Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Talaalliin dhibee sombaaf bara 1921 hojjetame Covid-19 irraa nama olchinnaa?
Saayintistoonni UK talaallii BCG (dhibee sombaa) kan bara 1921tti tolfame irratti akka Covid-1 irraa lubbuu oolchuuf gargaaruuf yaalii taasiisuu eegalaniiru.
Talaallichis bara sanatti dhukkuba sombaa akka ittisuuf kan qophaa'e yoo ta'u, dhukkubiiwwan gara biraas ittisuu akka danda'u ragaaleen muraasni ni jiru.
Namoonni gara 1,000 ta'an yaalii Yunvarsitii Ekistar keessatti gaggeefamu kanarratti ni hirmaatu.
Garuu UK keessatti namoonni miliyoonaan lakka'aman ijoollummaatti talaallii BCG kan fudhatan yoo ta'u, ammas irra deebiin talaalamu jedhameera.
Talaaliiwwan akka sirma dandamannaa ol kaasaniitti kan hojjataman yoo ta'an, dhukkuba jedhame sanaas hanga dhumaatti kan ittisan ta'u.
Garuu ammoo adeemsi kunis sirna dandamannaa qaamaa irratti jijjirama balaa akka taasisu dubbatama.
Kana jechuunis dandamannaa qaamaa dabaluun tarii akka koronaavaayirasii ofirra ittisuuf dabalataan carraa qaamaaf ummuu danda'a jechuun abdataniiru saayintistoonnis.
- Yaaliin kilinikaa duraa gaggeeffames talaalliin BCG du'a da'imman dhalattuu %38 akka hirrisee Giinii-Biisaawu keessatti mirkanaa'eera.
- Qorannoo talaalli kanaan walqabatee Afriikaa Kibbaatti gaggeeffameenis talaallichi infekshinii funyaanii, qoonqoofi sombaa %73n ni hirrisa.
- Qorattoonni Neezarlaandii keessaa ammoo BCG hanga vaayirasii busaa keelloo (Yellow Fever) qaama keessaa akka xiqqeessuu himan.
"Kunis addunyaarratti waan guddaa ta'uu danda'a,'' jedhan Yunivarsitii Mana Barnootaa Wallaansa Eksartiitti Pirofeessara kan ta'an Joon Kaambeel BBCtti yoo himan.
''Tarii Covid-19 ittisuuf kan oolu ta'uusaa addatti beekuu baannuulleen, talaallii Covid-19 argachuuf ykn walaansawwan biraa argachuuf garuu baroota dheeraa akka fudhatu yaadama.''
Yaaliin qorannoo UK kunis qaama qorannoo idil-addnuyaa kan Awustiraaliyaa, Neezarlaand, Ispeen fi Biraaziiliitti namoota waliigalaa kuma 10 filachuun gaggeefamaa jiruuti.
Yaaliin qorannoo kunis hojjattoota fayyaafi kunuunsa wallaansaa kanneen irra caalaa koronaavaayirasiif saaxilamtoota ta'an irratti xiyyeefachuun kan gaggeeffamuufi yoo talaalichi bu'aa qabeessa ta'e dafee kan ittiin baraaramnuudha.
Saam Hiltann, Eksarti keessatti Ogeessa waliigalaa yoo ta'an, waan akka doktara dursaan koronaavaayirasiif saaxilamoo ta'aniifi yaalii kana keessatti hirmaataa jira.
''Waa'een BCGn yoo Covid nama qabe carra nama dhukkubuu ni hiri'sa jedhu waan gaariidha,'' jechuun BBCTti himan.
''Kanaafuu kun ammoo humna ofirraa dhibee ittisuu akkan argadhuuf na gargaara; kanaaf ammoo ganna kana hojiitti deebii'uuf carraa akkan qabu argaan jira.''
Hogganaa Dhaabbata Fayyaa Addunyaa Dr Tedroos Adihaanoom Gabraysuus barreeffama Laanseetti irratti baasan tokkoon akka jedhaniitti, talaalliin BCG kun ''hanga talaalliini dhukkubichaaf addatti hojjatu argamuutti qaawwa jiru duuchuu danda'a,'' jedhaniiru.
''Kunis Covid-19 fi weerarawwan gara fuulduraa mudataniif deebii kennuuf meeshaa barbaachisaadha,'' jedha barreeffamichi.
Haata'u amlee, talaalliin BCG kun furmaata dhumaa miti.
Sababii dhukkubni sombaa UK keessatti gadaanaa ta'eef talaalliin BCG yeroo hunda hin kennamu.
Dabalataanis, talaalliichi qaamni sirna dandeettii dhukkubbii ofirraa hojjechuu (anitiibodii) akka ummatuufi seelii dhiigaa adii qaamaa akka koronaavaayirasii waraananiif hin leenjisuu jedhameera.
Tapha dhumaa
Addunayarratti talaalliin addatti koronaavaayirasiirratti xiyyeeffate akkuma galma olaanaa ta'etti jira. Talaalliiwwan akkasii kun kan Yunvarsitii Oksifoord dabalatee qorannoo kiliniikaa sadarkaa dhumaarratti argamu.
Garee Talaallii Oksiford irraa Prof. Andirewu Pilaard BBCtti akka himaniitti, ''Haallii ittiin talaalliiwwan hedduun hojjatanis, jarmii addaa ati ittiisuuf yaaltu irratti akka dandeettii dandamannaa uummatu gochuun,'' jedhan.
''Haata'u malee, rakkoon nuti har'a qabnu, ragaa omaa waan hin qabneefuu talaalliiwwan biraa koronaavaayirsiif deebii gaarii akka kennaniif maal gochuu akka qabnurratti waa sitti himuu hidnada'u,'' jedhaniiru.
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras