Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: Itoophiyaatti namoota Covid-19n qabaman keessaa %63 mallattoo hin qaban jedhame
Namoota Itoophiyaatti dhukkuba koronaavaayirasitiin qabaman keessaa kanneen %63 ta'an kan mallattoon dhukkuubbi irratti hin mullannee ta'uu Institiyutiin Fayyaa Hawaasa biyyattii beeksiise.
Institiyuutichi ibsa Kibxata kenneen akka himeetti, baatii Aooleessaafi Hagayyaa caalaa baayyinni namoota garmalee dhukkubsachuun mana yaalaa galan dabalaa dhufeera.
Haaluma kanaanis namoota hospitaala cisanii wallaanaman keessaa %1.4 kan ta'an kan kutaa wallaansa dhukkubsattoota garmalee dhukkubsatan keessa jiran jedheera ibsichi.
Itti-aanaan Daarektarii Institiyuutichaa Asichaaloo Abaayinaa akka jedhaniitti, Itoophiyaatti aanaalee hundattuu yoo xinnaate dhukkubsataan Covid-19 tokko gabaafameera.
Namoota biyyattii keessatti vaayirasichaan qabaman keessaa kan %57 ta'an kan umuriinsaanii waggaa 15-34 jidduutti argaman yoo ta'an, kanneen du'an keessaa ammoo kan %51.9 ta'an gaheessoota waggaa 60 ol ta'usaanii ibsichi dabaluun himeera.
Kana malees baayyinni namoota vaayirasichaan qabamuun lubbunsaanii darbanis %1.52 akka ta'u itti-aanaan Daareekitarichaa Obbo Asichaaloon dubbatan.
Haala baayyina namoonni vaayirasichaan keessatti qabamuu ilaalchisuunis Magaalaan Finfinnee, naannoon Oromiyaa, Tigraay, Amaaraa, Ummattoota Kibbaa fi Somaaleen wal dubaa duraan akka ta'e himan.
Ministirri Fayyaa biyyatti Dr Liyaa Tadasaa gama isaanitiin osoo fageenya hineeggataniifi maaskii hinkaawwatiin tajaajila kennuufi tajaajila argachuun waan saaxilamummaa vaayirasichaa dabaluuf of eeggannoo olaanaan akka taasifamuuf waamicha dabarsaniiru.
Ammallee of dagannaafi of eeggannoo taasisuun waan mulatuuf kunis dhimmi gatii nama kanfalchiisuu waan ta'eef qaamoolee hawaasaa hundi akka of eeganii akeekkachiisan.
Haalli baayyina du'a namoota vaayirasichaan qabamanii Itoophiyaatti %1.52 kunis, sadarkaa afriikaatti %2.4 yoo ta'u sadarkaa addnuyaatti ammo %2.8 ta'usaas ibsa Kanaan ka'eera.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras