Koronaavaayirasi: Jarmaniin Naayijeriyaanoota lama yakka waliin dha'utiin to'atte

Madda suuraa, INTERPOL NIGERIA
Lammiileen Naayijeeriyaa lama bulchiinsa Jarman karaa intarneetiin Yuuroo miliyoona 2.3 waliin dha'uun erga hatanii booda to'annoo jala oolfaman.
Lammiieen Naayijeeriyaa kunneen poolisoota Jarmaniin kan qabaman erga meeshaalee ittisaa dhunfaa Covid-19 (PPE) dhiyeessina jechuun karaa intarneetiin yakka raawwataniin shakkamuun ta'uu poolisiin beeksiisera.
Naayijeeriyaanoonni lameen kunneen marsariitii kubaaniyaa biyya Holaandiitti argamu 'ILBN Holding BV' fakkeessanii hojjachuun bakka bu'aa bulchiinsa Jarman waliin dhahaniiru jedhame.
Maqaan shakkamtoota kanneenii Babatundee Adesaaniyaa kan maqaa masoo Tediin beekamu, akkasumas Akantuluu Haasan Abaas ta'usaanii Poolisiin kan adda baasee yoo ta'u, hanga ammaattis mana murtiitti hin dhiyaannee jedhame.
Bulchaan Kaaba Jarman Voon Yaayaanaa dhaabbatichi meeshaalee ittisa Covid-19 akka dhiyeessuuf waliigaltee raawwateen, Yuuroo miiliyoona 2.3 kan kafale yoo ta'u, haaluma waliigaltee isaanitiin meeshaalee qaqqabuu waan didaniif gara waajjira muummee dhaabbatichaa kan Neezarlaandiitti argamuutti qajeelan.
Dhaabbatichis isaan waliin waliigalteen daldalaa kamiyyu akka hin qabneefi akka hin taasifne ibsuun waan umamee qorachuuf, marsariitii fakkeeffamee hojjatameen waliin dhahamu beeksise.
Achiinis bakka bu'oonni poolisii Dachiitti beeksiisa.
Kanaan booda ture poolisoonni Holaandii shakkamtoota lamaan Magaalaa guddoo Naayijeeriyaa Leegoositti to'annoo jala kan olfamu danda'an.
Poolisiin Naayijeriyaa akka ibsaniitti, namoonni kunneen miseensoota warra yakka ''waliin dha'uun dadabarsa maallaqa wal xaxaa keessatti hirmaachuun'' shakkaman.
Shakkamtoonni kan biraa lama ammoo Neezarlaand keessatti to'annoo jala oolfamaniiru.
Shakkamtoonni kunneenis dhiheenyatti mana murtiitti kan dhiyaatan ta'u poolisiin beeksiise.

- KALLATTIIN: Odeeffannoo kallattii - lakkoofsa Covid-19 addunyaarratti
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras














