Doktorri US kaffaalti wal’aansa fayyaa dolaara 650,000 dhukkubsatootaaf dhiise

Madda suuraa, Getty Images
US keessatti Doktorri dhibee kaansarii wallaanu dhibamtooti kaansarii 200 ta’an kaffaaltii wal’aansaa isaanii kaffaluuf rakkachaa jiraachuu isaanii erga baree booda gara liqii doolara 650,000 ta’u dhiiseef.
Hogeessi fayyaa Dr Omaar Atiiq jedhamu wiirtuu wal’aansaa kutaa Arkansaas jiru keessa gara wagga 30 erga hojjeete booda wagga darbe cufeera.
Dhabbata liqii sassabu waliin ta’uun kaffaltii hin kaffalamiin hafeeru sassaabuu jalqabee booda maatiin hedduu sababa weerarichaatiin diinagdeen isaaniimiidhamee rakkachaa akka jiran hubate.
Guyyaa Ayyaana Dhaloota Kiristoos irratti liqiin irra jiru kamuu akka haqamee dhukkubsatootaaf barreesse hogeessi fayyaa kun.
“Yeroo keessa namootni kaffaluu hin dandeenye akka jiranan hubadhe,” jechuun dubbate DR Atiiq.
“Kanaaf, hatii warraakoofi ani akka maatiitti, liqii isaanii haquu irratti waliin haasofne. Haquu akka dandeenyu hubannee, sana booda haquuf murteessine.”
Amma Yunivarsitii Arkansaas dame Meedikaal Sayiinsi keessatti piroofeesara kan ta’e Dr Atiiq “yeroo weerarri kun mana, jireenyaafi dinaagdee namoota hedduu jeqeetti kana goochuun waan sirrii akka ta’e hubanne,” jechuun gaazeexaa Arkansas Demokraatittti himeera.
Liqiin kaffaaltii wal’aansaa dhukkubsatoota 200 irra ture gara doolara 650,000 akka ture hima.
Kaardii baga geessanii ayyaana waggaa dhukkubsatootaaf erge irratti Dr Artiiq kana barreesse: “Kiliniiknii kaansarii Arkansaas isin tajaajiluu isaatti baayyee boona. Harki caalaan kaffaltii wal’aansaa dhabbilee inshuraansiin kan kaffalaman ta’us, kaffaltiiwwan hafan ammayyu cimoo ta’uu malu. Kan nama gaddisisuu, sirni fayyaa keenya akkanaan hojjata. Kilinikni keenya liqii dhukkuubsatooti kilinikichaaf kaffaluu qaban hunda haquuf murteesseera. Baga geessan.”
Hogganaan Waldaa Hawaasa Meedikaalaa Arkansaas Deevid Wiroten akka jedhutti, Dr Atiiq yaada liqii dhukkubsattoota haquu irratti “rakkoon jiraachuufi dhiisuu” adda baasuuf bilbileefii akka isa gaafate hima.
“Utuu Dr Atiiq beektee, caalaatti siif gala,” jedha Wiroten. “Jalqaba, haakima akka isaa hayyuu ta’e argee hin beeku, isarra darbee haakima akka isaa gaarummaa qabus argee hin beeku.”















