TVn durii attamiiin jiraattonni ganda tokko intarneetii akka dhaban taasise?

View of homes in

Madda suuraa, Google

Gandi tokko guutuun maaliif ganama sa'aa tokkootti intarneetiin akka jalaa adda cite hanga injinaroonni rakkoonsaa TV duriiti jedhanitti icciitii itti taheetu ture.

Abbaan manaa maqaan isaanii akka hin dhahamne gaafataniifi UK, Abeerhoosan Poowyas jiraatu TV'n isaanii durrii dambalii intarneetii ganda tokkoo akka danqu hin barre ture.

Ji’oota 18 booda ture sararrii intarneetii dabarsu geeddarameellee hojjechuu didnaan injinarootni qorannoo kan jalqaban.

Abbaan qabeenyaa TV kanaa qaaniidhaan lammata akka hin fayyadamne dubbatan. Amma gandi kun intarneetii tasagabbaa’aa tahe qabdi.

Ijinaroonni 'Openreach' jedhamuun hojjetan hanga meeshaa sakkatta’uu danda’u fayyadamuun rakkoo ture baranitti homaa isaaniif hin galle ture.

Abbaan qabeenyaa ganama ganama yeroo TV isaanii banan dambaliin elektiriikaa TV keessaa bahu intarneetii guutuu ganda sanaa danqaa ture.

‘’Isaanis lammata akka itti hinfayyadamneefi sababii TV isaniitiin haalli akkasii uumamusaatti akka qaana’an dubbatan,’’ jedhe injinar Mikaa’el Joons.

Injinaroonni meeshaa ispeektiram anaalaayzar jedhamtu fayyadamuun yoo rakkoon sagalee jeequmsa guddaa uumu jiraate baruuf socho’uu jalqaban.

‘’Meeshaan keenyas danqaan elekitiriikaa guddaa gandicha keessa akka jiru nutti agarsiiste,’’ jedha Joons.

TV’n kun sagalee elektiriikaa guddaa waan gadhiisuuf innimmoo meeshaalee biroos ni danqa.

Joons erga rakkoon ture kana akka tahe baramee booda gandi sun nagaan intarneetii fayyadamaa jirti jedhe.

Internet loading bar

Madda suuraa, Getty Images

Rakkoo biraa akkamiitu Intarneetiin balleessuu danda’a?

Suuzaan Raazfoord, 'Openreach' keessatti injinara duree Weelsii yoo taatuu, meeshaaleen elektiriikaa kanneen akka ibsaa karaarraafi sumsumni ekektiriikaa illee intarneetii biroodbaandii danquu malu jetti.

‘’Hawaasni meeshaan elektiriikaa itti fayyadaman kan galmaa’eefi ulaagaa biyyattiin ittiin fayyadamtu kan guutee tahuu akka mikaneessaniif agarsiisaa,’’ jetti.

Akkasumas rakkina qabaannaan battalumaatti gabaasaa taasisuu qabaatu jettis.