Raashiyaan buufata waraanaa bishaanirraa Sudaanitti ijaaruuf

Qarqara galaana diimaa

Madda suuraa, AFP

Raashiyaan biyya ollaa Itoophiyaa qarqara Galaana Diimaa Sudaan argamutti buufata waraanaa bishaanirraa ijaaruufi.

Waliigalteen Kaartumiifi Mooskoon buufata waraanaa bishaanirraa hundeessuuf mallatteessan irratti odeeffannoon dabalataa booda kana bahaa jira.

Buufanni waraanaa kuni qarqara Galaana Dimaatti kan ijaaramudha.

Waliigalteen kuni torban darbe kan raawwate yoo ta'u, kunis Raashiyaan hanga dooniiwwan waraanaa afur akka sochoostu eeyyamaaf.

Kunis, kanneen niwkilara ofirraa qaban dabalata. Waliigalteen kunis waggaa 25'f kan turudha.

Akka xiinxaltoonni jedhanitti adeemsi Raashiyaa kuni Gaanfa Afrikaa irratti dhibbaa ishee deebifachuu kan kaayyeffatedha.

Raashiyaan waggaa kana irra-dedebbiin dhiibbaa ishee dhabaa jirti.

Ji'a tokko durallee michuun ishee Armeeniyaan, Azarbaayijaan kan Turkiidhaan deeggaramtuun mo'amteetti.

Pirezidantiin duraanii Sudaan Omaar al-Bashir yeroo jalqabaaf bara 2017 gara Raashiyaa yeroo imalan, Pirezidantii Raashiyaa Vilaadimir Puutin waan gaafatan qabu turani.

Kunis biyya isaanii haleellaa Ameerikaa jalaa akka ''eegan'' kan jedhu ture.

Ergasii Bashir aangoorraa kan kaafaman yoo ta'u, yeroo ammaa mana hidhaa magaalaa guddoo biyyattii Kaartum argamu keessa jiru.

Aangoorraa bu'uu Bashir booda walitti dhufeenyi Ameerikaafi Suudaan fooyya'u agarsiiseera.

Sudaan booda kana Israa'el waliin araara buusuf waliigaluun ishee ni yaadatama.

Haaluma kanaanis Sudaan biyyoota Arabaa Israa'el waliin walitti dhufeenyasaanii fooyyeeffatan keessaa tokko taatee jirti.