Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Diyeegoo Maraadoonaa: Taphataa gameessi Arjantiinaa Maraadoonaan ganna 60tti boqote
Taphaataan kubbaa miilaa gameessi Diyeegoo Maradoonaa umriisaa ganna 60tti lubbuun isaa darbe.
Taphaataa Arjantiinaa fi leenjisaa garechaas kan ture Maradonaan mana isaatti dhibee onneen lubbuun isaa darbe.
Jalqaba Sadaasaarra wal'aansa baqaqsanii yaaluu dhibee sammuu milkaa'aan taasifamee fi alkoolii akka dhaabuufis wal'aanamaa ture.
Seenaa kubbaa miilaa keessatti taphaataa beekamaa kan ture Madoonaan yeroo bara 1986tti Arjantiinaan Waancaa Addunyaa injiffatte dursaa gartuchaa ture, sana booda taphoota ciccimmoo adda addaa agarsiisuun itti fufe.
Kilaaboota Baarseloonaa fi Napooliifis taphaateera.
Maraadoonaan taphoota Arjantiinaaf taphate 91 irratti gooliiwwan 34 galcheera.
Waancaa addunyaa afur irratti Arjantiinaa bakka bu'uun hirmaateera.
Waancaa addunyaa bara 1990 Itaaliin qopheessiterratti kilabasaa qabatee argameera, wayita sana Jarmanii dhihaatiin injifataman.
Bara 1994 dawaa si'eessituu fudhateera jedhame shakkamus qoratamuu waan dideef gara biyyaa akka deebifamu godhame.
Maraadoonaan bara hedduu qoricha nama si'eessan fudhachuun himatamaa ba'e, bara 1991 qoricha fudhachuunsaa wayita baramu guyyaa 15'f tapharraa ittifamee ture.
Dhalatee umrii waggaa 37ffaasaarratti bara 1997 tapha kubbaa miillaa keessaa of baase.
Bara 2008 leenjisaa kilaba Kubbaa Miilaa Biyyaalessaa Arjantiinaa kan ta'e Maraadoonaan, waggaa lama booda bara 2010 wayita kilabi isaa kilaba Jarmaniin injifatamu dhiisee ba'e.
Ergasii Yunaayitid Arab Imireetis(UAE) fi Meeksikoo keessa naanna'uun garee kubbaa miilaa hoogganaa ture.