise isa jalqabaa taheera.
Taphataan kun yeroo turtii kilaba isaa waliin qabu xumurus kontiraata waggaa tokkoo biraa mallatteessera.
Kazuyoshi Miyuuraan ji'a Guraandhalaa dhufu umuriinsaa ganna 54 guuta. Taphataan internaashinaa Jaappan kilaba Yokohaamaaf kan mallatteesse bara 2005 ture.
Waggoota 17 darbaniif kilabichaaf taphataa ture. Jaalalliifi fedhiin kubbaa miilaaf qabu dabalaa deeme'' jedhe Kazuyoshi Miyuuraan.
Ama taphataan kun bara dorgommii kana umurii isaa ganna 54'n taphata jechuudha.- Kazuyoshi Miyuuraan tapha kubbaa miilaa idilee kan jalqabe bara 1986 kilaba biyya Biraazil Saantos waliin ture.
Taphataan kun galchii isaa isa dhumaa kan lakkoofsise umurii isaa waggaa 50'n yoo tahu bara 2017 kilaba Tespakusastu jedhamu irratti ture.
Taphataan maqaa King Kazu' jedhamuun waamamu Jaappan keessatti nama ispoortii baay'ee jaallatamuu fi yeroo hundeeffama liigii Jaappan bara 1993 irraa jalqabuun fakkeenya liigiichaa tahuun beekamu.
Biyya isaa Jaappaaniif taphoota 89 irratti galchii 55 lakkoofsiseera. Miyuuraan kileba Xaaliyaanii Genoyaaf taphachuun booda gara Kirooshiyaa fi Awustiraaliyaatti imale.