Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Koronaavaayiras: MM Xaaliyaanii duranii Silviyoo Berluskoonii hospitala galan
Ministirri Mumee duraanii Xaaliyaan Silviyoo Berluskonii erga Covid-19 qabamunsaanii mirkanaa'ee booda alkan hospitaala Miilaan keessatti dabarsan.
Paartii isaanii akka beeksiiseetti haalli fayyaa nama gaheessa waggaa 83 ta'e kanaa yaaddoo hin qabu, haala gaariirrattis argamu jedheera.
Akkasumas abbaan qabeenyaa midiyaafi ijoolleen isaa lamas guyyaa Roobii vaayirasichaan qabamunsaanii mirkanaa'eera. Kunis erga bashannana Saardiniyaa bakka tatamsa'iinni weerara vaayirasichaa Xaaliyaan keessatti itti baayyatuutti dhaqabiin boda jedhame.
Guyyaa Kamiisaa innis dhiiheenya Milaan ture.
''Haalaa Covid-19 to'achuuf of eeggannoo haaldure muraasni ni barbaachisa. Garuu nagaadha,'' jedhan seenaatarri paartiisanii Forzaa Itaaliyaa, Liisiyaa Ronzulii.
Berluskoniin Kamiisa alkan manasaanii Arkoree kan kaaba Milaaniitti argamu irraa, hospitaala Raataa'eel keessatti gara kutaa adda baafamanii turaniitti kan dabarfaman yoo ta'u, duraanis hakiimiin isaanii Dr Albartoo Zaangriloo akka mallattoo hin qabaannee ibsanii ture.
Midiyaalee Xaaliyaan MM duraanii biyyattii kun waggaa 30 gaa'elaan kan waliin turte Maartaa Faaskinaa jedhamtuus, vaayirasichaan qabamushee gabaasaniiru. Haatii warraasannii miseensa mana maree ummataa taatees adda of baasuurra jirti jedhame.
Berluskooniin ergaa Kamiisa barreeffama karaa bilbilaatiin roggessota paartiif erganiin ''Hanga naaf danda'ameetti duula filannoo ammaa kanarratti nan hojjadha,'' jedhanii ture.
Attamiin vaayirasichaaf saaxilamuu akka danda'an akka hin beeknees dabaluun dubbataniiru.
Xaaliyaaniin Fuulbaana 21-22 filannoo godinaa kan sababii weerara koronaavaayirasiitiif dabarfamee gaggeessuuf jirti.
Odeessaalee dabalataa dubbisuuf:
- SALPHAATTI ADDA BAASUUF: Mallattoowwan koronaavaayirasii maal fa'i?
- KORONAAVAAYIRASII: Gaaffilee keessaniif deebii
- MAAL GOCHUUN QABA: Walirraa fagaachuufi adda of baasanii turuu
- WANTOOTA SAGAL: Waa'ee koronaavaayiras nuti hin beekne
- QUBA QABDUU?: Wal-qunnamtii saalaa fi Koronaavaayiras